“Qabsoo taasisaa turretu kuufamee qeerroon dhaalame” -Pirofeesar Kuwee Kumsaa

Pirofeesar Kuwee Kumsaa gaazexeessituu, qabsooftuu mirga namaafi barsiistuudha. Haadha warraa qabsaa’aa mirga Oromoofi hayyuu siyaasaa, Jaal Leencoo Lataa kan ta’an Pirofeesar Kuween waggoota 29 booda dhiyeenya kana gara biyyaatti deebi’aniiru. Gaafdeebiin isaan Gaazexaa Bariisaa wajjin Dilbata darbe taasisan akka armaan gadiitti  dhiyaateera.

Bakka dhalootaafi barnoota

Magaalaa Dambi Dolloottan dhaladhe. Barumsa hanga kutaa 12tti achumattin baradhe. Isa booda ‘Yunivarsitii Hayilasillaasee’ kan yeroo ammaa Yunivarsitii Finfinnee jedhamuttin baradhe.

Hojii gaazexeessummaa akkamitti jalqabdan?

Raadiyoo Sagalee Misiraachoottin hojjechaa ture. Luba Guddinaa Tumsaatu yeroo Raadiyoon Sagalee Misiraachoo Afaan Oromootiin jalqabu anaafi nama Bulloo Siibaa jedhamu mindeesse. Afaan Oromootiin hinjalqabamu jedhanii hojii nuu kennuu didan. Torbanitti sa’aatii tokko Afaan Oromootiin akka darbuuf garuu ajaji itti kennamee ture.

Luba Guddinaan garuu “Dhaqaa taa’aa galaa malee hojiirraa hinhafina” jedhanii nu gorsaa turan. Ji’oota sagal guutuu Afaan Oromootiin akka hinhojjenne nu dhorkan. Ji’oota kanneen keessatti ilaalcha (ayidiyooloojii) siyaasa Koministii Afaan Oromootti hiike.

Ji’a saglaffaatti mindaa keenya ji’a sagalii warra nu hojjechiisuu diderraa cetee nuu kaffalame. Isa booda warri nu hojjechiisuu didan diina nu godhatan. Gaafa nuti Afaan Oromootiin hojjechuu eegallu sagantaan keenya ummata biratti baay’ee jaalatame. 

Raadiyoon Sagalee Misiraachoo bara mootummaa Dargii Ministeera Beeksisaatiin dhaalamnaan anaafi Bulloo gara Gaazexaa Bariisaa nu geessan. Gaazexaan Bariisaa yeroo harka nama dhuunfaa ture tola ooltummaadhaan irratti barreessaa turre. Erga Gaazexaa Bariisaarratti nu ramadanii garuu mindaadhaan hojjechuu jalqabne. Hojjettoonni haaraan biroonis mindeeffamanii wajjin hojjechuu jalqabne.

Akkamitti gara qabsootti dhuftan?

Qabsoo yeroon mana barumsaa sadarkaa 2fa baradhun jalqabe. Sochii barataa keessatti hirmaachuun dhagaa darbachuu kanin jalqabe yeroo sana. Yoo warri dhiiraa sochii barataa keessatti hirmaachuu didan “Waandaboo koon sii kenna” jedheenii xiiqii keessa galchaa ture. Doktar Nagaasoo Gidaadaa kutaa 10fatti seenaa nabarsiise. Paampileetiin “Kana beektaa” jedhu kan Afaan Oromootiin barreeffameefi barattoota yunivarsitii biraa baatu waliin kan walnabarsiise Doktar Nagaasoodha.

Anis Afaan Oromootiin ni barreeffamaa edaa? Gaaffiin, barattoonni Oromoo waan akkasiitti jiruu laata? jedhu yeroon kutaa 10fa baradhu nakeessatti uumame. Qaanqee kana na keessatti kan facaase ammoo Doktar Nagaasoo Gidaadaati. Yeroo sana hiriira baanee loltotatti dhagaa darbanna. Humni waraanaa barattoota hedduu qabee reebullee barataan du’e hinturre.

