Paarkiin Tokkummaa mooraa Masaraa Guddichaatti kan argamu yoo ta’u, keessoosaatti hawwattoota seenaa, uumamaafi aadaa qabateera. Masaraan kun kan hundaa’e bara 1878 yoo ta’u, lafa hektaara 40 irra qubateera.
Paarkii Fulbaana 30 bara 2012 irraa eegalee daawwattootaaf banaa ta’e kana guyyaatti yoo xiqqaate namoonni kuma tokkoo ol akka daawwatan kan ibsame yoo ta’u, anis dhiyeenya kana moorichatti namoota daawwataa turan tokko tokko waan itti dhagahame hubachuuf dubbiseera.
Paarkicha daawwachuuf Gondarirraa kan dhufan Obbo Mollaa Galaawu paarkiin kun haala qabatamaa Itoophiyaa durii qabee sirriitti waan ibsuuf natti toleera, ittis gammadeera jedhan. Waantin qaamaan dhufee keessoosaatti arge kaniin alatti televizhiniidhaan arge caalaa na gammachiise. Keessumaa waanti naannolee hunda ibsu qophaa’uusaatti gammadeera jedhan.
Paarkichuma daaw’achuuf Hawaasaarraa kan dhufan Dargaggoo Mangashaa Taaffasaafi Samarree Madaanit Nigusees yaada nuu qoodaniin kan televizhiniidhaan argine daran xiqqaadha. Keessumaa haalli hambaaleen duudhaa naannolee saglanii ibsan itti dhiyaatan qalbii keenya hawwateera jedhu. Carraan kun kan hinargamne waan ta’eef dargaggoonni paarkicha daawwatan seenaa qabatamaa hubachuu akka qabanis gorsaniiru.
Maanguddoota sadanii eddii paarkicha daawwatanii booda otoo gaaddisa jala taa’anii haasa’anii itti goree dubbise keessaa dhalataa Godina Baalee amma ammoo Finfinnee, Kutaa Magaalaa Eekkaa keessa kan jiraatan Obbo Mangistuu Lammaa, “Mooraa Masaraa Mootummaa dur seenuu dhiisii karaa alaatiin bira darbuun sodaatamaa turetti argamee daawwachuu kootti guddaan gammade” jedhan.
Waan yeroo gabaabaa keessatti hojjetamee arganittis daran kan gammaduusaanii eeranii, haalichi Waaqaan malee akka namaatti kan raawwatameedha jedhee amanuufi ibsuun na rakkisa jedhu. Kanaafis yaada kana burqisiisanii hojiitti kan hiikan Doktar Abiyyi nan galateeffadha jedhan.
Masaraa mootummaa dur, “Asiin durbuun, dhaabachuun, suura kaasuun konkolaataa dhaabuun dhorkaadha jedhamaa ture keessa seennee dinqii as keessatti hojjetame akka mana ofitti seennee daawwachaa itti bashannanuun anaaf ergaa cimaa qaba” jechuunis miirasaanii nuu ibsaniiru; maanguddoo umrii 61 kun.
Waantota daawwatan keessaas duudhaaleen naannolee ibsaniifi holqi harka namaatiin paaricha keessatti hojjetame kan isaan ajaa’ibsiise ta’uus eeraniiru.
Bara 1962 oggaa dhaabbata leenjii barsiisummaarraa eebbifaman Jaanhoyin badhaafamuuf Masarichaa eegumsa cimaadhaan seenuusaanii yaadachiisuun yaadasaanii kan nuu qoodan ammoo Obbo Akiliiluu Kabbadaati.
Haala duriifi ammaa akkuma dukkanaafi ifa waan walbira qabanii madaaluun hindanda’amne kunis ni ulfaata jedhanii, waliin madaaluuf yaaduunuu dogoggora jedhu. Nama dhiisnee seexanumtillee otoo ilaalee waan ragaa bahu qaba jechuunis ibsan. Oggaa waanti gaariin hojjetame jajaa deemuun aadeffamuu qabas jedhaniiru.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012
5 Comments to “Paarkii tokkummaa bakka ibsama duudhaalee sabootaa”