Ummanni biyyattii dhibbentaan 27 ammas dirreetti qulqullaa’aa jira

Finfinnee: Waggoota shanan darbaniif hawaasni biyyattii aadaa mana fincaaniitti fayyadamuu akka dagaagfatuuf duulli hojii hubannoo uumuuf taasifamaa ture bu’aa buusuu eegaluu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Itoophiyaatti sababoota guguddoo du’aafi  miidhaa qaamaatiif nama saaxilaa jiran sadii keessaa inni tokko rakkoo qulqullina eeggachuufi bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuu ta’uu ministir de’eetaan ministeerichaa Doktar Liyaa Kabbadaa himaniiru.

Daa’imman umriinsaanii waggaa shanii gadi ta’an keessaa dhibbantaan 22 ta’anis sababuma rakkoo qulqullinaa kanaan lubbuusaanii dhabaa kan jiran ta’uu dubbatu.

Qabiinsa qulqullinaa fooyyessuuf waggoota shanan darbanitti hojiiwwan hedduu hojjatamaa turanis bu’aan tattaafficha madaalu kan hingalmoofne ta’uufi duulli itti fayyadama mana fincaanii fooyyessuuf taasifamaa ture bu’aa gaarii agarsiisaa jiraachuu ibsu.

Sadarkaa hamaarra kan ture itti fayyadamni mana fincaanii yeroo ammaatti fooyya’iinsa agarsiisuudhaan  ummanni mana fincaaniitti hinfayyadamne gara dhibbentaa 27tti xiqqaateera jedhan.

Biyyoota birootiin yemmuu walbira qabamee ilaalamu garuu ammallee lakkoofsi nama dirreerratti qulqullaa’aa jiruu kun olaanaa waan ta’eef furmaata hatattamaa kan barbaadu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila bishaan dhugaatiifi qabiinsa qulqullinaa qabu iddoowwan hundatti mirkaneessuuf immoo ga’ee waajjiraalee olaanaa waan ta’eef qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin hojjattamaa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan hanga bara 2030tti ummanni hundi mana fincaaniitti akka fayyadamuuf  karoorri qabameera.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012

Recommended For You

One Comment to “Ummanni biyyattii dhibbentaan 27 ammas dirreetti qulqullaa’aa jira”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *