Finfinnee: Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Bahaafi Giddu Galeessa Afrikaa (‘’CECAFA’’)n waggaa waggaadhaan biyyoota miseensota Konfedereeshina kubbaa miilaa gidduutti gaggeeffama.
Wal morkiin kun baranas gareewwan biyyoota 12 jidduutti ramaddii sadiin adda qoodamuudhaan Sadaasa 27 hanga muddee 6 bara 2012 magaalaa Ugaandaa istaadiyoomota sadirraatti gaggeeffama jedhameeti eegama.
Waaliyaanonni garee Eritiriyaa wajjin ramaddii tokkoffaa keessatti kan hirmaatan yoo ta’u Qopheessituun waancaa Ugaandaafi gareen Burundiis achi keessatti argamu jedhameera.
Haaluma kanaan ramaddii lammaffaa keessatti kan ramadaman Ripaabilikiin Dimokiraatawa Koongoo, Sudaan Kibbaafi Somaaliyaan yoo ta’an ramaddii sadaffaa keessatti Keeniyaa,Jibuutii, Taanzaaniyaafi Zaanziibaar akka argaman beekamera.
Shaapiyoonaa kanarratti gahumsa guddaa agarsiisti kan jedhameefii gareen Ruwaandaa sababii hanqina baajeetaatiin hirmaannaa ala ta’uu isaa konfedereeshinichi ibseera.
Ruwaandaan waggaa baranaa kana walmorkii waancaa kubbaa miilaa Bahaaf Giddugaleessaa Afrikaa dargaggoota umri 17 gadii qopheessummaa Ugaandaatiin adeemsifame guyyoota muraasa dura waancaa dubartoota Bahaafi Giddu Galeessa Afrikaarratti haaluma wal fakkaatuun hirmaachuu dhabuun ishee kan yaadatamudha.
Waaliyaanoonni torban darbe waancaa kubbaa miilaa Afrikaa ALA bara 2021 Kaameerunitti gaggeeffamuuf walmorkii gulaalaa garee Kootdiivoor wajjin adeemsifachuudhaan 2-1n mo’achusaaniitti wal morkii kanaaf qophii olaanaa taasisaa jiru.
Shaampiyoonaan kun biyyoota lameen Itoophiyaafi Eritiriyaa waggoota dheeraa boddee ramaddii tokko keessatti kan walitti dhufan yoo ta’u hariiroon isaanii daran akka cimu isaan taasisa jedhameeti eegama.
Gama biraatiin walmorkii waancaa kubbaa miilaa Bahaaf giddu galeessa dubartoota Afikaa torban lamaaf Taanzaaniyaatti adeemsifametti Luusiiwwan mo’amuudhaan gara biyyaatti deebi’uun isaanii ni yaadatama.
Tashoomaa Qadiidaatiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012
3 Comments to “Waaliyaanonni garee Eritiriyaa wajjin ramadaman”