Toltuu Tufaa: Hayyuu afaan abbaatiin kitaabota maxxansiiste

Qaroominni qaroominarra caalu yoo jiraate waa’ee eenyummaa ofii sirnaan beekuufi ormatti beeksisuuti yoo jedhame dhugaarraa kan fagaatu hinta’u. Sababnisaa waa’ee ofii osoo hinbeekiin, jireenya biyya lafaa kana duuchaatti dhandhamachuun daran rakkisaa waan ta’eefi. Maanguddootni biyyaas; hayyootnis kanuma mirkaneessu.

Eenyummaa ofii beekuun seenaa, afaan, aadaafi duudhaa ummatarraa dhalatanii guddatan qorachuun hubachuu jechuudha. Hayyootni Oromoo biyyuma kana keessa osoo jiranii waa’ee eenyummaasaanii osoo hinhubatiin akkuma bishaan gabateerraa gaggaragalan hedduutu jiru.

Faallaa kanaan ammoo biyya alaatti dhalatanii guddataniyyuu waa’ee eenyummaasaaniif bakka guddaa qabanis hedduun ni jiru. Toltuu Tufaas Oromiyaa keessatti dhalattee guddachuu baattuyyuu eenyummaashee hubattee ummata Oromoo gargaaruuf hojjechaa jirti. Torbee darbee Gaazeexaa keenya waliin turtii taasiste akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Mee eenyu siin jennee dubbistoota keenyaan wal sii haabarsiisnu?

Maqaan koo Toltuu Tufaa jedhama. Hundeessituufi Daarektara Afaan Pablikeeshiniiti. Kanan dhaladhe ALA bara 1986tti abbaa koo Obbo Abdulwahaab Mohaammad Tufaafi haadha koo Aadde Nuuriyaa Tufaarraa Magaalaa Melboorni, Awustiraaliyaatti. Abbaan koo lammii Itoophiyaa dhalataa Oromoo yoo ta’an, haati tiyya garuu lammii Turkiti.

Lachanuu ijoollummaatti biyyasaanii keessaa ari’atamanii waan bahaniif Awustiraaliyaatti walitti dhufuun bultii ijaarratan. Anaanis mucaa bareedduu kana…(kolfa) achumatti na argatan. Ana waliin dubara afuriifi dhiira tokkos horataniiru. Namatti hintoluu?

Maatiin koo daran waan waaljaalataniif jireenya qananiitiin na guddifatan. Anis lamaanuu qixxuman jaaladha. Hawaasa eenyummaa addaddaa qabu keessatti waanan guddadheef hunda waliin akkatti jiraatan bareecheen beeka. Abbaan koos Oromoo waan ta’eef maqaa Oromoo naa moggaasuuf dirqame.

Qophiin barnootaa kee hoo?

Akkuma umuriin koo barnootaaf gaheen barnoota koo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa achuma magaalaa Melboorni, Awustiraaliyaattan baradhe. Ergan barnootaa koo sadarkaa lammaffaa xumuree boodas digrii jalqabaa koo damee saayikooloojiitiin eebbifame.

Ittuma fufee damee barnootaatiin (‘in education’) digrii koo lammaffaa, Afaan Pablikeeshiniiniin ammoo barnoota koo digrii sadaffaa qabachuuf tattaafachaa tureera. Kanaanis qorannoowwan addaddaa hojjedheera. Akkaataa afaan Oromoo itti barachuun danda’amurrattis qorannoowwan garagaraa hojjedhee guddina afaanichaatiif gumaachaa tureera, jiras.

Afaan Oromoo akkamiin barachuu dandeesse?

Ani kanan dhaladhe Awustiraaliyaatti ta’us ijoollummaattin Afaan Oromoo barachuu jalqabe. Ingiliffi afaan barnootaafi hojii biyyattii waan ta’eef bal’inaan hawaasicha keessatti dubbatama. Kutaaleen hawaasaa afaanota garagaraa dubbatanis jiru. Haati tiyyallee lammii Turkii waan taateef afaan Turkii dubbatti. Aniifi abbaankoos Afaan Turkii dubbachuu ni dandeenya.

Umurii ijoollummaa kootti abbaan koo akkan Afaan Oromoo baradhuuf tattaaffii olaanaa taasisaa tureera. Oduuwwan duriifi mammaaksota hedduu na barsiiseera. Mana keessattis caalaatti Afaanuma Oromootiin dhimma bahaa waan turreef akkan afaanicha sirriitti baradhuuf na gargaareera.

Abbaankoo gaafa fedha Rabbii ummata Oromoofi firootasaa ijaan na agarsiisuu karoorfatee ture. Kunoo anis innis har’a itti milkoofneerra. Kanatti ammoo anis daran gammadeera. Tattaaffiisaatiif abbaa guddaan galateeffadha.

Ergan guddadhee of beekee ammoo hawaasa Oromoo Magaalaa Melboorni jiraatan wajjin walbaraa waanan dhufeef caalaattuu Afaan Oromoo akkan dagaagfadhuuf na gargaareera. Hundarra garuu aadaafi Afaan Oromoo barachuu kanan danda’e tattaaffii abbaan koo taasisaa tureeni.

Afaan meeqa dandeessa jechuudha?

Awustiraaliyaatti afaan hojii mootummaas ta’e barnootaa Ingiliffa. Kutaaleen hawaasaa afaanota garagaraa dubbatan garuu ni jiru. Akkuma hawaasa Oromoo jechuu kooti. Afaan Oromoo abbaa koorraan baradhe, Afaan Turkii ammoo haadha kootu na barsiise, Afaan Faransaayi ammoo Ingiliffarratti dabalataan na gargaara jedheen baradhe.Hanga tokko Afaan  Amaaraa nan yaala. Kanaafuu afaanota shan barreessuu, dubbachuufi dubbisuu nan danda’a jechuudha.

Muuxannoon hojii kee hoo?

Akkuman yunivarsiitiirraa eebbifamee baheen ALA bara 2006 hanga 2011tti waggoota shaniif pirezidaantii ittaantuufi qabduu maallaqaa Waldaa Hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa ta’ee tajaajileera. Achittis afaanuma Oromoofi Ingiliffaatiinin hojjechaa ture.

Xiyyeeffannaan koo guddaan hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa keessa jiraatu gargaaruu waan tureef fedhiifi kaka’umsa kootiin ‘Raadiyoo 3ZZZ’ jedhamurratti sagantaalee bashannanaafi oduuwwan addaddaa qopheessee dubbisaan ture. Keessumaa haala guddisaafi qabiinsa dargaggootaarratti raadiyoorratti dhiyeessaan ture. Wayita ammaa ammoo dhuunfaa kootiin kaampaanii Afaan Pablikeeshinii hundeessee barreeffamoota addaddaa maxxansiisee  hojjechaan jira.

Afaan Pablikeeshinii yoom hundeessite?

Kampaanii kana kanan hundeesse ALA bara 2013tti. Kaayyoonsaa inni guddaanis haala salphaa ta’een akkaataa itti daa’immaniifi dargaggooti Afaan Oromoo barachuu danda’an qayyabachiisuudha. Matadureewwa addaddaarrattis kitaabotaafi viidiyoo Afaan Oromoo qabiyyee gaggabaaboo qaban maxxasiiseera. Kanaanis daa’imman hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa jiraatanii hedduu gargaaraa tureera; ammas ittuman jira.

Kaampaaniin kun dizaayinii faashiniirrattis xiyyeeffatee kan hojjetu yoo ta’u, keessumaa ammoo dizaayinoota huccuu aadaa Oromoofi Turkii magaalota Awustiraaliyaa keessatti beeksisuuf obboleettii tiyya, Zulfiyee waliin ciminaan hojjechaa turre. Wayita ammaa isheen mana dizaayiniifi huccuu aadaa Oromoofi Turkii ‘Hijab Stylist’ jedhamu banattee hojjechaa jirti. Yeroo ammaa mannii huccuu aadaa kun Magaalaa Melboornitti keessumaa hawaasa Musliimaa biratti daran jaalatamaafi beekamaadha.

Hanga ammaatti kitaabota meeqa barreessite?

Hanga har’aatti ani kitaabota qabiyyeensaanii gaggabaabaa ta’an 17 barreessee maxxansiiseera. Afaan Pablikeeshiniinis caalaatti kitaabotaafi viidiyoowwan barsiisa Afaan Oromoorratti xiyyeeffatan omishuu waan ta’eef ciminaan hojjechaan jira. Dabballee dabalatee kitaabotni marti afaan dhalootaafi afaan lammaffaa daa’immaniirratti xiyyeeffatu. Hundinuu daran hawatoo akka ta’an duubdeebii naa kennamerraa hubadheera.

Qabiyyeen kitaabota kanneenii maalirratti xiyyeeffatu?

Kitaabota 17n maxxansiise keessaa afur guguddoo yoo ta’an, kaan daran xixiqqoodha. Kunis daa’immaniif akka mijatuuf yaadameeti haala kanaan kan qophaa’an. Qabiyyeen kitaabota kanneenii akkaataa afaan barachuu daa’immaniirratti xiyyeeffata.

Seera qubeessuufi dubbisuu, akkaataa itti suura bobbocuun halluu itti dibaniifi waliigalaan tooftaa itti daa’imman haasaa baraniifi shaakalanis of keessaa qabu. Keessumaa ammoo mala daa’imman haala salphaa ta’een afaan itti barsiisan of keessatti qabataniidha. Kitaabotni kunneen hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa keessa jiraatu bira darbanii daa’imman Oromoo biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa, akkasumas Kanaadaa keessa jiraatanillee ni gargaaru.

Gara biyya abbaakeetti dhufuukeetiif maaltu sitti dhagahame?

Hoo! Gammachuu guddaatu natti dhagahame. Abbaan koo dur sirna Dargii keessa gara Awustiraaliyaatti godaane. Wayita san dhalattootni Oromoo baay’inaan biyyattii keessa hinturre. Qofaasaa jiraachaa osoo jiruu harmee koo waliin walitti dhufan.

Ijoollummaa koorraa kaasee waa’ee ummata Oromoofi hacuuccaa Oromoorra gahaa ture natti himaa ture. Inni waa’ee ummata Oromootiif quuqama guddaa qaba. Gargaarsa Rabbiitiin wayitan guddadhu qomoofi firoota keenya Oromiyaa keessa jiraatan waliinis akka walagarru abdiidhaan eeggachaa turre. Kunoo har’a fedhii Rabbii taanaan ummata Oromoofi Oromiyaa koo arguuf yaadaa ture ijaan argeera. Kanaaf gammachuu dachaa dachaatu natti dhagahama.

Namoonni Oromiyaa keessatti dhalatanii Afaan Oromoo hindadeenye jiru. Ati kanarratti maal jetta?

Biyyuma ofiitti dhalatanii guddatanii afaan dhaloota ofii wallaaluun salphina guddaadha. Anumtillee biyya hambaatti gargaarsa abbaafi harmee kootiin afaan dhalootaa lachanuu barachuu danda’eera. Osoon dhibaa’ummaa qabaadheera ta’ee silaa yoona ummatni Oromoo natti kolfa ture. Abbaan koo aarsaa guddaa natti kaffaleera. Garuu ammoo fedhiifi tattaaffiin koos xiqqaa hinturre.

Yoon Turkii deemus afaansaanii akkuma lammiilee biyyattii kamuu waanan danda’uuf itti rakkadhees ta’e qaana’ee hinbeeku. Kunimmoo gargaarsi maatii akkuma jirutti ta’e namni afaan dhalootaasaa barachuuf dirqama akka qabu kan hubachiisuudha. Kanaaf namootni Oromiyaa keessatti dhalatanii guddatan Afaan Oromoo danda’uu dhabuun qaanii guddaadha. Afaan kamuu yoo baratan faayidaansaa olaanaadha malee miidhaa akka hinqabaannes hubachuun gaariidha jedheen amana.

Eegumsa mirga daa’immaniifi dubartootaarratti maal taajjabde?

Akka Awustiraaliyaatti mirgi daa’immaniis ta’e dubartootaa daran kabajama ykn eegama. Kunis waan biyyattiin tarree biyyoota guddatanii keessas jirtuuf ta’uu mala. Gara Itoophiyaa yeroo jalqabaatiif dhufuu koo waan ta’eefis hangas mara eegumsa mirga daa’immaniifi dubartootaarratti hubannoon hinqabu.

Haa ta’u malee turtii koo yeroo gabaabaa kana keessatti ummatni Oromoo hundarra daa’imman  akka jaalatu hubadheera. Daa’imman qabaniifis daran akka quuqaman ykn dhimmaman ilaaleera. Kunimmoo waan baay’ee natti toleef akkanumaan akka itti fufaniin dhaama. Gama heeraafi seeraatiin garuu wantan beeku waanin hinqabneef yaada kennuun natti ulfaata.

Hirmaannaan dubartootaa waliigalaan maal fakkaachuu qaba jetta?

Biyyoota guddatan kanneen akka Awustiraaliyaafaa keessatti hirmaannaan dubartootaa kan dhiirotaa caala. Dubartootni akkuma dhiirotaa hojiilee misoomaa hunda keessatti yoo hirmaatan bu’aa qabeessummaasaanii mirkaneeffachuu danda’u. Sochiilee hawaas-dinagdeefi siyaasaa keessattis qooda fudhachuun murteessaadha.

Dubartiin wallaaltuu osoo hintaane beektuu; qaroomtuudhas. Kana gochuuf ammoo dubartootni barnootasaanii ciminaan hordofuu qabu. Anillee barnootarratti kutannoo duubatti hindeebinen qaba. Fedhiifi hawwii guddaas waanan qabuuf itti fufiinsaan qorannoowwan gochaa akkan adeemsisu na kakaaseera. Fuldurattis nan hojjedha jedheen abdadha. Duuchumatti garuu dubartootni of tuffachuu keessaa bahanii hamilee guutuudhaan misooma hundaarratti hirmaachuu qabun jedha.

Bu’aa qabsoo ummati Oromoo dhandhamachaa jirurratti maal jetta?

Gaafa ‘Tiim Lammaan’ aangoo biyyattii qabate jechuu dhaga’u daran garaan ciise. Hedduus itti booneera. Rabbiin galatni yaa gayuutii!

Durumarraa jalqabee waa’ee seenaa ummata Oromoo abbaan koo sirnaan natti himaa ture. Sirnoota dabaree irratti walfuraniin Oromoon dhiibamaa, ajjeefamaafi buqqifamaa har’a gahuusaa ijoollummaa kootii kaasee hubannoon qaba. Kunimmoo yeroo hunda waa’ee ummata Oromoo hawaasa addunyaatti akkan beeksisuuf na kakaaseera; gurra hayyootaatiin gahaas tureera.

Haalli nageenya Awustiraaliyaa kan Itoophiyaa waliin walbira yoo qabamu akkamiin ibsama?

Rakkoon nageenyaa akka Itoophiyaa qofatti jira osoo hintaane akkuma addunyaattuu jira. Awustiraaliyaa keessallee yeroodhaa yerootti walitti bu’iinsi waan uumamuuf nama dhiphisa. Fakkeenyaaf, saboota biyyattii keessaa kanneen ‘Aborjiin’ jedhaman akkuma Oromoo ummata guddaadha. Ummanni kun qabiyyee lafaasaarraa dhiibama waan tureef hanga har’aattuu gaaffii abbaa biyyummaa kaasaa jira.

Kanarraa kan ka’e hedduunsaanii hidhamaafi ajjeefamaa turaniiru. Har’as mootummaan biyyattii akkasuma gochaa jira. Amma amma garuu sabootni hundi waliigalteerra gahaa waan jiraniif duudhaalee waliin jireenyaa ummattootaarratti dhiibbaan geessisu tokkollee hinjiru.

Ummatni Oromoo Itoophiyaa keessatti dhiibamaa turuyyuu saboota biroorratti dhiibbaa geessisee akka hinbeekne seenaan ragaadha. Har’as dararamuyyuu sabootaafi sablammoota biyyattii hammatee waliin jiraachaa jira. Kunimmoo kennaa guddaa waan ta’eef ittifufuu qaban jedha.

Irreecha waggoota dheeraa booda Hora Finfinneetti kabajame akkamitti ilaalte?

Irreechi sirna Gadaa keessatti iddoo guddaa akka qabu abbaa kootu na hubachiisaa ture. Barana ammoo akka carraa ta’ee Irreecha Hora Finfinneetti kabajamerratti hirmaachuu kootti gammachuu hangana hinjedhamnetu natti dhagahame. Guyyaa san waawu, waawu…jechaan oole. Oromoon koo sirna nama boonsu akkasii qabaachuusaatti gammachuun koo daangaa darbe.

Hundarra kan na ajaa’ibe ammoo ummatni Oromoo amantiidhaan osoo walhinqoodiin sirnicharratti hirmaachuun tokkummaasaa agarsiisuusaati. Kun akkuma kanatti itti fufnaan wanti ummata Oromoo fuuldura dhaabatu akka hinjiraanne hubadheera.

Maatii horatteettaa?

Hanga ammaatti maatii osoo hinhoratiin jiraaree…? (kolfa). Hinfakkaadhuu? Qarree na seete natti fakkaata! Maalumaafuu barumsa koo ergan xumuree booda bultii dhaabbachuun daa’imman lama horadheera. Isaanis dhiira tokkoofi dubara tokko yoo ta’an, lachanuu daa’imman xixiqqoodha. Barnootaaf hingeenyee jechuu kooti. Maqaasaaniis isa dhiiraa Ifaa, ishee dubaraa ammoo Sidraa Bahaar jedheen moggaase. Kana hundaaf ammoo Rabbi koof galatni haa gahun jedha.

Fuulduraaf maal karoorfatte?

Afaan Pablikeeshinii koo babal’isuun karoora koo ijoodha. Kunimmoo tooftaa itti daa’imman afaan dhalootaafi lammaffaa itti barsiisan waan ta’eef, ummata Oromoo maraaf kan gargaaruudha. Haala itti daa’imman guddisaniifi barsiisanis kan of keessaa qabu waan ta’eef xiyyeeffannoo guddaadhaanin hojjedha.

Hangan qorannoo gaggeessaa turetti ammoo keessumaa ijoolleen Oromoo biyyoota addunyaarra faffaca’anii jiran Afaan Oromoo barachuuf fedhii olaanaa akka qaban hubadheera. Kanaaf isaan kanneenis ta’e kanneen biyya keessa jiran barsiisuun dirqama Oromummaa bahachuu akka ta’ee natti mul’ata.

Dabalataanis hanga humniifi beekumsi koo naa eeyyame dandeessise hundaan ummata Oromoo gargaaruuf karoorfadheera. Kana milkeessuuf ammoo fedhiin Oromoo koo gara kam akka jiru qorachaan jira. Finfinnee keessatti barnootni Afaan Oromoo hundeesaa akka jabeeffatuufis hamman danda’e hojjechuuf karoorfadheera; barnoota Afaan Oromoo kennamaa jiru akkaataa cimsuun danda’amurratti jechuu kooti. Kanaafis Biiroo Barnoota Oromiyaa wajjin mari’anneerra. Kan milkeessu ammoo Rabbi guddicha.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012

Recommended For You

3 Comments to “Toltuu Tufaa: Hayyuu afaan abbaatiin kitaabota maxxansiiste”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *