Omishaalee hafan sassaabuuf hunduu akka tumsu waamichi dhihaate

Finfinnee: Omishaalee qonnaa bara 2012 sassaabbiif qaqqaban hunda galchuuf hawaasni hunduu akka tumsu Ministeerri Qonnaa waamicha dhiheesse.

Ministeerichi ibsa miidiyaaleef ergeen akka beeksisetti, bara 2012tti akka biyyaatti lafa heektaara miliyoona 13.55 misoomsuun omisha kuntaala miliyoona 382 sassaabuuf karoorri qabamee, lafa heektaara miliyoona 13.51 uwwisuun danda’ameera.

Sochii hanga yoonaa taasifameen waliigala lafa heektaara miliyoona 8.1 % 60 irraa omisha sassaabuun kan danda’ame yoo ta’u, isa hafe sassaabuuf tumsi taasifamaa jira. Haala kanaan Oromiyaatti omishni %52, Amaaraatti % 61.2, Tigraayitti % 81, Kibbatti %55.6, Beenishaangulitti %24, Harariitti %92 akkasumas, Gaambeellaatti %100 sassaabuun danda’ameera.

Haa ta’utii ammas roobni yeroosaa hineegganne kan ittifufe ta’uusaatiin ummanni hundi dammaqinaan omishasaa sassaabuu yoo baate miidhaansaa olaanaa ta’uu waan danda’uuf hunduu hirmaachuu akka qabu ibsichi ni mul’isa.

Ministeerichi, raaga haala qilleensaa ji’a Muddee Ejensii Meetrolojii Biyyaalessaa eeruun akka ibsetti, ji’achi yeroo caalu haala qilleensaa aduu goggogaafi qilleensawaa kan qabu ta’ullee jijjiirama qilleensaa uumameen roobni yeroo hineegganne mudateera. Haala kanaan Oromiyaa Lixaatti Wallagga Bahaa, Jimma, Iluu Abbaa Booraa, Arsiifi Baalee, Harargee Bahaafi Lixaa, Godinaalee Gujiifi Booranaa, Gaambeellaa, Finfinnee, kutaalee Naannoo Kibbaa, Naannoo Amaaraatti, Gojjaam Bahaafi Lixaa, Walloo Kaabaafi Kibbaa akkasumas, Shawaa Kaabaatti, Godina Tigraay Kibbaa, godinaaleen naannoo Somaalee harka caalaansaanii rooba idileefi isaa olii ni argatu. Kutaaleen biyyattii hafan qilleensa goggogaa akka qabaatan raagni jiru ni mul’isa. Wayita ammaa omishni hedduun sassaabbiif kan qaqqabeefi qaqqabaa kan jiru ta’uusaatiin sababoota adda addaatiin qisaasamaaf akka hinsaaxilamneef dafee walitti qabamuu qaba. Kanaafuu kutaalee hawaasa garagaraa hirmaachisuun omisha miidhaa jalaa baraaruun barbaachisaa ta’uus ni eera.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012

Recommended For You

2 Comments to “Omishaalee hafan sassaabuuf hunduu akka tumsu waamichi dhihaate”

  1. Pingback: al togel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *