Indastiriin ispoortii bu’uura ummatummaatiin gaggeeffamuu qaba

  • Manni maree ispoortii biyyaalessaa hundaa’e

Finfinnee: Jaalalli ummattoonni biyya keenyaa damee ispoortiif qaban jechaan kan ibsamu miti. Kunis jaalalliifi hamileen ummataa daran olaanaa ta’uu kan agarsiisu waan ta’eef baroota darban keessa dorgommiiwwan olompikiifi shaampiyoonaa addaddaarratti ispoorteessitootni biyyattii maqaa Itoophiyaa akka beeksisan taasiseera.

Haa ta’u malee yeroo dhiyoo asitti indastiriin ispoortii bu’uura ummatummaatiin gaggeeffamaa waan hinjirreef, dirreewwan ispoortii madda qoqqoodinsaafi walitti bu’insaa ta’aa akka jiran sirna hundeeffama mana maree ispoortii biyyaalessaa Kamisa darbe Hoteela Shaaratanitti iftoomerratti ibsameera.

Ministirri Muummee Ittaanaa Obbo Dammaqaa Mokonnon sirna beekamtii hundeeffama mana marichaarratti argamuun haasaa kan taasisan yoo ta’u, walitti qabaa mana maree ispoortii biyyaalessaa ta’uusaaniis beekuun danda’ameera.

Akka Obbo Dammaqaan ibsanitti, injifannoowwan boonsaa kanaan dura argaman itti fufsiisuuf fedhiifi ejjennoon mootummaas ta’e ummataa olaanaadha. Ta’us indastiriin ispoortii biyyattii bu’uura ummatummaatiin gaggeeffamaa waan hintureef, dirreewwan ispoortii madda walqoqqoodinsaafi walitti bu’iinsaa ta’aa dhufaniiru jedhan.

Kana furuuf ammoo mootummaan qooda fudhattootaafi jaalattoota ispoortii waliin xiyyeeffannoon hojjechaa jiraa jedhanii, kaayyoon mana maree ispoortii biyyaalessaas kanuma ta’uusaa ibsaniiru. Manni marichaas rakkoolee nageenyaa dirreewwan ispoortiirratti mul’achaa turan furuurra darbee indastirii ispoortiis caalaatti misoomsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetaa jedhan.

Keessumaa ammoo damichi sadarkaa barbaadamuun dorgomaa ta’ee akka guddatuuf ogeessota antummaa ummataa qabaniin akka gaggeeffamuuf walta’insi qooda fudhattootaa murteessaa ta’uus dubbataniiru. Damichi hariiroo hawaasummaa cimsuutiin ijaarsa nageenya biyyaaleessaatiifis gaheesaa akka bahatuuf martuu walta’insaan hojjechuu akka qabus dhaamaniiru.

Ministirri Ministeera Aadaafi Turizimii mootummaa RFDIfi barreessituun mana maree ispoortii biyyaalessaa Aadde Hiruut Kaasaa gamasaaniin akka jedhanitti, wayita ammaa indastirii ispoortii guddisuuf walta’insi mootummaafi ummataa yeroodhaa yerootti laafaa waan jiruuf bu’aan barbaadamu galmaa’uu hindanndeenye. Kunimmoo sadarkaan ispoortii biyyattii daran akka gadi bu’uuf sababa ta’eeraa jedhan.

Rakkoo kana bu’uurarraa furuuf mootummaan mana maree ispoortii biyyaaleessaa akka haaraatti hundeessuuf dirqamuusaa himanii, faayidaansaas guddaadha jedhan. Keessumaa ammoo indastiriin ispoortii ijaarsa nageenyaaf, waliin jireenya ummataafi waliigaltee biyyaalessaa uumuu keessatti qoodasaa akka bahatuuf kan tumsu ta’uusaa ibsaniiru. Damichi sadarkaasaa eeggateefi akkaataa hiika qabuu akka gaggeeffamuufis caalaatti ni gargaaraa jedhan.

Takkaalliny Gabayyootiin

Suurri Tsahaayi Nuguseetiin

Recommended For You

2 Comments to “Indastiriin ispoortii bu’uura ummatummaatiin gaggeeffamuu qaba”

  1. Pingback: sex bao dam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *