Waancaa kubbaa miilaa dargaggoota addunyaa umrii 17fi Afrikaa

Finfinnee: Ispoortiin kubbaa miilaa akaakuuwwan ispoortii qalbii hawaasa addunyaa harkisaniifi hordoftoota baay’ee horachuudhaan beekaman jalatti ramadama. Wayita dorgommiin ispoortii kun dirreewwan adda addaatti adeemsifamu ummanni addunyaa biiliyoonaan lakkaawaman qaamaanis ta’e karaa miidiyaalee adda addaatiin saganticha ni hordofu.

Ispoortiin kun eessattiifi akkamitti akka jalqabame beekamuu baatus Ardii Awurooppaa,biyyaa Ingilizitti akka jalqabame garuu ni himama.Haata’u malee taphni kun qalbii ummata heddu harkisuun fudhatama olaanaa argachaa kan dhufe Olompikii Ammayyaa kan Giriik magaalaa, Ateensitti ALA bara 1896 adeemsifame irraa kaaseeti jedhama. Adeemsa keessa taphichi guutummaa addunyaarratti babal’ate.

Kanumarraa ka’uun Waldaan Federeeshina Kubbaa Miilaa Addunyaa (“FIFA”)n ALA bara 1904 hundeeffamuudhaan biyyoota adda addaa jidduutti wal morkiin kubbaa miilaa mataasaa danda’ee akka gaggeeffamu bu’uura kaa’eera.

Federeeshinichi miseensota hedduu horachuusaatti wal morkii waancaa kubbaa miilaa adduyaa isa jalqabaa biyyoota 13 jidduutti ALA bara 1930 akka adeemsifamu murteesse.Haaluma kanaan waancaan kubbaa miilaa Addunyaa baruma sana Ardii Ameerikaa Kibbaa Uraagaayitti adeemsifame.

Wal morkiin waancaa kubbaa miilaa Addunyaa kun  kan gageefamu  gareewwan biyyaaleessaa biyyoota miseensa waldichaa Ardiiwwan jahaa jiddutti yoo ta’u hirmaattonni ammoo taphattoota beektota turan.

Waldaan kun suuta suuta cimaa dhufuudhaan waancaa kubbaa miilaa,dargaggootaa umrii 20fi dargaggoota guddattootaa umrii 17 gadii  jidduuttis waggaa lamatti al tokko akka adeemsifamu murtaa’e.

Haaluma kanaan waancaan kubbaa miilaa dargaggoota guddatoota addunyaa ALA bara 1985 yeroo jalqabaaf gareewwan  biyyoota 16 jidduutti magaaloota Chaayinaatti ramaddii afuriin akka gaggeeffamu ta’eera.

Shaampiyoonichi edda jalqabamee waggoota 34 lakkoobsiseera.

Waggootan kaneen keessatti biyyoonni 16 keessummeesaniiru. Biyyoonni sagal ammoo waancaa kana fudhataniiru.

Waancaan kun kanaan dura yeroo 17ffaaf yoo qophaa’u al torba Ardii Afrikaa galeera.Yeroo afur ammoo biyyoota Awurooppaarra marmaareera. Ameerikaa Kibbaa yeroo sadi yoo galu, Amerikaa giddu galeessaa al lama,   Isiyaa ammoo yeroo tokko  galuun isaa beekameera.

Biyyoota Afrikaa miseensota waldichaa (FIFA)  54 keessaa waancaa kanarratti kan hirmaatan biyyoota 19 qofa.Naayjeeriyaan yeroo 12 hirmaattee waancaa shan fudhachuudhaan Afrikaarraas ta’u  addunyyaarraa  biyyaa duraa ta’udhaan beekamti.

Naayjeeriyaan waancaa jalqabaa isa Chaayinaatti gaggeeffame kanatti shaampiyoona ta’uudhaan Afrikaan dargaggoota guddattootaan olaantummaa akka qabdu addunyaa maratti mul’isuudhaan biyyaa duraati.

Naayjeeriyaan waancaa kana fudhachuushee malee waancaa dargaggoota guddattoota addunyaa 13ffaa ALA bara 2009 qopheessuudhaan Siwiizarlaandii wajjin waancaaf dhihaatee 1-0n mo’amuudhaan lammaffaa ta’uun ishees kan yaadatamudha.

Akkasumas gareen dargaggoota guddattoota  Gaanaa yeroo sagaliif  hirmaachuudhaan waancaa  lama kan fudhate yoo ta’u yeroo lama waancaaf dhihaatee Naayjeeriyaafi Biraaziliin mo’amuudhaan waancaa ala ta’eera.Al tokko  sadaffaa,tokkotti ammoo arfaffaa ta’uun isaa kan bekamudha.

Wancaa kana fudhachuuf carraa  dhabanis biyyoonni Afrikaa Giiniifi Maaliin si’a shan shan,Koti’divoor al afur,Ripaabilikni Koongoo,Tuuniisiyaafi Burkiinaa Faasoo yeroo sadi sadi,Misir,Kaameeruun,Seenegaalii fi Gaambiyaan ammoo al lama lama ,Seeraaliyoon, Toogoon, Maalaawwiin, Aljeeriyaan, Rwaandaan Morookoonfi Afrikaan Kibbaa yeroo tokko tokko hirmaataniiru.

Afrikaanonni waancaa kubbaa miilaa adduyaarratti taphattoota beektootaan gulaalliilee darbuuf yeroo baay’ee gufuu itti ta’us dargaggoota guddattootaan ammoo addunyaarraa sadarkaa olaanaarratti argamti.

Biyyi teenya Itoophiyaan ammoo waancaa kubbaa miilaa addunyaa darbu miti kan Afrikaafi giddu galeessa Afrikaafuu darbuun tabba guddaa itti ta’aa tureera.

Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa dargaggoota guddattoota addunyaa kun baranas yeroo 18ffaa magaaloota Biraazilitti gareewwan biyyoota 24 jidduutti adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u boru xumurama jedhameeti eegama.

Walmorkii kanarraatti Biyyoonni Afrikaa afur kan hirmaatan yoo ta’u arfanuu sadarkaa sadarkaadhaan harca’anii tapha waancaatii ala ta’uun isaanii beekameera.

Walmorkii kanatti Kaameeruun  tapha gulaalaa duraatti mo’amuudhaan gaggeeffamteetti. Angoolaan Naayjeeriyaafi Senegaal ammoo walakkaa xumuraaf dhaqqabanis  mo’amuudhaan yeroomaan gara biyyaatti dacha’aniiru.

Walmorkiin walakkaa irboo maahessaa dheengadda kan adeemsifame yoo ta’u Meeksikoon Neezarlaandi 1-0n,Biraaziil Faransaayi 2-0n mo’achuudhaan tapha waancaaf dhiyaataniiru.

Taphni kun  boru kan xumuramu yoo ta’u qopheessituun waancaa Biraaziliif Meeksikoon waancaaf, Faransaayifi Neezerlaandiin ammoo sadarkaa sadaffaa argachuuf taphatu.

Recommended For You

2 Comments to “Waancaa kubbaa miilaa dargaggoota addunyaa umrii 17fi Afrikaa”

  1. Pingback: pglike

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *