Gumaa

Ummanni Oromoo tooftaalee aadaa walitti bu’insa uumaman ittiin furuufi seera kabachiisu hedduu qaba. Namoota lama, maatii, gosa lama, sabaafi sablammoota ollaa ummata Oromoo  gidduutti walitti bu’insa uumamu aadaa araaraa maanguddoo hawaasaa Oromootiin furama. Waldhabdeen bifa akkanaatiin uumamu jabaatee gara qaama hir’isuu ykn lubbuu baasuutti kan ce’u yoo ta’e tooftaa araaraa, gumaadhaan furmaata argata.

Kanaaf, gumaa yoo jennu jireenya hawaasummaa saba Oromoo keessatti qooda olaanaa kan qabu jaarmiyaa araaraa hawaasaati  jechuun ni danda’ama. Haalumaan kanan namoota lamagidduutti, maatiifi gareewwan adda addaa gidduutti wal dhabinsa uumamuun kan ka’e dhiigni dhangala’ee lubbuun namaa yoo darbe dhugaan qulqullaa’ee, araarri bu’ee, nagaan mirkanaa’ee yaanni firoomaafi jaalalaa akka dagaagu kan gargaaru tooftaa haaloo ittiin haqanii mala jireenyaa ittiin uumaniidha.

Ummanni Oromoo jaarsi  hammatee, bokkuufi caaccuu qabatee, waraana ciibsee, kan dogoggore gorsee, kan jallate soroorsee, kan dhiiga namaa dhangalaase adabee, kan miidhame waldhaanee ykn waldhaansisee araaraafi qabbana kan ittiin buusu, firoomaafi jaalala kan ittiin dhugoomsu keessaa inni tokkoofi hangafti seera aadaafi mala jireenya hawaasummaa jaarmiyaa gumaati. Sirna gumaatiin eenyummaafi maalummaan ummata Oromoo ni calaqqisa. Kanaafuu, jaarsi Oromoo abaaree balleessuu, eebbisee badhaasuu, sagadee araarsuu kan ittiin danda’u waltajjii caffeeti.

Seerri gumaa waraqaarratti barreeffamee keeyyata kan bu’uureffatu osoo hintaane akkaataan gochaafi raawwiisaatii abaabileerraa akkaakileetti, darbaa kan dhufe ammas darbaa kan jiru; fuula daras kan jiraatu, kan ummanni Oromoo haaloo namootaafi gareewwan gidduutti uumamu hambisee, nageenya, jaalummaafi obbolummaa cimsee kan ittiin tursiise duudhaa ganamaati.

Gaheen seera gumaa haaloo ajjeechaa hambisuu qofa miti. Kan ajjeese gumaa baasisa; kan du’eef gumaa nyaachisa. Kaffaltiin gumaa horii ykn maallaqa ta’a. Garuu waljibbuun, haaloo walkakaasuu kan ittiin hambisu, qabbanaafi firooma kan ittiin dagaagsu inni guddaan duudhaa kakuufi eebbaati.

Sirna kakuufi eebbaa kanaanis yaadaafi qalbiin namootaa booji’amee araarri bu’ee nageenyiifi walamantaan mirkanaa’a. Sirni kakuufi eebbaa erga raawwatee boodas gosni lameen gidduusaaniitti araarri ni bu’a. Gabaa tokko daldaluun, laga tokko ce’uufi dhuguun, walfuudhuufi dhiigaan walitti maka’muun ni uumama.

Gumaan seera aadaafi mala jireenyaa ta’ee hiika addaa qabaachuunsaa bira darbee ummanni Oromoo aadaasaa “Olaantummaan” kan gaggeessan abbootiifi jaarsolee biyyaatiif ulfinaafi kabaja qabu agarsiisuuf waadaa seene kan mirkaneessu fakkeenyaafi muuxannoo gaarii jireenyaati.

Maddi: Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Aanaa Dagam

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 27/2012

Recommended For You

7 Comments to “Gumaa”

  1. Pingback: tải go88
  2. Pingback: advertising scam
  3. Pingback: best cam sites

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *