Shaampiyoonaan paartiilee siyaasa baranaa haala addaafi yeroo addaatti

Shaampiyoonaa paartiilee siyaasaa, isa walakkaa xumuraa bira darbee nuusa xumuraatti seenaa jiru, kan guyyaa geebaatiif ji’ootni muraasni hafan, guyyaa geebaa  guyyaa eebbaa!

Gaafa isa dorgomicha  mo’ateef gammachuu isa mo’ameef immoo gadda guyyaa seenaa guyyaa addaa. Yeroo mootummaan haaraa tarsiimoofi imaammata haaraan biyya bulchuuf carraa itti argatu, yeroo inni biyya bulchaa ture immoo dogongorasaa baree itti sirreeffatu, biyya bulchuudhaaf waadaasaa itti haaroomfatu, guyyaa cinqii, guyyaa hamtuudha.

Heerri biyyatti erga ragga’ee barri kun waggaa 25fa yemmuu ta’u, wantoota heera biyyattii keessatti akka dirqamaafi agarsiiftuu dimokraasiitti ta’an keessaa inni tokko waggoota shan shaniin filannoo dimokraataawaa ta’e gaggeessuudha.

Rakkoon uumamaafi namtolchee ulfaataa ta’e yoo uumameen alatti filannoon yeroosaa eeggatee adeemsifamuu akka qabu kan dirqisiisu heerri biyyattii kun, erga heerichi ragga’ee asittis filannoowwan afur yerooma gaggeeffamuu qabutti adeemsifamaa har’a ga’uu danda’eera.

Biyyattiin gama filannoo gaggeessuutiin muuxannoo filannoowwan marsaa shanii qabaattus, filannoowwan darban kunniin hundi gama bilisa ta’uutiin, haqa qabeessaafi hunda hirmaachisuutiin hamiiwwan hedduu keessummeessaa turuunsaas waan waakkatamuu miti.

Filannoon seenaa biyya kanaa keessatti isa jalqabaa ta’e kan gaggeeffame bara 1987 yemmuu ta’u, duulli na filadhaa gaggeeffamee akkuma guyyaan filannicha dhihaataa dhufuun garuu gochootni farra dimokraasii hedduun paartiiwwan dorgoman irratti gaggeeffamuu eegale.

Paartiiwwan siyaasaa gaafas filannoof dhihaatan keessaa isa tokkoof deggartoota hedduu kan qabu ABOn,  paartiiwwan erga filannoo jala ga’aniin booda shirri guddaan irratti xaxamee filannicharratti akka hin hirmaanne taasifaman keessaa fakkeenya gaariidha.

Mudaafi rakkoo hedduu qabaatus achirraa eegale osoo walirraa hincitiin har’a kan ga’e filannoon biyyanaa, filannoo biyyaaleessaa isa sadaffaanis  seenaa filannoo biyya kanaa keessatti  godaannis hamaa uumee darbeera.

Inni afraffaan bara 2007 gaggeeffameefi paarlaamaan amma hojirra jirus teessoo hunda paartii tokkicha jalatti kuffisuudhaan seenaa filannoo addunyaa keessatti teessoo guutuu qabachuudhaan kitaaba ‘Giinasii’ irratti galmaa’eera.

Barana immoo yeroo jahaffaadhaaf kan gaggeeffamu filannoon biyyaaleessaa kun, “Haa adeemsifamuufi haa darbuu” irratti paartileen siyaasaa hamma tokko walfalmaa jiru. 

Warri filannichi darbuu qaba jedhan akka sababaatti kan dhiheessan rakkoolee biyyattii asiif achitti darbee darbee mul’atu yemmuu ta’u, warroonni filannichi adeemsifamuu qaba jedhan immoo rakkoon kun hundi fala kan argatu filannoodhaan mootummaan ummanni filate yemmuu jiraate qofa jedhanii amanu.

Kun akkuma jirutti ta’ee garuu, paartiin biyya bulchuufi  mootummaanis filannichi yeroo qabameefitti adeemsifamuu akka qabu yeroo adda addaatti himaa turaniiru.

Gaaffiin guddaan amma ka’uu qabu garuu, filannoo bara kanaa seenaa filannoo biyyattii darban keessaa adda ta’uusaati. Wantoota adda isa taasisan keessaa  paartiin filannoowwan darban hunda keessatti hates ta’u filatamee mo’ataa ture maqaafi tarsiimoo addaatiin dhiyaatuusaati.

Dur paartileen ADWUI keessa jiran hundi naannoo itti socho’anitti dorgomuudhaan sagalee argatan walitti dabalatanii mootummaa uumaa turan. Barana immoo itti yaadamees ta’u akka carraa, filannoo jala ga’anii paartileen kunniin walitti makamuudhaan paartii tokko(Paartii Badhaadhinaa) uumaniiru. (Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayiin) alatti jechuudha.

Seerotni filannoofi shororkeessummaa sirraa’uunsaanii akkasumas dirreen siyaasaa bal’achuusaafi hidhamtootni siyaasaa hedduun gadi lakkifamanii filannoodhaaf qophaa’aa jiraachuunsaanis wantoota filannoo baranaa adda isa taasisan keessaa isaan gurguddoodha.

Komiifi hamiin filannoowwan darban shanan irratti ka’aa ture sun isa baranaa irratti akka hin uumamneefis wantootni dirqamsiisan hedduutu mul’achaa jira. Kana keessaa immoo ministira muummee dabalatee akka durii korojoo hatanii mootummaa ta’uun akka hinyaadamne irra deddeebi’anii kaasaa turaniiru.

Haalli addunyaafi hubannoofi dammaqinni ummattoota biyyattiis  hanna filannootiif waan mijatu hin faakkatu. Hunda caalaa immoo, ce’uumsi waggaa tokkoofi walakkaa gama dimokraasiitti taasifamaa jirus haalonni durii sun akka deebi’aniif carraa waan uumu hin fakkaatu.

Walumaagalatti, sababoota armaan olitti tarraa’an kanneen irraa ka’uudhaan filannoon barana gaggeeffamu bifa hundaan isaan hanga ammaatti adeemsifamaa turanirraa adda ni ta’a jedhameeti eeggama.

Filannoo haqa qabeessaa, ifaafi bilisa, akkasumas dimokraatawaafi dorgommiin cimaan irratti gaggeeffamuufis ga’een hawaasa biyyattiifi dhaabbilee dimokraasii addunyaa olaanaadha.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012

Recommended For You

3 Comments to “Shaampiyoonaan paartiilee siyaasa baranaa haala addaafi yeroo addaatti”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *