Pirezidaantiin duraanii Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz, Obbo Yaaragaal Ayishashuum dhukkuba tasaa isaan mudateen Wixata darbe galgala boqochuunsanii ni yaadatama.
Sirni awwaalchaasaaniis Roobii darbe bakka firoonniifi hiriyoonnisaanii akkasumas qondaaltonni mootummaa argamanitti Finfinnee, iddoo awwaalcha hordoftoota amantii Pirotestaantii, Pheexiroos Waphaawuloositti raawwatameera.
Sirnicharratti Pirezidaantii Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadlee Hasan dabalatee Oromiyaarraa Doktar Girmaa Amantee, Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Tamsageen Xirunahiifi qondaaltonni mootummaa naannoofi federaalaa kan argaman yoo ta’u, Obbo Yaaragaala Ayishashuum wayita Naannoo Beenishaangul Gumuz hogganaa turanitti naannicha boodatti hafummaafi hiyyummaa keessaa baasuuf kutattummaan hojjechaa turan jechuun Obbo Ashaadleen ibsaniiru.
Gaazexaan Bariisaa dhiyeenyuma kana walitti makama ADWUIn taasisaa jiruufi haala wayitii biyya keenyaarratti kutaa qophiisaatti afeeree gaafdeebii isaan waliin taasisee ture. Ibsa isaan nuu kennan keessaa maxxansawwan keenya darban adda addaarratti kan keessummeessine ta’us guutummaa seenaafi hojiisaanii akkasumas qabsoo isaan taasisaa turan akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Obbo Yaaragaal abbaasaanii Obbo Ayishashuum Birhaaneefi haadhasaanii Aadde Shittaayee Yimaamirraa Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkal, Aanaa Dibaaxee, Magaalaa Dibaaxeetti Fulbaana 16 bara 1962 dhalatan.
Barumsasaanii sadarkaa duraa Miishinii Dibaaxeetti, sadarkaa lammaffaa Chaagnii Godina Matakal, Magaalaa Chaangiitti argamutti hordofan.
Bara 1982 Kolleejii Leenjii Barsiisotaa Kotabee seenanii waggoota lama booda Seenaadhaan dippiloomaa argatanii Godina Baalee, Aanaa Gololchaa, Mana Barumsaa Jaarraa Sadarkaa Lammaffaatti hanga bara 1986tti barsiisummaan tajaajilaniiru.
“Baale akka bakka dhaloota koottin jaaladha, jireenya kootiif bu’uura. Ilma Baaleeti jedheen himadha” jechuun kan kan of ibsaa turan Obbo Yaaragaal, Naannoo Beenishaangul Gumuz ittigaafatamummaa hojii olaanaa adda addaatiin tajaajilaniiru. Keessumaa bara 1987 hanga 2002tti pirezdaantii naannichaa ta’anii tajaajilaa wayita turanitti fayadamummaafi jijjiirama ummataatiif hojjetaniiru.
Waamicha Sochiin Bilisummaa Ummata Gumuz bara 1986 dhiyeesseefiin akkasumas seenaa Itoophiyaa waan barataniifi barsiisaniif fedhiin siyaasaa keessoosaaniitti uumameen siyaasatti makamuusaanii eeranii turan. Akkuma sochichatti makamaniin Biiroo Barnootaa Naannichaatti Ittigaafatamaa Qajeelcha Qo’annoofi Qorannoo Sirna Barnootaa ta’anii tajaajilaniiru.
Ittigaafatamaa Biiroo Ittisa Balaafi Qophaa’ummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz ta’uunis hojjetaniiru. Godina Matakkalitti ummata Aanaa Dibaaxee bakka bu’uunis miseensa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa ta’uun hojjetaniiru. Utuma kanaan jiraniiti pirezidaantii naannichaa ta’uun bara 1987 kan filataman. Dura taa’aa Paartii Dimokraasummaa Ummatoota Beenishaangul Gumuz ta’aniis tajaajilaniiru.
Yeroon isaan pirezidaantii naannichaa ta’uun gara aangootti dhufan haalli nageenyaafi tasgabbii rakkisaa turus bilchina hoggansaatiin keessa darbaniiru. Walitti bu’iinsa gosaafi sabummaa uumamaa tures ummata mariisisuun furaa turan.
Naannoo daandii dabalatee bu’uuraaleen misoomaa irraa fagaatee turetti ciminaan hojjetaa turan. Keessumaa yeroo gannaatti hanqina guddaa kan ture misooma daandiirratti xiyyeeffannaan hojjetaniiru. Seektaroonni hojii mootummaa mana dhuunfaafi hoteela keessatti hojjetaa turan. Rakkoo kana keessaa akka bahaniifis tattaaffii cimaa taasisaniiru.
Gama fayyaatiinis hospitaalonni lama kanneen Asoosaafi Matakkalitti argaman qofatu ture. Obbo Yaaragaal kanarraa ka’uun babal’isa hospitaalotaarrattis hojjetaniiru. Isaanumti lamaan kunuu waraanaa sirna Dargii keessaa geggeeffamaa tureen barbadaa’anii turan. Waraanichaan bu’uuraaleen misoomaa jira jedhamallee garmalee barbadaa’ee ture. Kun akka deebi’ee dandamatuuf adda durummaan hojjetaniiru.
Naannoleen biroo xiqqaatus raacitii sirna Dargii keessa hojjetame qabu. Beenishaangul Gumuz garuu gama kanaan daran miidhamaafi boodatti hafaa ture. Naannoo haala kanaan rakkoo guddaa keessa ture ceessisuurratti of kennanii kutattummaan socho’aniiru.
Naannichi gartokkeen Gojjamirraa gariin ammoo Wallaggaa citee waan hundeeffameef Matakkalirraa ka’amee gara Asoosaa dhufuuf daandii dheeraan deemamaa ture akka gabaabbatuuf qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessanii raawwiisaa dhiyeenyaan hordofaa turan. Walumaagalatti bu’uura misoomaa zooroodhaa gadi ture ijaaruufi babal’isuurratti miira aantummaafi quuqamaatiin hojjetaniiru.
Haallitti naannoleen asii achi citanii hundaa’anis haala iftoomina qabuun waan hindaangeffamneef rakkoo guddaatu uumamaa ture. Kanumarraa ka’uun bara 1985 Paawweerratti walitti bu’iinsi cimaan uumamee ture. Kanaanis qaamolee hoggansaa dabalatee lubbuun namootaa darbeera, qabeenyis barbadaa’eera. Gama Kaamaashiitiinis haalli walfakkaataan uumamee ture. Obbo Yaaragaal rakkoolee kanneen furuufis qo’annoorratti hundaa’uun xiyyeeffannaan hojjetaniiru.
Bara 1986 konfaransii misoomaafi nageenyaa hawaasa hunda hirmaachise geggeessuun mariin akka taasifamu taasisanii turan. Nagaan akka bu’uufi misoomatti akka seenamu taasisan. Rakkoo uumamurratti qo’annoon akka geggeeffamu taasisuudhaan nagaan akka bu’uuf hojjetaa turan. Kanaanis naannichi akka fakkeenyaatti akka eeramu taasisaniiru. Sanadoota qopheessuun naannolee ollaa (Oromiyaafi Amaaraa) wajjinis misoomarratti dhiyeenyaafi wajjummaan hojjetaa turan.
Dhimma jidduseenummaarrattis akkana jedhanii turan. Heerichi akka heerummaasaatti dhimmoota guguddoo of keessatti qabateera. Garuu hojiirra oolmaasaarratti rakkoo guddaan tureera. Hanqinni yoo jiraatellee heerichi Qoraana ykn Macaafa Qulqulluu waan hintaaneef fooyyessaa deemuun gaarii ture. ADWUIn akka ADWUItti rincicummaa qaba ture. Heerichi hinfooyya’u jechuurra akka dogoggora hinqabneetti fudhatee deemaa ture.
Naannolee guddataa jiran ilaalchisee deggarsi addaa ni taasifamaaf jedhamee ture. Haallitti deggarsi jedhame kun hojiirra itti oolurratti labsiis ta’e qajeelfamni biraa ifaan kaa’ame hinjiru.
Dhimmi deggarsa addaa kun akka iftoomina qabaatuuf waltajjiilee argatan hundarratti fakkeenya biyyoota biroo eeruun kaasaa turan. Deggarsichi maal akka ta’e addaan bahee beekamuu qaba jechaa turan. Karaa ifa hintaaneen maqaa deggarsaatiin paartiilee Naannoo Amaaraa, Kibbaafi Tigraay bulchaa namoonni dhufaa turan. Kunis sirrii akka hintaane kaasaa turan. Maal akka nu gargaaruuf dhufan waanti ifatti tarreeffame hinjiru. Seektaroonni ogeeyyonni irraa ramadamaa turanis kan naannichi hinbarbaannerraayyi jedhan. Waggoota lama qofa turanii, durgoo fudhatanii deemu. Namoonni kunniin qabeenya naannichaatiin carraa barnoota alaa argachuuf maqaa naannichaatti fayyadamaa turan. Namoonni kunniin qooda jidduseenummaa malee deggersarratti waanti isaan raawwatan hinjiru. Kanaaf gochoota badii akkanaa mormaa akka turan nutti himanii turan.
Daandiin asfaaltii Magaalaa Asoosaa akka hojjetamuuf gaafatamanii deebiin, “Imaammanni misoomaa ADWUI baadiyyaa malee magaalaa miti” jedhu kan kennameef ta’uus eeranii turan. Dhimma kanas cimsanii akka morman ibsanii turan.
ADWUIn paartiilee biyyaalessaa naannolee afur qofa bakka bu’aniin paartiilee naannolee shan alatti dhiisuun waggoota 27 darbaniif biyya bulchaa ture. Adeemsa kana keessa paartiilee adda addaa naannolee guddatoo jedhamanitti socho’aa turan akka walitti makamaniif gorsaas tureera.
Obbo Yaaragaal Ayishashum, ADWUI wajjin walitti makamuuf yeroo dheeraaf gaafachaa turuu eeranii, “Isin naannoleen guddataa jirtan horsiisee bultoota waan taataniif bu’uura “Abiyootaawwii dimokraasii hinqabdan. Bu’uurri abiyootaawwii dimokraasii qonnaan bulaa qofa” jedhamaa turre jedhan.
Ejjennoo kana ifatti mormaa turuus ibsanii, horsiisee bulaan kan jiru naannolee guddattoota jedhaman qofa keessa otoo hintaane Oromiyaa keessa horsiisee bulaa harka 40 ta’utu jira jennee amansiisuuf yaalaa turre jedhan. Wanti bu’uura ‘abiyootaawwii dimokraasii’ jedhamu kun keessumaa Naannoo Beenishaangul Gumuz gartokkeen qonnaan bulaa hammachuu dhiisuuf yoo ta’e malee yaadichi sirrii miti jechuun ifatti falmaa akka turanis ni dubbatu.
Walitti makamni amma itti deemamaa jiru keessumaa naannolee guddataa jiraniif oduu gaarii ta’uu eeranii kan turan kan Obbo Yaaragaal, dhimma kana akka paartiittis ta’e bulchiinsa mootummaa naannootti gaafachaa waan turreef amma xiyyeeffannaa argachuunsaa waan jajamuu qabuudha jedhan.
Adeemsi walitti makamuu kun yaa’iiwwan ADWUI yeroowwan adda addaatti geggeeffamaa turanirratti irra deddeebiifi bal’inaan ka’aa turuus yaadachiisanii, ABUT amma mormaa jiru dabalatee miseensonni addichaa marti yaadicha mormii tokko malee fudhatanii raawwiisaatiif tattaafataa turuu beeksisaniiru.
“ABUT amma gara walitti makamicha mormuutti kan ce’e waan raawwachiisuu dhabeef qofa; otoo ofii raawwachiisee waan maqaa argatuuf kana dhabuusaatti waan mufateefi.Kana malees yoo qaamni biraa raawwachiise waanti na jalaa hafu jira jedhee waan yaadeef kan gara adeemsa mormuutti seene” jedhan.
Abbaa ilmaan dhiiraa sadiifi dubara tokkoo kan turan Obbo Yaaragaal, tarii walitti makamuun kun faayidaa dhabsiisu jiraachuus waan danda’uuf qaamoleen taayitaa dabalatee faayidaalee adda addaa maqaa sabaatiin funaannachuu baran adeemsa kana mormuu danda’u jechuun ibsanii turan.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012
8 Comments to “Obbo Yaaragaal Ayishashuum bara 1962 hanga 2012tti”