Itoophiyaan biyya sabootaafi sablammoota hedduu afaan, aadaa, duudhaafi seenaa garagaraa qabanirraa kan ijaaramte yoo taatu, isaan keessaa ummatni Oromoofi Amaaraa dhibbantaa 62 qabatu.
Ummattootni lameenuu jaarraawwan danuuf saboota biroo waliin karaa nagaafi jaalalaan jiraachaa kan turan yemmuu ta’u, bara darberraa kaasee garuu sababoota addaddaatiin dargaggoota gidduutti walitti bu’iinsi eenyummaarratti xiyyeeffate uumamaa tureera; barana ammoo daranuu hammaateera. Sadarakaa walitti bu’iinsi eenyummaa kunirra gahe kan isaan yaaddesse Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad paartiileen siyaasaa walitti dhufanii akka mari’atan taasisaniiru.
Abbootiin qabeenyaas madduma rakkoo kanaa ta’uunsaanii waan hinoolleef waltajjii mariidhaan rakkoo nageenya biyyattii mudachaa jiru akka furaniif kallattiin kaa’ameera. Isaanis waamicha mootummaatiin isaaniif taasifame owwaachuun koree miseensota 40 of keessaa qabu hundeessuun hojii keessa galaniiru. Obbo Bulbulaa Tolees walittiqabaa ittaanaa korichaa ta’uun hojechaa kan jiran yoo ta’u, turtiin kutaan qophii gaazexoota Bariisaafi Addis Zaman tibbana isaan waliin taasisan akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Ka’umsi hundeeffama koreen abbootii qabeenyaa Oromaaraa maali?
Koreen abbootii qabeenyaa ummata Oromoofi Amaaraa hatattamaan akka hundaa’uuf kallattumaan ajaja kan dabarsan Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadi. Kaayyoonsaa inni guddaanis walitti bu’iinsota eenyummaarratti xiyyeeffachuun keessumaa yunivarsiitiiwwan mootummaa keessatti lubbuu barattootaa harcaasaaniifi invastimantii barbadeessaa jiran dhaabsisuudha.
Haalli sochii invastimantii, sirna daldalaafi hojii baruu barsiisuus waliigalaan yoo ilaalamu sodaarraa kan ka’e jeeqamaa waan tureef jiruufi jireenya hawaas-dinagdeerratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Walshakkiin keessumaa dargaggoota Oromoofi Amaaraarratti calaqqisaa jiru ammoo daranuu akka hammaatuuf harki abbootii qabeenyaas keessa jiraachuunsaa kallattii hundaan mirkanaa’eera.
Kunis gama tokkoon abbootiin qabeenyaa ofumaan ofiisaanii akka sakatta’aniif kan gargaaru yoo ta’u, gama biraatiin ammoo dargaggootaaf carraa hojii bal’inaan akka uumaniif yaadameeti.
Bu’aan waltajjii marii dargaggootaarraa
argame maal fakkaata?
Akkuma koree kana hundeessineen waltajjii marii sadii qopheessine. Jalqaba abbootii qabeenyaa ummattoota lameenii waliin, ittaansee ammoo dargaggootaafi ogeessota miidiyaa waliin dhimmoota walitti bu’iinsa eenyummaarratti xiyyeeffate dhaabsisuurratti bal’inaan mariin gaggeeffameera; bu’aan argames abdii qabeessa.
Keessumaa ammoo qabeenyi ummataafi namoota dhuunfaa barbadaa’uurra darbee lubbuun lammiilee nagaa darbaa waan jiruuf waliin jireenya ummattootaarratti dhiibbaa guddaa dhaqqabsiiseera. Miidhaa dhaqqabaa jirurraas qaamni fayyadamaa ta’u waan hinjirreef walta’insaan dhaabsisuun murteessaa ta’uun irra gahame.
Yaadolee dargaggootni kaasan
Dhuguma dubbachuuf taanaan dargagoota ummattoota lameenii walitti fidanii mariisisuuf haalotni mijataa hinturre. Yeroo gabaabaa keessatti waltajjii akkanaa qopheessuun ciminaafi ofkennuu gaafata. Miseensotni koree abbootii qabeenyaas kutannoodhaan waan itti seenaniif marsaa jalqabaa milkaa’inaan xumurreerra.
Yaadoleen dargaggootarraa ka’an garuu baay’ee walirraa kan fagaataniidha. Fakkeenyaaf, waa’een sirnoota mootummaa darbaniifi ammaa bal’inaan kan ka’an yoo ta’u, kunis seenaa Itoophiyaa kaleessaarratti waliigalteerra gahuu akka hindandeenye kan nama hubachiisuudha.
Hundarra ammoo ijaarsa sirna dimokraasii saffisiisuuf danqaaleen gama mootummaatiin jiranis eeramaniiru. Abbootiin qabeenyaa tokko tokkos karaa qaxxaamuraatiin fayyadamuuf ykn caalaatti duroomuuf walitti bu’iinsota hammeessaa akka jiran ka’eera.
Yaadolee ka’anirratti hamma danda’ame deebiin kan kenname yoo ta’u, keessumaa rakkoon ijoo ummattoota Itoophiyaa seenaarraa kan madde ta’uun ibsameera. Gaaffileen yeroodhaa yerootti seenaa wajjin walqabatanii ka’an akkuma jirutti ta’ee dargaggootni walii waliisaanii dhaggeeffachuufi waldanda’uu akka qaban ibsameeraaf. Kanaan boodas sirna Itoophiyaa kaleessaa deebisanii ijaaruun waliin jiraachuun waan hindanda’amneef biyyaafi seenaa haaraa bu’uuressuuf hunduu tumsaan hojjechuu akka qabu hubachiifamaniiru. Dargaggootni martuus irratti waliigalaniiru.
Mootummaanis rakkoo mataasaa waan qabuuf tarkaanfii barbaachisu fudhachuu akka qabu ka’eera. Siyaasa biyya kanaa adeemsuma keessa hirmaannaa ummataatiin qajeelchaa deemuunis furmaata waaraa fiduu akka danda’u eerameera. Waliigalaan garuu yaadoleen dargaggootarraa ka’an marti qaama mootummaa dhimmi ilaallatuuf gabaafamaniirus.
Yaadolee ogeessotni miidiyaafi aktivistootni kaasan
Miidiyaan akka mootummaa afraffaatti ilaalamuun ni beekama. Kunis hojiilee misoomaa saffisiisuurra darbanii gahee isaan bulchiinsaa gaarii mirkaneessuufi sirna dimokraasii ijaaruu keessatti qaban olaanaa waan ta’eefi. Qixa kanaan miidiyaalee keenya yoo ilaallu hanga barbaadame ta’uu baatus sadarkaa gaariirra jiru jechuun ni danda’ama.
Haa ta’u malee erga waggoota shanii as miidiyaaleen mootummaafi dhuunfaa kallattii tokkummaa ummattootaa miidhuun hojjechaa jiru. Kunimmoo ogeessotni miidiyaa hangam ogummaasaaniif kabaja kennaa akka hinjirre kan mul’isuudha. Waltajjii marii taasifameenis kan ilaalame yoo ta’u, sirrii akka hintaane fudhatameera.
Keessumaa ammoo ogeessotni miidiyaa walitti bu’iinsota yeroodhaa yerootti uumamaa turan saba irraa dhalataniif qofa looguun odeeffannoowwan waliin jireenyaa ummattootaa jeeqan dabarsaa akka turanis ka’eera. Ragaalee qabatamaa malees odeeffannoowwan sobaa tamsa’uun gurra ummataan gahamaa tureera. Kunneen hundi walitti ida’amanii sabootaafi sablammoota biyyattii gidduutti walshakkii uumaa waan jiraniif hatattamaan sirreeffamuu akka qabu itti amanameera.
Aktivistootnis irra caalaatti odeeffannoowwan ummattoota dogoggorsiisan dabarsaa waan jiraniif sirreeffamuu akka qabu ilaalameera. Qabsoonsaanii garuu dhaamuu ykn dhaabbachuu waan hinqabneef, hundarra tokkummaafi waliin jireenya ummattootaaf eeggannoon taasifamuu akka qabu irratti waliigalameera.
Daangaa hojii koree abbootii qabeenyaa Oromaaraa
Koreen abbootii qabeenyaa ummata Oromoofi Amaaraa kun yeroof walitti bu’iinsota ummattoota lameen gidduu jiru furuuf kan hundeeffameedha. Ta’us, rakkooleen nageenyaa akkuma biyyaattuu waan mul’ataniif naannolee lamaan keessatti daangeffamuurra abbootii qabeenyaa saboota biroo makannee waliin hojjechuuf karoorri qabameera.
Kana jechuun ammoo gaaffiileefi rakkooleen dargaggoota biyyattii maalfaa akka ta’an adda baasuuf kan gargaaruudha. Abbootiin qabeenyaas walitti dhufanii kan socho’an taanaan hoji dhabdummaa dargaggootaa salphaatti kan furu ta’uusaati. Kanaafuu, koreen abbootii qabeenyaa kun yeroo booda gara waldaatti guddatee biyyattii kan gargaaruudha jechuun ni danda’ama.
Wantoota akka yaaddootti fudhataman
Hojiin jalqabame haala itti fufiinsa qabuun deemnaan keessumaa dargaggoota keenyarratti jijjiirama guddaa fiduu ni dandeenya. Haa ta’u malee magaalota addaddaatti sochiileen wajjummaa ummattootaa jeeqan ni mul’atu. Fakkeenyaaf, magaaluma Finfinnee keessattillee dirreewwan ispoortii osoo hinhafiin qaamoleen ummata bal’aa arrabsaniifi hadheessan ni jiru. Mootummaan warreen akka kanaa seeratti hindhiyeessu taanaan tattaaffiin abbootiin qabeenyaa taasisaa jiran faayidaa hinqabu.
Gama biraatiin ammoo sochiin diyaaspooraan taasisaa jiru daran kan abdii nama kutachiisuudha. Namootni tokko tokko Itoophiyaa keessaa bahanii waa’ee walitti hidhamiinsaafi waliin jireenya sabootaafi sablammootaa gadi fageessanii hinbeekan. Jireenya mijataa waan jiraataniif qofa eenyummaa ummattootaa hadheeffatanii arrabsaa oolu.
Kunimmoo kallattumaan lammiilee biyyattiirratti dhiibbaa waan uumuuf yaaddoofi sodaa guddaa nutti uumeera. Hanga danda’ametti garuu dargaggoota keenya gorfachuun carraa hojii isaaniif uumuu qabna. Hawaasnis tumsa barbaachisu gochuu qaba.
Waliigalatti, walitti bu’iinsi eenyummaarratti xiyyeeffatee mudachaa jiru ummattoota biyyattii kan miidhuudha. Kana dhabamsiisuuf ammoo keessumaa rakkoolee dargaggootaa furuun murteessaadha. Abbootiin qabeenyaas qoodasaanii bahachuuf kutatanii ka’uusaanii hubachuun danda’ameera.
Takkaalliny Gabayyootiin
Suurri Daanyee Abarraatiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012
6 Comments to “Abbootiin qabeenyaa fuulasaanii gara dargaggootaatti naanneffataniiru”