Bara kana keessa akkuma wanti gaariin jiru wantootni hamoofi nama dhiphisan baroota darban caalaa kan itti heddummaataniifi waggaatii gara waggaatti akka itti caalaa deeman qorannoon ni addeessa. Keessumaa dandeettiifi obsa geggeessitootaa kan qoraniifi dhiphisan waggoottan darban kurnan caalaa dhibbantaa 20 oliin dabalaa akka deeman agarra. Sababii ka’umsasaanii yoo ilaalle danuudha.
Geggeessitootni akka hojjettoota isaan jalatti hojjetan dhiphisan; geggeessitootnis ummata geggeessaniin akka dhiphachuu danda’an, haalli hojiifi egereen adeemsasaanii akka isaan dhiphisu yookaan yaaddoo itti ta’u agarra. Kanaaf namootni dhibbeentaan 76 ol bakka hojii isaaniitti haalota isaan mudatuun kan dhiphatan; namootni dhibbantaan 66 dhiphina irra ga’urraa kan ka’e hirriba akka hinqabne akkasumas namootni dhibbaantaan 16 hojiisaanii hanga gadi dhiisanitti akka ga’aa jiran qorannoon ni addeessa.
Maaliif namootni gar malee dhiphatuu? Attamitti rakkoo kana jalaa miliquun dandaa’amaa? Addumaan sadarkaa geggeessummaa irra namootni jiran yeroo ammaa attamitti haala dhiphisaa isaan mudatu injifatanii hojii eegalan itti fufuu danda’uu? Tarii gaaffilee kanaafi kan kana fakkaatan qabaachuu dandeenya ta’a. Haa ta’u iyyuu malee rakkooleen addaa addaa yeroo nu mudatan wanti nuti dagachuu hin qabne inni guddaan duraan dursinee yaada keenyatti fakkii nuti rakkoolee jiraniif qabnu akka ta’e beekuun barbaachisaadha.
Yeroo akkas jennu rakkina nutti dhufu keessa akka darbuu hin dandeenyetti yaaduun daran hamaadha. Dukkanni attamii yoo dura keenyaa nutti dhufe dukkanichi darbee ifni akka ba’uuf jiru dagachuun rakkina guddaa dha. Dukkana keessa teenyee yoo boonye dukkanichi inumaa ulfaataa fakkaatee nutti mul’ata. Ifni xiqqoon nuti mul’atu iyyyu ni dimismisaa’a. Rakkoon nu mudatu yoo kan nu rifaasisu ta’e karaa nu harkaa gatee kallattii nu jalaa miliqsee gara itti deemnu wallaalla.
Gara itti namoota geggeessinus ta’e sagantaa keenyaan akka hingeggeeffamne; taateewwan jiran akka nu geggeessan ta’a. Namootni nuti geggeessuuf kaanes nu geggeessuuf yaaluu danda’u. Inni kun balaa danuu waggoota darban keessatti bakka addaa addaatti caqasaa turre akka ta’ee beekamaa
Haa ta’u malee akka geggeessaatti rakkoon nu mudatan kan nu raasan utuu hin ta’in kan nu jabeessan ta’uu qabu. Rakkoo nu marse qofa utuu hin ta’e galma keenya irra ija keenya keewwachuun deemsa itti fufuun gaariidha. Rakkoon uumamu kan gadi nu qabu utuu hin ta’in kan dhiibee bilcheessee sadarkaa oliitti nu dabarsu ta’uutu irra jira.
Rakkoo gamanaafi gamasii ka’u, rakkoon xiqqoofi guddaan mul’atan kan nu rifaasisan waan qabnuufi gadidhiisnu nu dhabsiisan ta’uu hin qaban. Yoo dukkanni nu mudateyyuu yeroof malee darbuunsaa hinoolu. Dukkanni hangamillee yoo dheerate suuta suutaan ifaaf bakka gad-dhiisuun isaa hin oolu, kun immoo seera uumamaa ti. Rakkoon akka dhuunfaattis ta’e akka walootti nama mudatu bara baraan kan jiraatuufi itti fufu miti. Bakka ni gadhiisa. Isa kana dagachuun barbaachisaa miti.
Darbees rakkooleen yookiin haalotiin nama dhiphisan adeemsaafi hojii keenya keessatti yeroo nu mudatan akka isaan nu mo’atan yookaan akka mo’annu; dhiphinni nu mudatan akka nu to’atan yookaan akka to’atnu gochuu ni dandeenya. Egaa to’achuufi of to’achiisuun nu harka jira. Filannoon isaa kan keenya.
Wantootni yaada keenya to’atanii nu dhiphisan yeroo hedduu bara keenya keessatti kan raawwataman miti. Haa ta’u malee namootni hedduun kan ittiin rakkatan akka ta’e agarra. Kaanis hanga lubbuu isaanii balleessanitti kan ga’an ni jiru. Haa ta’u malee dhiphinni waan xiqqoo hanga goondaa geessuuf gaaddidduu sodaachisaa hanga qulxuu agarsiisuun guddaa fakkeessee mul’isa.
Kanaaf wantoota nu dhiphisan caalaa gaaddidduu isaaniitu nu sodaachisa. Dadhabbii cimaan kan nu mudatu wantoota sirrii ta’an hojjechuun utuu hin ta’in wal’aansoo gaaddidduu isaa kanaa wajjin qabnuun akka ta’e dagachuu hin qabnu. Kanaaf wantootni nu dhiphisan hedduun wantoota nu qunnaman miti.
Tarii arguu dhiisuu iyyuu ni dandeenya ta’a. Sababiin isaa yeroo hedduu kan namootni dhiphatan kan isaan irra ga’uun utuu hin ta’in narra ga’a jedhanii kan isaan tilmaamaniifi yaadaniin akka ta’e beekamaadha. Haa ta’u malee akka namaatti sadaa jalaa baanee dandeettii keessa keenya jirutti fayyadamuun barbaachisaadha. Wantootni nuti hubachuu qabnu yoo jiraate rakkoo nu mudatan mo’achuuf hanga yaadnuun olitti jaboodha; hanga tilmaamnuun olitti cimoodha; hanga hubatnuun olitti beekoodha. Rakkoon nu mudatan ciminaan hanga keenya hin ga’an. Baay’een isaanii gaaddidduu nama sodaachisan qofa.
Rakkoon nu mudatanis taanaan caalaatti nu cimsu malee nu hin kuffisan. Egaa yeroo hedduu kan nama miidhu dhiphina utuu hin ta’in akkaata nuti ittiin dhiphina sana ilaalluudha. Hundumaa irra ammoo tarii dhiphinni yookaan rakkoon tasumaa na hin mudatu jennee yoo yaadna ta’e hamaadha. Akka namaatti rakkooleen addaa addaa nu mudachuu danda’u. Akka geggeessitootaattis akkasuma. Isa kana keessatti tasgabbiifi ogummaan utuu hin jeeqamin; utuu karaa irraa hin badin; utuu bitintirree daandiifi mul’ata qabnu irraa hin maqin hiikuun barbaachisaadha. Mo’ichi hubannaafi ogummaan mala dha’uu keessa jira. Keessumatti inni kun geggeessitootaaf daran barbaachisaadha.
Yeroo tokko tokko namootni of ajjeesuuf yaalii godhanii utuu hin milkaa’in hafan du’a oolan gaabbii of ajjeesuuf yaalan yeroo ibsan utuu akkas jedhanii dhaga’ee beeka, “Guyyaan har’aa jireenya koo keessatti ni dhufa jedhee hin tilmaamne. Dukkanan keessa ture keessaa ba’uuf furmaatni dhumaa du’a natti fakkaatee ture. Nama halkan walakkaa qofaa isaa dhaabatu, gammachuun kan irraa fagaatee fi filatnoo kan biraa nama hin qabne, nama duwwaa kaleessaatiif karaan ba’umsaa inni tokkichi du’a natti fakkaatee ture.
Garuu nan dogoggore. Hamaa mo’achuun, rakkoo injifachuun utuu dandaa’amuun harka kenne”. Namootni akkasii fageessanii ilaaluu namoota dadhabaniidha. Namootni akkasii rakkoo yeroof kan harka kennani. Namootni akkasii dandeettii keessa isaanii jiru hanga dhumaatti namoota fayyadamuu dadhabaniidha.
Tarii nu’is yeroo baay’ee bakka hojii keenyaattis ta’e jireenya jiraannu keessatti wantootni abdii nama kutachiisan nu mudachuu danda’u. Wantootni nama dhiphisan nu mudachuu ni danda’u. Isaan kun jiraachuu beekuun barbaachisaadha. Yeroo nu mudatanis akkataa itti injifatnu irratti hojjechuudha malee jeeqamuun hinbarbaachisu.
Addunyaa kana irrati waa’een ogummaafi falaasamaa yeroo dubbatamu kan yeroo baayyee maqaa dha’amu Sooqiraaxis akka ta’e beekamaadha. Haati manaa isaa qoramsa isaa guddaa turte. Baay’ee dhiphifti turte. Garuu innii isa haati manaa isaa arrabaan isa dhiphiftu utuu hin ta’in isa ishee irraa barate dinqisiifata ture. Arrabni ishee hamaa waan tureef guyyaa guyyaa arraba ishee baqatee bakkee oole gala ture. Kana gochuu isaa kan caqasu hiriyaan isaa tokko “Maaliif ishee hiiktee nagaa hinqabaattuu?” jedhee gaafate. Sooqiraaxis garuu deebisee “Biyyi lafaa kun akka isheen jijjiiramtu kanan baradhe isheerraati. Isheen barsiiftuu kooti. Egaa attamittan ishee hiikaree?” jedhee deebiseef.
Egaa rakkinni kan nu dhiphisu illee yoo ta’e waan nu barsiisu danuu qaba. Isa kana ammo injifachuu malee ittiin injifatamuu hin qabnu. Ittiinis mo’amuu hin mallu. Isa kana irratti hojjechuun, harka laachuu irra of qoqqobbachuun gaariidha.
“Dukkanni hangam illee yoo dheerate ifaaf bakka gadhiisuunsaa hinoolu, kun immoo seera uumamaati.”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012
6 Comments to “Ba’aa utuu hinta’iin akkatti baatantu nama cabsa!”