Qonni akka biyyaattis ta’e naannootti bu’uura guddina dinagdee ta’eef omishaafi omishtummaa damee qonnaa guddisuun barbaachisaadha. Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf ammoo teknolojii qonnaa, sanyii filatamaa, xaa’oo, keemikaalota farra ilbiisaafi aramaa fayyadamuufi kilaastaraan qotuun dirqama ta’a.
Kilaastaraan qotuun makaanaayizeeshinii qonnaa salphaatti fayyadamuun qonnaan bulaan oyiruu yeroo walfakkaataa akka qopheessu, facaasu, sanyii filatamaafi xaa’oo akka fayyadamuufi sassaabu taasisuudhaan omishaafi omishitummaa qonnaa guddisuufi rakkoo gabaa omishaa furuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu ogeessonni qonnaa ni dubbatu. Haalli jijjiirama qilleensaa omishaafi omishutummaa qonnaa irratti dhiibbaa guddaa waan geessisuuf qabeenya uumamaa bosona, biyyeefi bishaan eeguufi kunuunsuunis dhimma xiyyeeffannaan irratti hojiietamuu qabu ta’uus eeraniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee marii omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu irratti xiyyeeffate Wiixataafi Kibxata darbe Magaalaa Adaamaatti geggeeffamerratti akka jedhanitti, qonnaan bulaan maasaa walitti aanu qabu kilaasteraan omishaa jiraachuusaatiin omishaafi omishtummaa qonnaa naannichaarratti jijjiiramni guddaan mul’achaa jira.
Hojii qonnaa kilaastaraan geggeessuun naannicha keessatti akka babal’atuu hojjetamaa jira. Omishini naannichaa barana maasaarra jiru bakka hundatti gaariidha. Omisha kana rooba yeroo malee roobu jalaa baasuuf teknolojii adda addaatti fayyadamuudhaan sassaabuu qabna jedhu.
Waltaasisaa Misooma Kilaastara Baadiyyaa Oromiyaa Doktar Girmaa Amantee akka jedhanitti, omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf paakeejii qonnaa guutuutti fayyadamuun dirqama ta’a. Hojiin qonna baadiyyaa guddisuus xiyyeeffannoo hooggansaa argachuu qaba. Dhimmoota qonnaa dursa argachuu qabaniif dursi kennamuu qaba. Qonnaan bulaan kilaastaraan ijaaramee liqii akka argatu taasisuufis hojjetamaa jiraachuu dubbatu.
Ummata naannichaa midhaan nyaataatiin akka of danda’u, hiyyummaa keessaa akka ba’uufi dinagdeedhaan aangessuuf omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuun dhimma xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjetamaa jiru ta’uu kan himan Doktar Girmaan, hojiin misooma sululaa, misooma jallisii, eegumsaafi kunuunsa qabeenya bosonaas xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu himaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Arsii Obbo Abbaabuu Waaqoo gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, bara omishaa 2011/12 lafa qonnaa godinichaa heektaara kuma 583 keessaa lafa heektaara kuma 312 kilaasteraan kan omishame yoo ta’u, qonnaan bultoonni kuma 430 irratti hirmaataniiru.
Kilaastaroonni kunneen paakeejii qonnaa guutuu, sanyii filatamaa, xaa’oofi maashinaroota fayyadamuun yeroo walfakkaataa facaasanii sassaabu. Kilaastaraan omishuun qonnaan bulaan kilaastaricha keessatti hammatame hundi omisha walfakkaataa akka argatan kan taasisu ta’uu himu.
Kilaastaraan omishuun hojmaata qonnaa omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu kan himan Obbo Abbaabuun, akka godinichaatti qonnaan bulaa adda dureen lafa heektaara tokko irraa qamadii hanga kuntaala 70, qonnaan bultoonni teekinoloojii qonnaa hinfayyadamne ammoo hanga kuntaala 20 argachaa turan. Kilaastaraan omishuudhaan qonnaan bulaan lafa heektaara tokkorraa qamadii kuntaala 52 akka argamu taasisuudhaan qonnaan bulaan hundi omisha walqixa akka argatu taasisaa jira jedhu.
Kilaastaraan omishuun ogeessotni ekisteenshiniin qonnaas deggersaafi tajaajila barbaachisu bakka tokkoofi yeroo walfakkaatutti akka kennan, to’ataniifi hordofaniifis kan gargaaru ta’uu himanii, kilaastaroonni gabaadhaan waan walitti hidhamaniif qonnaan bulaan yaaddoo gabaa hinqabu. Kilaastarri garbuu warshaa biiraafi biqilaa waliin, kilaastarri qamadii warshaalee daabboofi nyaata qindaa’aa waliin waan waliif mallatteessaniif rakkoon gabaa isaan quunnamu kan hinjirre ta’uu himu.
Mootummaan gibiraafi taaksii maashiinaroota qonnaa irratti ture kaasuun qonnaan bulaan akka bitatuuf haala mijeesseera kan jedhan Obbo Abbaabuun, qonnaan bulaan dhuunfaadhaan bitachuu hindandeenye gareedhaan gurmaa’aa’anii bitachuu danda’u. Qonnaan bultoonni gara invastimantiitti ce’anis maashiinarota qonnaa bitachuu kan danda’an ta’uufi tajaajilli qarshii liqii qonnaan bulaan %20 kaffalee maashinaroota bitachuun waggaa shan keessatti kaffalee deebisus mijaa’eera. Akkasumas yuuniyenootni maashiinaroota bitanii akka dhiyeessaniif haalli mijaa’aan kan uumame ta’uu dubbatu.
Makanaayzeeshinii qonnaa fayyadamuun humna namaafi yeroo qusachuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuusaa himanii, qonnaan bulaan sangaadhaan qotuurra tiraaktaraan humna namaatiin midhaan sassaabuurra kombaayinara yoo fayyadame yeroofi humna isaa qusachuudhaan ala midhaan yeroo haamamu, tumamuufi calleeffamu qisaasa’u ni hambisa.
Qonnaan bulaan sangaan yeroo qotu lafa heektaara tokko irratti sanyii kuntaala sadii fayyadama. Tiraaktaraan yeroo qotu garuu lafa heektaara tokkoof sanyii kuntaala tokkoofi kiilogiraama 25 waan fayyadamuuf sanyii kuntaala tokkoofi walakkaa ol qusachuu danda’a jedhu.
Hojii kilaastaraan omisha qonnaa geggeessuu aanaalee godinichaa hunda keessatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu himanii, qonnaan bultoonni marti sararaan facaasuun akka facaasan, sanyii filatamaa, xaa’oofi teekinoloojii qonnaatti fayyadamuudhaan omishaafi omishtummaa isaanii akka guddisaniif leenjiin bal’inaan kennamaa jira. Kilaastaraan omishuun qamadiifi garbuu irratti qofa osoo hintaane midhaanota biroorrattis akka jalqabamuuf hojjetamaa kan jiru ta’uu himu.
Godinichi bara omishaa 2011/12 qonna gannaatiin lafa heektaara 583 midhaanota adda addaatiin uwwisuudhaan omishaalee kuntaala miliyoona 20 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Omishni baranaa haala gaarii irra waan jiruuf kan karoorfamee ol argamuu danda’a jedhu.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Kabbadaa Dabaloo akka jedhanitti, bara omishaa 2011/12 godinichatti lafa kilaastaraan omishuuf karoorfame keessaa %82 raawwatameera. Qonnaan bultoonni kuma 190 hirmaachisuun lafa heektaara kuma 70 Kilaastaraan qotuun danda’ameera. Kilaastaraan qotuun makkaanaayzeeshinii qonnaa fayyadamuufis haala mijataa uuma. Kilaastaraan qotuun qonnaan bulaa harka qalleessa sangaa hinqabne, sanyiifi xaa’oo bitachuu hindandeenye akka gargaaramu ni taasisa jedhu.
Kilaastaraan qotuun omishaafi omishtummaan qonnaa guddisuurra yuuniyeenotaa waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumanii waan hojjetaniif rakkoo gabaas kan furu ta’uu himanii, muuxannoo barana kilaastaraan hojjechuu irratti argame kana bara dhufu aanaalee godinichaa 22n keessatti babal’isuuf kan hojjetan ta’uu himu.
Makkanaayizeeshinii qonnaa babal’isuuf dura qonnaan bultoonni kilaastaraan akka omishan taasisuun barbaachisaa ta’uu kan himan Obbo Kabbadaan, lafa qonnaa tiraaktaraan qotuufis ta’e kombaayinaraan haamuufi calleessuu kilaastaraan qotuun sangaa tokko ykn walakkaaf oliifi gad socho’uu maashiinaroota qonnaa kan hambisu ta’uu dubbatu.
Muuxannoo kilaastaraan qotuufi makkaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun tiraaktaraan qotuufi kombaayinaraan haamuu godinichatti jalqabame babal’isuuf kan hojjetamu ta’uu himanii, qarshii miiliyoona 50n wiirtuun makkanaayzeeshinii tokko godinichatti ijaaruuf qophiin xumuramaa jiraachuu himu. Karaa yuuniyenootaa tiraaktariifi kombaayinaroonni wiirticha keessa galan gatii madaala’aadhaan qonnaan bultoota kan tajaajilan ta’uu himu.
Akka godinichaatti bara omishaa 2011/12 lafa heektaara kuma 614 midhaan adda addaatiin uwwisuudhaan omishaalee kuntaala miliyoona 21 sassaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kan himan Obbo kabbadaan, kanaafis xaa’oon kuntaala kuma 600fi sanyii filatamaa kuntaala kuma 36 bara omishichaa kan fayyadaman ta’uu himu.
Omisha qonna bara 2011/2012 makkaanaayzeeshinii qonnaan deggeramee akka sassaabamuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuuf qophiin xumuramuu isaa Ministeerri Qonnaa fuula Fees Buukii isaa irratti ibseera. Makkaanaayzeeshinii qonnaa fayyadamuun omishaalee sassaabuunis qisaasama omishaalee %30n kan hir’isuufi qulqullina omishaalee eeguufis kan gargaaru ta’uu ibseera.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012
5 Comments to “Kilaastaraan omishuu: Mala qonnaa babal’chuu qabu”