“Paarkii Tokkummaatti seenaatu haaromfame malee haaraan hinhojjetamne” -Gaggeessaa Hojii Paarkichaa

Masaraan Mootummaa Guddichi Itoophiyaa lafa heektaara 40 irra kan qubate yoo ta’u, Waajjira Ministira Muummeefi kanneen biroo, paarlaamaa, manneen jireenyaaa  Ministira Muummee, mootota darbaniifi loltootaafi bataskaanotatu irratti argama.

Masarichi bara 1878 Mootii Shawaa Yomuusii Atsee Minilikiifi haadha warraasaanii Iteegee Xaayituu Buxuliin kan hundeeffame yoo ta’u, bakkichi kan filatameefis dhiheenya Finfinnee (Filuwuhaaf) qaburraa ka’uun akkasumas, lafa ol ka’aa ta’uusaatiin naannawicha to’achuun akka danda’amuuf yaadameeti.

Bakki kun duraan Tulluu Finfinnee jedhamee waamamaa akka ture qorannoo Ministeerri Aadaafi Turizimii bara 1976 gaggeesse ni mul’isa. Masarichi bara hundeeffamasaarraa kaasee maal akka keessa jiruufi maal akka qabate sirriitti kan beeku moototaafi namoota dhihoosaaniiti. Garuu fagoodhumatti yommuu ilaalan kan mul’atu gamoowwan, bosonaafi manneen qorqorroodhaan ijaaramaniidha. Mooraa masarichaa keessa seenuu miti yoo hubatanii ilaalaniyyuu rakkisaa ture; bilbilli sochootuu isin haasa’aa taaksiidhaan bira darbitanillee networkiinsaa addaan cita.

Har’a garuu seenaan jijjiirameera. Torban dheengaddaarraa kaasee mooraan daran nama sodaachisu sun bakka daaw’annaa ta’eera. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad erga aangootti dhufanii yeroo gabaabaa keessatti mooricha haala ajaa’ibsiisaa ta’een geeddaraniiru.

Mooraan fagoodhaa nama sodaachisu sun bakka ilaaluuf hawwan ta’eera. Paarkii Tokkummaa jedhamuunis daran miidhagee daaw’atamaa jira. Waa’ee paarkii kanaan walqabatee komiiwwan garagaraa ka’aa turaniiru. Namoota seenaa jallisaniif beekamtiin akka kennametti miidiyaalee hawaasaarratti odeeffameera.

Kunis kan ta’eef keessumaa miidiyaaleen muraasni akka isaaniif tolutti waan isaaniif tolu waraabanii waan dhiheessaniif malee beekamtiin addatti kenname hinjiru. Akkuma Oromoon “Arguun amanuudha” jedhu namni paarkicha daaw’ate kan hubatu seenaa sirriin lafa taa’uusaati. Gaariifi yaraan namni mootii ta’ee mooraa sana keessa ture hojjete ifaan lafa taa’eera.

Gareen gaazexassitoota Oromoo miidiyaalee federaalaafi naannoorra hojjetanis Kibxata darbe paarkicha kan daaw’atan yoo ta’u, baay’eensaanii waan baay’eef deebii argachuusaaniiti dubbataa kan turan. Garee kan kan daaw’achiisan Gaggeessaan Hojii Paarkichaa Doktar Taammiraat Hayilee akka jedhanitti, paarkichi hektaara 13 irra kan qubate yoo ta’u, bakkawwan sadiitti kan qoodameedha.

Isaanis: bakkeewwan uumamaa, seenaafi aadaati. Kunneen walta’uudhaan Itoophiyaa bakka tokkotti mul’isaniidha. Ummannis achi keessatti waan ittiin bakka buufame waan qabuuf eenyummaasaa kan itti barbaaddatuudha.  

Akkuma gara paarkichaa seenameen barreeffamni Itoophiyaa jedhu Afaan Amaaraafi Ingiliffaan bocamee guddatee dirree magariisaafi miidhagaarratti mul’ata. Bociwwan addaddaas dirree bal’aa sanarratti ni mul’atu. Bocni Atileet Daraartuu Tulluu, Abbabaa Biqilaafaas ni argama.

Alaabaan Itoophiyaas aartiistootaan qophaa’ee waan rivaanii fakkaatuurraa guddatee hojjetames ni jira. Dirree sana gara mirgaatti yommuu deemamu bakkeewwan uumamaatu mul’ata. Jalqabarratti Holqa Xiqur Anbassaa jedhamuufi meetira 175 dheeratutu argama.

Holqi kun namtolchee yoo ta’u, ogeessootuma Itoophiyaatiin simintoo, konkiriitiifi dhagaarraa kan hojjetame. Riiqicha xiqqoo bishaan jala yaa’u ce’uun yommuu holqicha keessa deemanii dhumasaarra ga’an kutaa lafa jalaa (‘ground’) jala leenconni sadii ni jiru. Kanneen keessaa tokko kormaa yoo ta’u goofaree gurraacha qaba.  

Holqi kun Xiqur Anbassaa jedhamee kan moggaafameef waantota lamaafi, jedhu gaggeessaan hojii paarkichaa. Inni duraa leenci goofaree gurraacha qabu Itoophiyaa keessa, Baaleefi Dhidheessa qofa waan jiruufi. Inni lammaffaammoo yommuu Itoophiyaanonni lola Xaaliyaanii injifatan, Naqamteefi Amboorratti waldaan Xiqur Anbassaa jedhamu hundeeffamee ture; isa ittiin yaadachuufi. Holqi kun ji’oota sadiitti hojjetame xumurame.

Isa xumurtanii yommuu gara olii baatan bakkee magariisaa Wiirtuu Aadaa Zomaa jedhuun kunuunfamaa jiru argitu. Bakkichi yeroo Haayilasillaasee akkanumaan ta’aa kan ture yoo ta’u, bara Dargiimmoo bakkee waraanni ‘Qillib Xoor’ jedhamuun beekamu taa’uu ture.

Bara aangoo Obbo Mallasiifi Obbo Haayilamaariyaamis daggaluma ta’ee mana ‘qoqorroon’ ijaarame dawwaa taa’aa ture. Doktar Abiyyi erga moorichaa dhufanii waa’ee paarkii kanaaf keessa deemanii mooricha daaw’atanis daran sodaachisaa waan ture eegumsa cimaadhaan akka isaan socho’aa turaniidha Doktar Taammiraat kan nutti himan.

Bakki kun yommuu hojii magariisa kanaaf qotamu caccabaawwan qawweefi qalahaawwan baay’inaan argamaniiru. Ji’a ja’aa keessatti deggarsa maashinii tokko malee harkaan sirreeffame amma biqiltuuwwan biyyaalessaa akaakuuwwan addaddaa irra dhaabamee, dhagaa koobilii dizaayinii qabaniin faayamee haala ija namaa hawatuun ni mul’ata. Meeshaaleen sirreessa dirree kanaaf ta’anis konkolaataawwan fe’umsaa ja’a guutuun dhufee hojjatameera. Bakkichi bakka ispoortii itti hojjetanis kan qaba.

Kununsa biqiltuuwwan sanaaf ganamaafi galgala bishaan kan obaafaman yoo ta’u, hojii paarkichaafis mooraa sanaaf bishaan hojiirra oolu ulaagaa Biiroo Bishaaniifi Jallisii guutuun bishaan bollaa baasuun hojjetama. Fiixee biqiltuuwwan jiraniin ammoo ibsaawwan galgala miidhagina kennaniif galaniiru. Biqiltuuwwan dhaabamaniis biqiltoota biyya keessaafi tajaajila qorichummaa, nyaataafi miidhaginaaf oolan ni jiru. Kanneen keessaa cilaaddaama, feexoo, bassoobilaa, kosarataafi kkf ni jiru.

Dhuma bakkee magariisaa erga xumurtanii booda kan argattan bakkeewwan seenaati. Bakkeen kun bakka ciisichaa, kutaa keessummaa, walga’iifi hojiilee garagaraa itti hojjetan yoo ta’u, manneen jireenyaa mootota duraanii seenaasaanii osoo hingadhiisiin haaromsi taasifameera; wanti haaraa ijaaramee itti dabalame garuu hinjiru.

Bakka kanatti gamoowwan waggoota 100-130 lakkoofsisan kan jiran yoo ta’u, osoo hojiin paarkii kanaa hineegalamiin bara 2006 hanga 2009tti haaromfamee ture. Meeshaawwan moototni keessa turan itti fayyadamaa turan mootiin ittaanee dhufu hinbarbaachisu jechuun kaan gara muuziyeemiitti ergaa waan turaniif mi’awwan guutuu argachuun akka hindanda’amne daaw’achiisichi eeranii, paarkii kana keessatti meeshaalee jiru jedhaman barbaadanii deebisaa jiraachuu himu.

Yommuu bakkeewwan seenaa kana deemuuf kaatan Doktar Abiyyi osoo hindabalatiin gaggeessitoonni mooraa sana keessa turan fakkiinsaanii dallaa dhagaarratti tartiibaan kaafamee jira. Akkuma seenameen gamoon jalqabarratti argamu walitti qabama gamoowwan Atsee Miniliiki.

Inni jalqabaa mana jireenyaasaanii yoo ta’u, Waajjirri Ministeera Waraanaa Fitawuraarii Habta Giyoorgis Dinagdee (Abbaa Malaa) fuulleesaatti argama. Isa darbee immoo gamoon abbaa darbii lamaafi bakki ciisichaa Miniliik jira. Achi keessa kopheen, ciraa isaan qabataa turan, saantima yeroos itti fayyadamaa turaniifi  goraadeen ni argamu. Fakkii Miniliik nama Shiwunaaraan jedhamuun kaafameefi haala uffannaasaanii guutuu mul’isus gamoo sana keessatti argama.

Gamoon biraa Waajjira Miniliik Lammaffaa ‘Inqulaal Beet’ jedhamuun beekamuufi bara 1884/85 itti tajaajilamaa turantu jira. Darbii tokkoffaasaa irrammoo kutaan bilbilaa kan jiru yoo ta’u, bilbilli jalqaba Jibuutii dhufe achitti argama ture. Wayita ammaa garuu bilbilicha eessa akka jiru argachuun hindanda’amne. Darbii lammaffaan ammoo bakka kadhannaati. Kana malees akka teessoo waa itti ilaalaniittis ni fudhatama ture. Gara alaatti gadi ba’uun waraana isaaniifi Finfinnee gadi ilaalu turan.

Fuullee gamoo kanaan ammoo mana jireenyaafi bakka ciisichaa Iteegee Manantu jira. Galmi Gibiraa Ilfinyis achumatti kan argamu yoo ta’u, namoonni mootichatti dhihoo ta’aniifi keessummoonni bakka itti affeeramaniidha. Zawidituunis achi jiraataniiru. Hayilasillaaseenis achi keessa ji’a 10 hidhamanii achumatti ajjeefaman. Meeshaaleen akka waancaa, birillee isaan itti fayyadamaa turan, kaabbaafi boorsaan Iteegee Xaayituu, kubbaayyaan maqaan Zawudituufi Miniliik irratti barreefames achuma keessatti argamu.

Gamoon biraa kan Mana Maree Ministeerootaati. Kunis bara 1922/23tti kan ijaaramedha. Isa dure waajjirri ture mana dhoqqee waan tureef diigameera. Achi keessattis ministeeroonni 10 Onkoloolessa bara 1900 muudaman suurri isaanii maxxanfame argama. Ministiroonni muummee shan bara sana keessa tajaajilanis akkasuma.

Gamoo biraanimmoo teessoo mootii ‘Zufaan Beet’ jedhamudha. Bakka teessoon mootichaa itti argamuudha. Kutaan keessummoota olaanaa biyya keessaafi alaa itti simatanis ni argama. Kutaa kanatti naanna’ee seenaan gaggeessitoota biyyattiifi dhufaatiin amantiiwwan biyyattii mul’isu barreeffamaafi fakkiidhaan daaw’attootaaf qophaa’eera. Kutaa jalarratti ‘under ground’ argamutti daadhiin wayinii naqamee keessatti diilaleeffamee keessummootaaf dhihaata ture.

Bara dargii garuu bakka itti namoota hidhanii dararan ture. Hoggantoota olaanaa Dargii 60nis Sadaasa 14 bara 1981 achi keessatti akka ajjeefaman seenaan ni ibsa. Bocni Hayilasillaasee kana dura hojjetames achuma keessa jira. Ragaawwan barreeffamaafi dokimantariiwwan gidiraa bara hoggantoota darbanii ga’aa turaniis ni jira. Akkasumas suurri namoota hojii dameewwan addaddaa keessatti bobba’uun biyya tajaajilaa turan kan akka Baaroo Tumsaafaa ni jira.

Inni xumuraafi guddichi galma gibiraa isa jedhamu yoo ta’u, isa dhiheenya kana Ministirri Muummee Doktar Abiyyi irbaata Shaggar keessatti affeeraniifi qophiin jala bultii bara haaraa keessatti qophaa’e jechuudha. Achi keessas bocni Miniliik kana dure bocame haaromfamee teessoorra taa’eera. Kutichattis meeshaaleen duraa kan gumbii, gabatee nyaataafi kkf ni jiru.

Erga bakkeewwan seenaa xumuramanii booda bakkeewwan aadaatu jira. Fuullee galmichaa harka gadiirraa manneen nyaataafi bunaa kan jiran yoo ta’u, bifa aadaa saboota garagaraa ibsuun kan qophaa’aniidha. Bakka sanatti mana nyaata aadaa Oromoo kan qabduufi gamasanaan hojii baay’ee kan hojjette Aadde Maammituu Makuriyaa, Kakuu Maammee bantee aadaafi nyaata Oromoo namoota mooricha daaw’ataniif dhiheessaa jirti.

Bakkeewwan gabaa kana darbiitanii gara bitaatti yoo deemtan kan argattan Itoophiyaa xiqqoodha. Achi keessatti wantoota naannolee osoo hintaane saboota ibsantu mul’ata. Jalqabarratti Odaan bocameefi holqi Soofumar fakkeeffame ni mul’ata. Holqa fakkeeffame keessa yommuu seentan ammoo suurawwan bakkeewwan seenaa Oromiyaa ibsan kanneen akka Masaraa Abbaa Jifaar, Kumsaa Morodaafaa ni argamu. Fuuldurarratti ammoo iskiriiniin waa’ee Oromiyaa ibsu Afaan Amaaraafi Ingiliffaan daaw’attootaaf dhihaateera.  Haaluma kanaan kan saboota Somaalee, Affaar, Amaaraa, Gaambeellaa, Beenishaanguliifi kkf wantoota aadaafi eenyummaasaanii ibsaniin fakkeeffamanii jiru.

Paarkiin kun bakkeewwan irranatti eeraman qofa kan of keessatti qabatu miti. Hojiileen hafaniifi fuuldurattis xumuraman ni jiru. Fakkeenyaaf bakkeen beeladoota tokkummaa ni jira. Kunis gandaa jireenya beeladootaa osoo hindabalatiin bineensota akaakuuwwan 46, baay’innisaanii 312 ta’uufi Afrikaa keessatti qofa argaman ni qabata. Kanneen keessaa sattawwaa, abbooshammaaneefi kkf akkasumas akaakuuwwan simbirrootaa ni qabata.

Walumaagalatti, namni paarkii kan daaw’ate wantoota baay’ee kan dinqisiifatu yoo ta’u, seenaan irraa hubatus ni jira. Ani akka nama dhuunfaatti hojii hojjetame dinqisiifadhee seenaa darbe keessa garuu Oromoon qooda akka hinqabneefi daran fageeffamee akka ture, qe’ee sana keessatti bakka akka hinqabnen hubadhe. Isinis paarkicha daaw’achuun burjaajii yaadaa jiru qulqulleeffadhaa, seenaarraas waa hubadhaa baradhaa.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012

Recommended For You

5 Comments to ““Paarkii Tokkummaatti seenaatu haaromfame malee haaraan hinhojjetamne” -Gaggeessaa Hojii Paarkichaa”

  1. Pingback: https://vhnbio.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *