Federaalizimii sabdaneessa akka qaroo ijaatti

Federaalizimiin sirna bulchiinsa mootummaa keessaa tokko yoo ta’u, biyya tokko keessatti sirna ummatni ofumaan of bulchuudha.

Itoophiyaa dabalatee biyyootni addunyaa hedduun sirna kana hordofu. Gariin ammoo sirna mootummaa tokkummaawaatiin geggeeffamu. Biyyoonni sirna mootummaa abbaa irree ykn mootii hordofanis ni jiru.

Hayyootni damee kanaa yaadota addaddaa kennu. Kanneen keessaa hayyuun Loordi Aktan jedhamu ijaarsa sirna dimokraasiif federaalizimiin bu’uura akka ta’e waraabbiisaa keessatti ibseera.

Kunis aangoon mootummaa federaalaafi naannolee heerarratti hundaa’ee akka qoqqoodamuuf kan dirqisiisu ta’uu kan mul’isuudha. Keessumaa aangoon mootummaa federaalaa akka murtaa’u gochuurra darbee ummatni bal’aan aangoo akka gonfatuuf gargaara. Kunimmoo lammiileen barnootarratti, bu’uuraalee misoomaarratti, akkasumas jiruufi jireenya gara fuulduraasaaniirratti akka xiyyeeffatan kan taasisu ta’uusaati.

Akka Aleksaandar Hamiltan jedhutti ammoo, sirna bulchiinsa federaalizimii keessatti mootummootni naannoleefi giddugaleessaa walutubanii bulchiinsa ummataa sirnaan kan diriirsaniidha. Kunimmoo wabii nageenyaafi misooma ummataa dachaa yoo ta’u,  fayyadamummaa ummattootaa mirkaneessuufis qooda guddaa qabaachuu eereera.

Itoophiyaan durii kaastee sirna bulchiinsa mootummaa abbaa irreetiin bulaa waan turteef eenyummaan sabootaafi sablammootaa hacuucamaa tureera. Erga ADWUIn sirna federaalizimii diriirsuun biyyattii bulchuu eegalee as garuu ijaarsi sirna dimokiraasii tarkaanfachuu eegaluudha, kan hubatame. Kanaanis walqixxummaan eenyummaa ummatoota Itoophiyaa hanga tokko mirkanaa’uu danda’eera.

Haa ta’u malee jijjiiramoota siyaasaa waggaa tokko dura biyyattiitti galmaa’aa jiraniin walqabatee gochootni sirna bulchiinsa federaalizimii  dadhabsiisan qabatamaatti  mul’achaa jiru. Kunis qaamoleen waggoota darban keessa sirna bulchiinsa ADWUI duraaniitiin balaaleffatamaa turan wayita ammaa humnaan olaantummaa siyaas-dinagdee dur of harkaa qaban deebifachuuf halkanii guyyaa munyuuquurratti argamu. Akeekni munyuuqqii qaamolee lameenii maal akka ta’e sirnaan hubachuun gaariidha.

Jalqabuma qaamoleen kunneen abukaatoo federaalizimii fakkaatanii kan as bahan yoo ta’u, golga kanaan ammoo  ummata bal’aa cunqursaa bara mootota Itoophiyaa durii jalatti ‘deebisuuf’ saffisa guddaadhaan wixxirfataa akka jiran hubatamuu qaba.

Ergamni, kaayyoofi mul’atnisaanii ijoon tokkoofi tokko jechuun ni danda’ama. Innis maqaa walitti bu’iinsaafi rakkoo nageenyaatiin sirna federaalizimii sabdaneessa biyyattiin hordofaa jirtu diiguudha. Erga sirna bulchiinsa ummataa kana diiganii booda ammoo, Itoophiyaa dulloomtuu walqixxummaa eenyummaa sabootaafi sablammootaa mulqitu ijaaruuf munyuuuqaa jiru.

Kaayyoo dolloomaa kana milkeeffachuufis kallattiilee hundaan carraaqaa kan jiran yoo ta’u, fakkeenyaaf miidiyaalee maxxansaafi elektirooniksii of harkaa qabanitti dhimma bahaa jiraachuutu argama.

Paartiileen siyaasaa muraasnis ejjennoo, “Heerri RFDI ummataan hinmirkanoofne” jedhuun sirna bulchiinsa ummataa (federaalizimii) dhabamsiisuuf wixxirfachaa akka jiran daqiiqaa takkaafillee dagatamuu hinqabu.

Qaamoleen kunneen ammoo maqaalee garagaraa yaa qabaatan malee akeeknisaanii tokkichuma; aangoo ofiin of bulchuu sabootaafi sablammoota Itoophiyaa mulquudhaan olaantummaa hawaas-dinagdeefi siyaasa saba tokkoo qofa leellisuufi dhugoomsuudha. Kunimmoo bulchiinsa ummataa bara dukkanaa san keessa malee jaarraa 21fa kanatti hojiirra oolchuuf kan hin yaadamne ykn hinabjootamne ta’uun beekamuu qaba.

Gaaffiin bu’uuraa garuu, “Furmaatni maali?” kan jedhuudha. Akka yaada kootti, Itoophiyaadhaaf wabiin hundarra caalu sirna federaalizimii sabdaneessaa hordofamaa jiru cimsanii itti fufsiisuudha. Akka qaroo ijaattis walta’insaan tikfachuudha. Adeemsa keessas ijaarsa sirna dimokraasii jalqabame cimsuudhaan bu’uura hinsochoonerra dhaabuun murteessaadha.

Kun osoo hinta’iin hafee qaamoleen olaantummaasaanii dulloomaa duraanii deebifachuuf carraaqaa jiran akka tasaa milkoofnaan, biyyattii diiguurra darbee walitti bu’iinsa walii waliinii uumuuf humna godhatu.

Akeeka dulloomaafi boodatti hafaa kana garanumaa kichutti maqsuuf ammoo hayyootniifi kutaaleen hawaasaa walta’insaan qabsaa’uu qabu. Miidiyaaleenis yeroo kaamu caalaa amma akeeka diigumsaa qaamolee kanneeniirratti akkasumas faayidaa federaalizimiin dhugaan qaburratti hawaasaaf hubannoo kennuun sirni federaalizimii sabdaneessaa  caalaattuu cimee akka qaroo ijaatti akka eegamuuf gaheesaanii bahachuu qabuun dhaamsa kooti.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

5 Comments to “Federaalizimii sabdaneessa akka qaroo ijaatti”

  1. Pingback: hostel bangkok
  2. Pingback: rohypnol
  3. Pingback: pgslot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *