Wantoota namootnifi gareewwan hedduu motummaa ADWUI ittiin qeeqan keessaa inni tokkofi guddichi “siyaasa eenyummaa nutti fideefi biyya gosaan adda qoode” kan jedhuudha. Jarri kun akkas jechuusaaniitiif sababa mataasaanii kan qaban ta’us, dhugaa lafa jiruufi haala qabatamaa siyaasa addunyaa jaarraa 21ffaa hubachuu dhabuun ykn immoo fudhachuuf fedha dhabuurraa kan madduudha.
Kufaatii dargiifi dhufaatii ADWUIn booda eenyummaatu bekkamtii argate malee eenyummaan haaraa dhalate tokkos hinjiru. Warrootni Itoophiyaa durii leellisan garuu beekamtii saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattiitiif mootummaan kenne kana akka waan ADWUI isaan uumeefi kunis biyya diigeetti qeequ.
Biyya tokko keessatti eenyummaan saba tokko ukkaamfamee kan isa biroommoo yemmuu dagaagu isa jalaa awwaalame duwwaa osoo hintaane, kan isa dagaagees rakkoo hamaaf saaxilamuun waan hinoolle. Ummanni eenyummaansaa beekamtii hinarganne biyya tokko keessa jiraannaan yeroo mara qabsoon wayii dhoksaanis ta’u gaggeeffamaa jiraachuun hubatamuu qaba.
Sirni humnaan eenyummaa saba tokkoo ukkaamses dhimma yeroo ta’a malee lafa jalatti ititee gaafa dhoo’e sirnichuma liqimsuu akka danda’us seenaa addunyaa irraa baruumsa fudhachutu feesisa. Itoophiyaan humnaan ijaaramuushee caalaa kan komii guddaarratti kaasu eenyummaa sabootaa hedduu humnaan diigdee eenyummaa saba tokkoo jalatti akka ijaaramaniif dirqamsiisuusheeti.
Seenaa ijaarama biyya tokkoo ykn “state formation” yommuu ilaallus biyyootni hedduu kan humnaan ijaaraman jiraachuunsaa waan nama shakkisiisuu miti. Kan biyya kanaa wanti adda godhus humnaan ijaaramuu caalaa isuma armaan olitti kaafne kanadha.
Sabaafi sablammoonni eenyummaasaanii, aadaafi afaansaanii dhorkatamanii afaan saba tokkoo jalatti akka galan taasifamuunsaa qabsoofi fincila adda hincinne kaasee jaarraa tokkoon booda aadaa bakkatti deebise. Kabajamuu eenyummaa sabootaafi sablammootaa kana warri cunqurfamee ture akkuma itti boone, warri cunqursaa sanatti firoomaafi dhiigoma qaban immoo akka waan biyyi diigamteet ilaalu. Kanneen darbaniif immoo sirna cunqursaafi eenyummaa sabootaa ukkaamsaa ture sana deebisuuf wixxifatu.
Eenyummaa ukkaamsuun akka biyya keenyaa qofatti osoo hintaane,
akkuma addunyaattuu waan yeroon irra darbe ta’uu osoo beekanuu gara bakka
dukkanaatti ummata deebisuuf yaaluun kaayyoon dhoksaan wayii jiraachuu kan namatti
agarsiisuudha. Waraana Addunyaa 2ffaan booda injifatamee kan ture siyaasni
eenyummaa yeroo muraasa booda gulantaa addunyaatti deebi’uusaas quba hinqaban
ta’a. Yookiin immoo osoo quba qabanuu fudhachuu hinbarbaadan ta’a.
Dhimma kana yaada hayyoota gurguddoo muraasaan
deeggarree ilaaluun barbaachisaadha.
Akka falaasamaan biyya Giriik beekamaan Sooqiraaxis jedhutti, sammuun namaa kutaa sadi qaba .Isaanis;-Kutaa fedhii(desire), kutaa yaadaa/sababaa (reason)fi kutaa kabajaa (thymos) jedhamu. Barbaachisummaan dhaabbilee hawaasaa (Social Institutuon)nis fedhii dhala namaa kana guutuudhaaf jecha kaayyeffatanii kan hundaa’aniidha.
Dhaabbileen siyaasaa (the political institutions including State & Government) fedhii bu’uuraaf guddinna hawaasaaf kabaja dhalli namaa akka dhuunfaattis ta’e akka gareetti barbaadu mirkaneessuudha. Keessattuu, dhalli namaa eenyummaa isaaf kabaja (respect for dignity) barbaada. Jechattiin ‘respect for dignity’ jettu tun immoo iftee kan as baate warraaqsa Faransaay (French revolution) booda akka ture seenaan ni mirkaneessa. Yeroo sanarraa eegalee garuu ilaalcha yaadaa kanaarratti garee lamatu uumame.
Itti fufa
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012
9 Comments to “Siyaasa Eenyummaa xiqqeessuun kan gosaa fakkeessuun; laga hinceesisu”