Yeroon Yunivarsitii Finfinnee seenes barattoota madaa’an gargaaruuf jecha koreen tokko akka hundaa’u taasisne. Hojjettoonni mootummaa, abbootiin qabeenyaafi barattoonni miseensota korechaa turan. Aniifi Leencoonis (abbaa warraasaanii) koricha keessa turre. Koreen maqaa barattoota madaa’an gargaaruutiin hundaa’e boodarra mootummaatti iyyachuu jalqabe.

Yeroo mootummaan barattoota gara duulaatti erguuf jedhes ijoolleen Oromoo walgeenyee ibsa ejjennoo baafannee tamsaasuudhaan duuluu dinnee gara maatiitti deebine. Oromummaan haala kanaan walarguufi waliin mari’achuudhaan babal’ataa dhufe. Gaaffiin sabummaas ka’aa dhufe. Cunqursaa dubartootarra ga’us kaasaan ture. Garuu gaaffii akkasii akkan hinkaafneef dhorkamaan ture. Gaaffii yeroo sana nakeessatti uumamerraa ka’uun yeroon rippoortara Gaazexaa Bariisaa turetti fuula (‘page’) Dhimmi Dubartootaafi Oromummaa qopheessaan ture. Hojiilee akkanaa bu’uura godhachuunin qabsootti seene.

Erga Obbo Leencoo wajjin bultii dhaabbattanii hangam waliin jiraattan?

Erga Leencoo wajjin bultii dhaabbannee waggoota sadii qofa waliin jiraanne. Ijoollee sadii Huurriyaa, Roobaleefi Gooliis horanne. Otoon mucaa keenya sadaffaa ulfa guutuurra jiruu Leencoon bade. Manni keenya yeroo sana waajjira ABOti jechuun ni danda’ama. Oromoon baadiyyaadhaa dhufu mana keenyatti walga’a. Namni badee ykn dhokatee dhufu nu bira qubachaa ture. Barattoonni yunivarsitiis mana keenyatti walga’ii taasisaa turan.

Huurriyaa jechuun maal jechuudha?

Yeroo sana sirba Afaan Oromoo Somaaliyaafi Hararirraa darbutu ture. Sirbichis “Huurriyaan aannanii nama beekutu dhugaa, Kan Huurriyaa hinbeekne bira taa’ee mugaa” kan jedhu ture. Boodana bilisummaa jedhamuu jalqabe. Macaafa Qulqulluu keessaa ammoo Onesmoos Nasib Huurriyaa ‘Huurrii ba’uu’ jedhee hiike. Nutis yeroo mootummaan Hayilasillaasee kufe bilisa baane seenee mucaa keenya Huurriyaa jennee moggaafne. Erga Afaan Oromoo guddataa dhufee bilisummaa dhageenye malee yeroo sana bilisummaa huurriyaadhaan beekna ture.

Iddoo Obbo Leencoon hinjirretti haalli jireenyaa akkam tureree?

Obbo Leencoo barbaachaaf jecha reeffi ani higaragalchine hinjiru. Huurriyaafi Roobalee harkatti qabadhee Goolii ammoo garaatti baadheen ulfa guutuudhaan isa barbaacha jooraan ture. Oromoon har’a waliif birmatullee yeroo sana nu baqate.  Namni nabeeku karaatti yoo natti dhufu akka nama seexana argeetti na baqatee karaa gamatti ce’a. Mana hidhaattillee namni nagaafatu hinturre.

Namootni mana hidhaatti nama gaafachuu dhufanis gara koo hinilaalan. Ani garuu ija nama na beekuun hawwa. Dhugumammoo namootni nu beekan utuu nutti hiiqanii mootummaan Dargii isaan hindhiisu ture. Yoo jireenya jedhame haala akkanaa keessa turre.

Isin akkamitti qabamtan?

Yeroon qabamu rippoortara Gaazexaa Bariisaan ture. Ana dura gulaalaa gaazexichaa, Waldayohaannis Hundeetu qabame. Guyyoota lama booda namoonnumti Waldayohaannis sadan daqiiqaa 10f si barbaanna jedhanii balbala biiroo koorraa na qaban. Utuun biiroo hinseenin ammoo mindaa koo ji’aa fudheen ture. “Mindaa kiyya amman fudhee, ijoollee kootiifin ergee dhufa” jedhee kadhannaan miiltoo koo wajjin hojjennu naa waamanii mindaa koo itti kenne. Sana booda ija kiyya hidhanii nafuudhanii waan sokkaniif gara na geessan hinbeeku. Eddiin haala kanaan qabamee hanga waggaa torbaatti ijoollee kiyya argee hinbeeku.

Ijoolleen keessan eenyu wajjin turanree?

Ani yeroo sana waa’ee ijoollee koorratti boo’een maraadhe. Ijoollee koo firoonni akka fudhatan natti himamaa ture. Ijoolleen kiyya abbaas haadhas dhabanii waliis akka hindhabneef namnumti tokko otoo fudhatee jedheen dhaamaa ture. Ijoolleen koo homaayyuu yoo dhaban wajjummaan haa jiraatan jechaan ture. Ijoolleen kiyya sadanuu fudhatee kan guddise obboleettii Leencooti. Isheenis ijoollee kiyya fudhattee Jimma deemte.

Miidhaa mana hidhaatti isinirra gahe akkamitti ibsitu?  

Yeroo sana mana hidhaatti kaballaadhaan nama simatu. Achi keessatti nama hiraarsuun (‘torch’) gochuun akkuma nagaa nama gaafachuutti ilaalama. Ija hidhanii gadigaragalchanii faana namaa jala tumu. Yeroo ‘torchi’ nama godhan akkamitti narviin namaa akka walitti suntuuru ibsuun daran ulfaata. Gidiraan namarraan dhagahamu waaqatti ol nama utaalchisa. Nama dhiphisuu, gidirsuufi reebuurratti teknikiiwwan danuu qabu.

Warri reebichaan faanni isaanii jalli madaa’ee, ciccitee tortore baallee simbiraatiin raammoo ofirraa haxaa’u. warri reebamanii dhaqni isaanii madaa’e ciqileedhaan  foqoqanii aduutti ba’anii karkarfatu. Aduu keessa ciisanii hollatu. Tumanii qoricha kennuufiin illee hinjiru. Namoota akkasitti gidirsaa turan waggaa torba booda ajjeesan. Waggaa torba gidiraa arganii utuu boran ba’a jedhanii eeggatanii gad fuudhanii qalan. Kun baay’ee nagaddisiiseera.

Yeroo mana hidhaa turtanitti ijoollee keessan wajjin walargitanii beektuu?

Waggaa torba keessatti mucaa kiyya ishee hangafaa, Huurriyaa yeroo tokko argeen ture. Waggaa torba booda ijoolleen kiyya Jimmaarraa gara Finfinnee waan dhufaniif ji’atti altokko akkan dubbisu naaf eeyyamamee ture. Namootni warra hidhaman gaafachuuf dhufan baay’ee waan turaniif ijoollee kiyya wajjin walarguuf carraan jiru dhiphaadha ture. Utuu dabaree eeggatanii sa’aatiin eeyyamame dhumee utuu walhinargin hafaa turre.

Erga mana hidhaatii baatanii booda haalli jireenyaa akkam ture?

Bakkin itti hidhame, ‘Karchalleen’ akka mankuusaa ture. Bakka ‘Maa’ikalaawwiin’, “Yeroo barbaannu dhufnee fudhannaa, namni kun as nuuf haa turu” jedhee nama ittidarbatuudha.

Oggaa itti tole dhufanii kan barbaadan hiikanii, kaan ammoo ajjeesaa turan. Yeroo baay’ee maqaatu waamama. Namni waamame waan qabatu qabatee fiigee ba’a. Anis hidhaa waggoota sagaliifi ji’oota sagalii booda Fulbaana 2,  guyyaa Dargiin aangoo itti qabate sababeeffachuun hiikame.

Ani akkan hiikamu quba hinqabu. Yeroo maqaan koo waamamu rifeensa koo miiccachaan ture. Otoon miiccadhee hinxumuriin sardamaan gaabii kiyya fudhee bahe. Maqaa waamamuu kana keessa hiikamuun, ajjeefamuufi iddoo biraatti ‘torchi’ ta’uun waan jiruuf sodaadheen ture.

Namootni maqaansaanii waamamee mana hidhaatii ba’an yeroo hiikamne jedhan ni ajjeefamu; yeroo ajjeefame jedhan ammoo ni hiikamu. Waanumtisaa hinbeekamu ture. Warra maqaan keenya waamame hunda awutobisii tokkotti nu naqan. Yeroo awotobisichi gara Maa’ikalaawwiitti qajeelu namootni ni hiikamna jedhanii gammadanii sirbaa turan. Yeroo Maa’ikalaawwii bira darbinu ammoo nu ajjeesuufi, jennee naane. Ta’us garuu garuma itti hiikamnu geeffamaa turre.

Guullallee, naannawaa Yohaannis awutobisicharraa buune. Ammas deebinee nahuun keenya hinoolle. Achumatti fixanii nu awwaaluufi, jennee naasuudhaan hadoodne. Gaazexeessitoonnis kaameeraa qabatanii nu fuuldura jiru. Kaameeraadhaan nu waraabaa utuu nu ajjeessuu baatanii jenne. Utuman, “Ijoolleen koo kana hinargin” jedhuu galma guddaa tokkotti nu galchan.  Jeneraalli tokko dhufee nu fuulduratti ba’ee har’aa qabdanii hiikamtaniittu jedhe.

Namoonni waliin hiikamne garuu nu ajjeesuuf jedhanii sodaa guddaa keessa waan turaniif waan jeneraalli sun jedhu hindhageenye. Erga inni si’a lamaa sadii irra deddeebi’ee ibsee booda ililchanii harka rukutan. Sababni hidhamneef otoo nutti hinhimamiin waggoota 10f hidhamne jechuudha.

Hiikamee garuu bakkan dhaqun wallaale. Namni na irraanfateera; anis nama irraanfadheera. Aadde Tsahaay Tolasaa (haadha warraa Luba Guddinaa Tumsaa) wajjinan mana hidhaatii hiikamee isaanuma wajjin manasaaniitti gale.

Eddii mana hidhaatii baatanii maal hojjechaa turtan?

Akkuman mana hidhaatii baheen hojii gaazexeessummaa kiyyatti deebi’uuf gara kutaa Qophii Gaazexaa Bariisaa dhaqe. “Ati mormituu mootummaa waan taateef siif bakka hinqabnu” naan jedhan. Hojii biraas akkan hinhojjenne nataasisan.  Yeroon mana hidhaa ture warra maatirikii fudhatan qayyabachiisaa ofii kootiifis maatirikii fudhee qabxii gaarii waanan qabuuf yunivarsitiitti deebi’ee barumsa koo jalqabe.

Akkuman yunivarsitii seeneen jeequmsi uumame. Warra mana hidhaatii ba’antu jeequmsa kaase jedhanii nurratti ka’an. Mootummaan Dargii yeroo sana kufuuf qarqara gaheera. Waraanni Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Ummata Tigraayiifi kan Ertiraa Finfinneetti dhiyaachaa turan.

Barataanis jeequmsa cimaa taasisaa waan tureef manni barumsaa akka cufamu ta’e. Ani waanan bakkan dhaqu hinqabneef doormiin manuma koo ture. Guyyaa manni barumsaa cufame aduutu natti dukkanaa’e. Ani utuun firaafi obbolaa qabuun du’a fudhee itti hindeemu jedheen dhiphina cimaa keessa gale.

Mana barumsaa cufanii hindhiifnee dhaqaatii waraanaaf leenji’aatii biyya keessaniif lolaa nuun jedhan. Yoon leenjii waraanaa dhaqe mana hidhaatii waanan baheef utuun mooraa (kaampii) hinga’in na ajjeesu waan ta’eef ijoollee kiyya qabadheen biyyaa baduuf murteesse.

Akkamitti biyyaa baatan mee?

Yeroo sana mootummaan Dargii kufaa waan jiruuf abbootiin taayitaa Dargii karaa Keeniyaa biyyaa ba’aa turan. Jalqaba karaa Lixaa waraana ABOtti dabalamee ba’uuf yaadeen. Waraanni Dargii baqachaa waan tureef karaa sana ba’uu hindandeenye.  Karaa nama Takkaa Gabbisaa jedhamuu akka haadha warraa jeneraala Dargiitti ijoollee kiyya sadan fudhee karaa Keeniyaa ba’uuf ka’e. Warri nu oofaa turanis waa’ee koo hinbeekan. Walitti nu daddabarsaa nu oofaa turan.

Yeroo waraanni jeneraalotaa hadha warraasaanii karaa Keeniyaa baasaa jiru oduun jedhu warra daangaa eegan qaqqabe. Nus daangaa irratti akka nu eeggachaa jiran dhageenyee utuu bakka itti sakatta’amnu hinga’in karaatti buunee karaa miilaa torban lama deemnee bakka tokko yeroo geenyu konkolaataa re’eefi hoolaa fe’ee deemu keessa teenyee Moyyaalee  geenye.  

Torban lama Moyyaalee turree Caamsaa keessa Keeniyaa ga’e. Koloneel Mangistuu Haylamaariyaam ammoo Ebla keessa karaa Keeniyaa biyyaa ba’e. Waggoota 13 booda Leencoo guyyoota lamaaf Keeniyaatti ijaan kanan arge. Ji’oota shan booda achumarraan Kanaadaa dhaqe.

Kanaadaa erga geessanii haalli jireenyaafi qabsoo akkam ture?

Kanaadaattis karaa faaksii qabsoo Oromoo gargaaruuf yaaleen ture. Yeroo sana faaksiin waan guddaa ture. ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa ba’eera. Hojiin hojjechuuf yaale milkaa’uu dinnaanan maallaqa liqeeffadhee barumsa koo digrii jalqabaa, digrii lammaffaafi sadaffaa waggoota 10f baradhe. Waggoota 20f ammoo barsiiseera. Miidhaa ummata Oromoorra gahaa tures mootummoota addunyaatti iyyachaafi beeksisaan ture.

Mootummaa jijjiiramaa kanaan dura gara biyyaatti deebi’uu yaaddanii beektuu?

Mootummaa jijjiiramaa kana dura gara biyyaa yeroon yaadu dukkanatu natti mul’ata. ABOn shororkeessaadha waan jedhameef gara biyyaa dhufuu yaadee hinbeeku. Jijjiiramni kun akka dhufuuf Qeerroon gatii guddaa kaffaleera. Ajjeechaafi dhiiga Qeerroo dhangala’aa jiru ilaalaa nyaata nyaachuu, hirriba rafuufi hojii hojjechuu hindandeenye. Halkanii guyyaan boo’aan ture. Ana isa alaala ta’ee dhaga’urra isa keessa jiru wayya.

Bu’aafi injifannoon argame akkamitti ibsitu?

Qabsoon nuti dur taasisaa ture walitti kuufamee  Qeerroofi Qarreedhaan dhaalame. Qabsoon kun ija godhatee hoggansa jijjiiramaa kan fide. Kanaafis Qeerroon galata guddaa qabu. Oromoon aangoo biyya bulchuu argachuunis bu’aa qabsoo kanaati. Ani jijjiirama kana akka garaacha bineensa hamaa keessaa waanti gaariin tokko biqilee as ba’eettan ilaala. Ammaan booda sabni keenya tokkummaasaa cimsatee diina nu nyaachuuf hamuummatu dura dhaabbachuu qaba. Oromoon waldeggeree gaachana waliif ta’uu qaba. Tokkummaan keenya yoo laafeefi diigame diina nu nyaachuuf foolataa jiruuf karaa banuudha.

Jijjiirama mul’ate akkamitti ibsitu?

Jijjiirama guddaatu jira. Oromoon aangoo biyya bulchuu argachuun waan guddaadha. Hidhamtoonni siyaasaa hiikamuun, namoota qe’eesaaniirraa buqqa’an gara qe’eesaaniitti deebisuun, miidhaa humni addaa Somaalee ummata keenyarraan gahaa ture dhaabsisuun, namni waan barbaade dubbachuun, ani gara biyyaa kana dhufuun kooyyuu bu’aa jijjiirama kanaati.

Inni har’a jijjiiramni hinjiru jedhu mootummaa jijjiiramaa kana dura akkasitti dubbatee hinbeeku. Utuu dubbatees ni qabama, ni hidhama, ni ajjeefama ture. Jijjiiramni kun arrabaafi afaan namaayyuu hiikee gadhiiseera. Waanti hinjijjiiramne hinjiru garuu garri Oromiyaa lixaa komaandi poostii jala jiraachuun daran nagaddisiisa.

Ummata Oromootiif maal dhaamtu?

Oromoofi Oromoon karaa kamuu walitti bu’uu hinqabu. Oromoon gaachana waliif ta’uu baannaan diinni qaawwawwan jiran hundatti fayyadamee nu qooduu barbaada. Oromoon gandaan, lagaan, amantiidhaan walqooduu hinqabnu. Tokkummaa keenya cimsachuun jaalalaafi fedha keenya utuu hintaane dirqama keenya ta’uu qaba. Paartiileen siyaasaa Oromoo gaaddisa tokko jalatti walitti qabamuun xiqqoo abdii naa kenna.

Utuu qoqqoodamuu baannee waggoota hamma kana hinbitamnu turre. Ammas taanaan yoo walqoodne diinota keenyaaf irbaata taana. Kanaafuu tokkummaa ummata keenyaa bu’uurarraa cimsuunis barbaachisaadha. Barattoonni Oromoos  barumsasaaniitti cimuu qabu. Barachaa qabsaa’uun, qabsaa’aa barachuun ni danda’ama. 

Waldhaggeeffachuun daran barbaachisaadha. Waanan beeku dubbadhee kaan dhaga’uuf qophii ta’uun qaba. Yeroo ammaa waanti daran nagaddisiisu hundumtuu beekaa ta’ee dubbachuusaati. Hundumtuu namatti himuu barbaada. Namni waldhaga’u garuu hinjiru. Namni ana qofatu beekaadha jedhee yaadu beekumsisaa bakkuma sanatti dhaabbata.  Hangi namni tokko beeku murtaa’aa waan ta’eef waldhaggeeffachuufi walirraa barachuuf qophii ta’uu qabna.

Gara biyyaatti erga deebitanii gara fuulduraatti maal hojjechuu yaaddu?

Ani biyya ormaattan bututee dhufe. Utuun lammiikoo barsiisuu hawwuun lammii orma waggoota 20f barsiisaan ture. Amma waanan hojjedhu  qorachaan jira. Dur yeroon yunivarsitii deemuuf ollaatti nagaa dhaamnu jaartoliin boo’aa sabbatasaanii hiikanii shilingii nuu kennanii, “Dhaqaa baradhaa” jedhanii nu geggeessaa turan. Shilingiin yeroo sanaa maallaqa guddaa ture.

Akkasitti sabbatasaaniirraa fudhannee barannee baargamatti calaane. Ani har’a akkamittan shilingii sana ijoollee ijoollee isaaniitiif deebisa jedheen pirojektota adda addaa bixxilee bixxilee gara biyyaa dhufeera. Ammaan booda sabakoo utuu hinbaratin nabarsiise gargaaraa du’uun barbaada.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

382 Comments to ““Qabsoo taasisaa turretu kuufamee qeerroon dhaalame” -Pirofeesar Kuwee Kumsaa”

  1. Pingback: best promos
  2. best online pharmacies in mexico [url=https://mexicanpharm1st.com/#]п»їbest mexican online pharmacies[/url] buying prescription drugs in mexico

  3. indian pharmacy [url=https://indianpharm1st.com/#]indian pharmacies safe[/url] reputable indian online pharmacy

  4. top 10 online pharmacy in india [url=http://indianpharm1st.com/#]online pharmacy india[/url] india pharmacy

  5. п»їlegitimate online pharmacies india [url=https://indianpharm1st.com/#]india pharmacy[/url] online shopping pharmacy india

  6. пин ап вход [url=https://pinupzerkalo.fun/#]пин ап[/url] пин ап вход

  7. пин ап [url=http://pinupzerkalo.fun/#]Пин Ап Казино Официальный Сайт в России[/url] pinco

  8. mexican pharmaceuticals online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]Mexican pharmacy ship US[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  9. mexican border pharmacies shipping to usa [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharmacy[/url] mexican drugstore online

  10. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharm 24[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  11. pain meds without written prescription [url=https://pharm24.pro/#]low cost prescription[/url] canadian drug pharmacy

  12. world pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]India pharmacy delivery[/url] india online pharmacy

  13. slot tr online [url=https://slot-tr.online/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  14. deneme bonusu veren siteler 2024 [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler mycbet.com[/url] deneme bonusu veren siteler yerliarama.org

  15. deneme bonusu veren siteler betturkey [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]denemebonusuverensiteler.top[/url] denemebonusuverensiteler.top

  16. gabapentin GabaPharm [url=http://gabapharm.com/#]gabapentin GabaPharm[/url] buy Gabapentin GabaPharm

  17. no prescription online prednisone [url=http://prednisoneraypharm.com/#]prednisoneraypharm[/url] cost of prednisone 10mg tablets

  18. 15 mg prednisone daily [url=http://prednisoneraypharm.com/#]generic Prednisone[/url] prednisone 10 mg online

  19. cost generic clomid for sale [url=https://clomidrexpharm.com/#]clomid rex pharm[/url] buying clomid

  20. lisinopril 20 mg 12.5 mg [url=http://lisinopril1st.com/#]buy Lisinopril online[/url] buy Lisinopril online

  21. purchase cytotec [url=http://cytpremium.com/#]buy cytotec online fast delivery[/url] buy cytotec pills online cheap

  22. buy cytotec online [url=http://cytpremium.com/#]cyt premium[/url] buy cytotec over the counter

  23. пин ап казино онлайн [url=http://pinup-kazi.kz/#]пинап казино[/url] пин ап кз

  24. pinup [url=https://pinup-kazi.kz/#]pin up казино[/url] пин ап казино онлайн

  25. the best ed pills [url=http://canadianpharm1st.com/#]canadianpharm1st.com[/url] buy medication online

  26. buy semaglutide online [url=http://semaglutidepharm.com/#]rybelsus[/url] Buy compounded semaglutide online

  27. http://clomid.store/# can i purchase clomid without insurance
    can i buy zithromax over the counter in canada [url=http://azithromycinus.com/#]zithromax for sale 500 mg[/url] zithromax 500mg over the counter

  28. buy zithromax online fast shipping [url=https://azithromycinus.com/#]where can you buy zithromax[/url] where can you buy zithromax

  29. order cheap clomid pills [url=https://clomid.store/#]where to buy generic clomid without rx[/url] how to get clomid without rx

  30. generic rybelsus tabs [url=https://semaglutidetablets.store/#]buy semaglutide[/url] buy semaglutide

  31. yeni güncel deneme bonusu veren siteler [url=http://casinositeleri2025.pro/#]yeni açılan bahis siteleri[/url] yasal şans oyunları siteleri

  32. gГјvenilir oyun alma siteleri [url=http://casinositeleri2025.pro/#]canli oyun[/url] en saДџlam bahis siteleri

  33. slot oyunlar? puf noktalar? [url=https://slottr.top/#]slot oyunlar? puf noktalar?[/url] slot siteleri

  34. пин ап казино [url=https://pinup2025.com/#]pinup 2025[/url] пин ап казино зеркало

  35. slot oyna [url=https://casinositeleri2025.pro/#]en yeni bet siteleri[/url] casino bet gГјncel giriЕџ

  36. slot oyunlar? [url=http://slottr.top/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] slot oyunlar? puf noktalar?

  37. пинап казино [url=https://pinup2025.com/#]pinup 2025[/url] пин ап зеркало

  38. pinup 2025 [url=https://pinup2025.com/#]пин ап казино[/url] пин ап казино зеркало

  39. medication from mexico pharmacy [url=https://mexicanpharmi.com/#]Purple pharmacy online ordering[/url] mexican rx online

  40. erectile dysfunction treatment [url=https://canadianpharmi.com/#]canadian pharmi[/url] amoxicillin without a doctor’s prescription

  41. п»їbest mexican online pharmacies [url=https://mexicanpharmi.com/#]Best online Mexican pharmacy[/url] buying prescription drugs in mexico online

  42. legal to buy prescription drugs from canada [url=https://canadianpharmi.com/#]Best Canadian pharmacy[/url] natural treatment for ed

  43. viagra without a prescription [url=http://canadianpharmi.com/#]Cheapest drug prices Canada[/url] ed clinics

  44. mexican mail order pharmacies [url=http://mexicanpharmi.com/#]mexicanpharmi[/url] reputable mexican pharmacies online

  45. reputable indian pharmacies [url=https://indiapharmi.com/#]Best Indian pharmacy[/url] indian pharmacy online

  46. cost of amoxicillin 30 capsules [url=http://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] over the counter amoxicillin canada

  47. order cheap clomid without dr prescription [url=http://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] clomid online

  48. prednisone without rx [url=http://prednibest.com/#]prednisone for sale in canada[/url] prednisone 20mg for sale

  49. amoxil generic [url=https://amoxstar.com/#]amoxicillin 200 mg tablet[/url] amoxicillin order online no prescription

  50. online order prednisone [url=http://prednibest.com/#]Predni Best[/url] prednisone without prescription.net

  51. prednisone buy canada [url=http://prednibest.com/#]Predni Best[/url] prednisone without prescription medication

  52. cipro for sale [url=https://cipharmdelivery.com/#]where to buy cipro online[/url] ciprofloxacin mail online

  53. order clomid tablets [url=http://clomidonpharm.com/#]where to buy generic clomid[/url] can i buy generic clomid without prescription

  54. prednisone 5mg over the counter [url=http://prednibest.com/#]PredniBest[/url] buy prednisone mexico

  55. can i get clomid without insurance [url=https://clomidonpharm.com/#]can i purchase generic clomid online[/url] generic clomid pills

  56. buy cipro [url=https://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] cipro 500mg best prices

  57. cipro online no prescription in the usa [url=http://cipharmdelivery.com/#]buy cipro no rx[/url] where to buy cipro online

  58. where can i buy cipro online [url=http://cipharmdelivery.com/#]cipro[/url] cipro online no prescription in the usa

  59. пин ап казино зеркало [url=http://gramster.ru/#]gramster.ru[/url] gramster.ru

  60. пин ап зеркало [url=http://gramster.ru/#]gramster.ru[/url] пинап казино

  61. пин ап казино [url=http://gramster.ru/#]Gramster[/url] пин ап зеркало

  62. пинап казино [url=https://gramster.ru/#]Gramster[/url] пинап казино

  63. best online canadian pharmacy [url=http://canadianpharmacy.win/#]canadian pharmacy[/url] canada drugs online review

  64. indian pharmacy online [url=https://indianpharmacy.win/#]mail order pharmacy india[/url] mail order pharmacy india

  65. online shopping pharmacy india [url=https://indianpharmacy.win/#]buy medicines online in india[/url] indian pharmacies safe

  66. medication from mexico pharmacy [url=http://mexicanpharmacy.store/#]medicine in mexico pharmacies[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  67. п»їlegitimate online pharmacies india [url=http://indianpharmacy.win/#]india pharmacy[/url] india pharmacy

  68. reputable indian pharmacies [url=http://indianpharmacy.win/#]world pharmacy india[/url] best online pharmacy india

  69. buying from online mexican pharmacy [url=https://mexicanpharmacy.store/#]mexico drug stores pharmacies[/url] buying from online mexican pharmacy

  70. Buy Tadalafil 5mg [url=https://maxpillsformen.com/#]Generic Cialis without a doctor prescription[/url] Cialis without a doctor prescription

  71. Viagra generic over the counter [url=https://fastpillsformen.com/#]Fast Pills For Men[/url] buy viagra here

  72. online ed drugs [url=https://fastpillseasy.com/#]cheap cialis[/url] erectile dysfunction medicine online

  73. buy erectile dysfunction pills [url=http://fastpillseasy.com/#]cheap cialis[/url] online ed pills

  74. Viagra online price [url=https://fastpillsformen.com/#]FastPillsForMen.com[/url] viagra without prescription

  75. Cheap generic Viagra [url=https://fastpillsformen.com/#]viagra canada[/url] Cheap Sildenafil 100mg

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *