Akka qorannoowwan gara garaa mul’isanitti namni yeroo dhalatu hamaa ta’ee hindhalatu, nama ta’ee dhalata. Deemsa keessa gaariittis ta’e hamaatti ni harkifama. Namni akka fakkeenyaatti ilaallu gaarii yoo ta’e borii keenyarratti dhiibbaa gaarii kan geessisuufi namoota yaada alta’umsa (negative) qabaniin kan geggeeffaman ykn akka fakkeenyaatti kan fudhataniifi hordofan faallaa isa kanaa ta’uu akka danda’an agarra.
Sababiinsaa warri adiin yeroo dubbatan appiliin same tokko naannoo isaa kan jiru mara samsuu danda’a jedhu. Namni ilaalcha yaraa qabu yoo dhalootni fakkeenya godhatee duukaa bu’e balaan isaa danuudha. Namoota akkasii duukaa dhalootni bu’u boriin isaa rakkoo ni godhattti ijoolleen keenya maal hordofu? Miidiyaaleen biyya keenya keessaa maal itti himaa guddisu? Maatiin waa’ee namaafi biyyaa maal gorsaa, barsiisaa guddisuu? Ani wantoota daa’imman irraa eegalee hanga namoota barnoota addaa addaa qabaniitti miidiyaa irraa darbuu ilaalchisee sodaa guddaan qaba.
Hangam wantootni ta’aa jiran akka dhaloota qaran na sodaachisa. Faaruun keenya, walaloon keenya, mariin keenya, haasaan keenya, yoo madaalame rakkoo guddaa qaba. Namootni miidiyaalee naannoos ta’e kan biyyoolessaarra hojjetan, namootni baratan marti dhaloota kanaaf fakkeenya gaarii ta’uun barbaachisaadha. Walaloofi weedduu danuun kan nama wal ficcisiisan, kan nama wal irratti kakaasaniidha.
Isa kana gadi fageenyaan dhaggeeffadheera, taajjabeeras. Wantoota dhalootni dhaga’aa guddatan boriisaaniirratti maal akka fiduu danda’u tilmaamuun nama hinrakkisu. Inni nuti har’a keessa jirru kaleessa keenya agarsiisa. Kaleessa maal akka hojjechaa turre dhugaa ba’a. Wantoota kaleessa ittigaafatamummaa malee miiraan dalagne dhalootarratti dhiibbaa mataasaa geessisee agarreerra.
Egaa dhalootni keenya waggoottan darban keessa wantoota isaan dhaga’aa guddatan gaarii ta’uu dhiisuu danda’a. Wantootni yaraa ta’an danuun turaniiru. Wantootni nuti weedduun, walaloon, faaruun, mareen, haasaan dabarsaa turreefi wantoota ta’aa jiran yeroo wal cina qabnee ilaallu waan facaafne akka haammachaa jirrutu natti dhaga’ama.
Dhaabbileen siyaasaa maal gochaa turan, barsiisonni, geggeessitoonni,miidiyaaleen mootummaas ta’e sabqunnamtii hawaasaa maal facaasaa turanii? Wantoota ta’aa jiraniif itti gaafatamummaa kan fudhachuu qaban dargaggoota jedhee hin yaadu. “Isheen guddoon akka barte isheen xiqqoon akka agarte” jedha mitiree? Dargaggootni mooraa mana barumsaa keessattis ta’e bakkeetti yoo nama miidhan gochaa kana duuba kan jiru adda biraadha.
Kan harka isaaniitiin ibidda qabataa jiru adda biraadha. Isa kana keessaa hundumatu qaba. Hayyootni keessaa qabu. Geggeessitootni keessaa qabu. Miidiyaaleen biyya kanaa keessaa qaba. Aktiivistootni keessaa qabu. Dhaabbileen siyaasaa keessaa qabu. Walii galatti mana namoota hundumaa akka inni tutuqu beekamaadha. Isaan kun marti dhaloota kana dhiifama gaafachuu malu. Ida’ama isaan kanaatu dhaloota kana balaaf saaxile. Miidhamuufi miisisuuf kan saaxile isaan kana.
Namni hundumtuu karaa hamaa irraa utuu deebi’ee waan gaarii hojjechuu eegalee, harka wal-qabatee waldhaga’ee socho’ee sabni biyya keenyaa waan cimaa hojjechuu kan danda’uudha. Namootni hammina yaadaniifi raawwatan hinbadu jedhee hin yaadu garu humna ni dhabu; deggertoota ni dhabu. Inni kun ammo bor dhaloota hammina yaaduufi raawwatu irraa biyya bilisa taate; magaalotaafi baadiyaa akkasumas hawaasa jeequmsa irraa bilisaa’e; saba nagaa qabu uumuun ni dandaa’ama.
Harka walqabannee hinsochoonu yoo ta’e tokko halkaniifi guyyaa hojjetee, yaadee ijaara. Inni tokko ammo taa’ee diiguu barbaada. Diiguuf sammuun hin barbaachisu, ijaaruuf malee. Namni ijaaruuf dandeettiifi kalaqa barbaada. Diiguuf garu haasaa qofti ga’aadha. Ijaaruun beekumsa gaafata. Diiguun garuu hirree qofa gaafata. Isa kana irraa kan ka’e yeroo ammaa namootni muraasni ijaaruuf yeroo oliifi gadi fiigan tumsuu qofatu furmaata. Waldhaga’uunis barbaachisaadha.
Addumaan akka saba Oromootti jijjiirama jiru itti fufsiisuuf aarsaa dachaatu si’achi iyyuu irraa barbaachisa. Aarsaan kun aarsaa yeroo, humnaafi kkf, ta’uu danda’a. Sababiinsaa jijjiiramni jiru salphaa miti. Isa kanaaf namootni kanaan dura mana amala sirreessa keessa turan qofti yoo dubbatan ni ga’a. Qilleensi nagaafi jaalalaa itti fufiinsaan akka qilleensa’uuf bilchaatinaan yaaduun, mari’achuun barbaachisaadha. Namnis akka nu hin miine nus akka nama hin miineef namootni isa kana gidduutii faayidaa argatanis akka qaana’an gochuun ga’een isaa hundumaa irra kan keenya.
Darbees akka uummata Oromootti seenaa irraa waan hedduu barachuu ni dandeenya. Namootni hedduun jijjiiramaaf yaalii godhaniiru. Haa ta’u iyyuu malee jijjiiramni isaan eegalan utuu hin turin booda deebi’eera. Isa kana bulchiinsa Iyyaasuu IV irraa eegallee hanga waggoottan jalqabaa bara dargiitti qorachuun ga’aadha. Ammas taanaan harka wal qabannee hin hojjennu yoo ta’e yaaliin ta’an isa darbe irraa adda miti.
Kanaaf wal hammeessuufi wal tuffachuu irra jijjiirama eegale kana cina hiriiruun daran barbaachisaadha. Kanniisni tokko qofti damma gaagura guutuu hin dandeesu. Goondaan tokko qofti gartuu hedduu taatee nyaata gannaaf ta’u walitti qabuu hin dandeessu. Goondaan tokko qofti bineensa cimaa hin ariitu. Yeyyiis taanaan akkasuma. Humni isaanii, gootummaan isaanii, mo’ichi isaanii tokkummaa keessa jira. Walitti dhufuun waan guddaatu hojjetama. Geggeessitootni har’aas qophaa taanaan dukkanni marsee jiru ifa xiqqoo mul’ate haguuguu danda’a. Waliin hiriiruun barbaachisaadha.
Isa kanaaf dhaloota irratti haa hojjennu. Dhaloota waan sirrii haa barsiifnu. Dhaloota haa qarru. Hayyootni keenya dargaggootaaf fakkeenya gaarii haa taanu. Nurraa waan gaarii haa baratan.
Darbees gama mootummaan hanga dandaa’ameeti erga rakkoon uumamee utuu hin ta’in balaa uumamu ittisuu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf gaara dheeraa namni koru tokko erga irraa kufee ambulaansii fiduufii utuu hin ta’in akka hin korreef kellaa itti ijaaruu yookaan ammoo akka irraa hin kufneef eeggannoo barbaachisaa gochuutu fala ta’a.
Akkasumas erga rakkoon uumamee utuu hin ta’in rakkoo uumamuu dura balaa jiru hambisuu irratti xiyyeeffachuun gaariidha. Biyya keenya keessattis akkuma kana namni soda malee biyyaa biyyatti akka deemuu danda’u, barataanis sodaa malee akka barachuu irratti hojjechuun filannoo hin ta’u. Egaa akka mootummaatti, akka hawaasaatti, akka dhaabbilee siyaasaatti, akka namoota barataniitti waan dubbannuufi waan barreessinuun walumaa galatti wantootni nuti goonu dhaloota keenya kan qaruufi kan oolchu ta’uu qaba.
Kan boriif qopheessu ta’uu qaba. Mootummaa qofti waan hundumaa ta’uu hin danda’u. Harka wal qabachuutiin garuu jijjiirama ni fidna. Wantootni har’a hamaa fakkaatanis ni geeddaramu. Seenaas ta’anii ni dubbatamu. Garu tokkummaa barbaada. Walitti dhufuufi mari’achuu gaafata.
“Kanniisni tokko qofti damma gaagura guutuu hindandeesu. Goondaan tokko qofti gartuu hedduu taatee nyaata gannaaf walitti qabuu hindandeessu. Goondaan tokko qofti bineensa cimaa hin ariitu. Yeyyiis taanaan akkasuma. Humni isaanii, gootummaan isaanii, mo’ichisaanii tokkummaa keessa jira.”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012
5 Comments to “Namoota beekamoo dargaggoonni duukaa jiran natti himi boruu egeree biyya keetiin sitti himaa”