Oromoon akkuma dacheensaa bal’aa ta’e saba gara bal’eessaafi aadaa hammachuutiin ijaaramedha. Aadaan hammachuu uumamaan argaterraa kan ka’e saba biraa Oromoorraa osoo adda hinbaasiin aadaa guddifachaan, harma hoosisaan saba biraa akka dhalasaatti guddisaa walqixxummaan akka babal’atuufi dimokiraasiin akka babal’atuuf saba bu’uura buusedha.
Sabni Oromoo saba hammachuu beekuudha wayita jennus sababaan yoo ta’u, sabaafi sablammiileen Itoophiyaa garagaraa naannicha keessatti jiruufi jireenyasaanii gaggeessaa jiran akkuma Oromoo kamiiyyuu jiruufi jireenyasaanii gaggeessaa gaddaafi gammachuu waliin hirmaachaa har’a gahaniiru.
Jaalala sabaafi sablammiileen Oromoof qaban daran cimaa ta’uusaaf agarsiistuu guddaan kabaja ayyaana Irreechaa jaarraa tokkoof waggaa 50 booda Hora Finfinnee Doloolloo Biddeenaatti raawwaterratti hirmaannaa isaan taasisan yoomuu kan dagatamu miti.
Gaazexaan Bariisaas sabaafi sablammiilee irreecha Hora Finfinneerratti hirmaatan tokko tokko kan dubbise yoo ta’u, ayyaanicharratti akka hirmaatanif kan isaan kakaase dhiigummaan alatti aadaa hammachuu sabichi uumamaan qabu ta’uu dubbatu.
Qe’een Oromtichaa qe’ee ayyaantuu mortuufi hamtuun hindandeenye ta’uusaatiin har’a geesse malee silaa akka akeeka ilmaan galtuuf eenyummaan sabichaaf sabaafi sablammoota biyyattii yoona hacuuccaaf harqoota gabrummaa jalaa hinba’u ture.
Kun ta’us qabsoo hadhaa’aa cabuu lafee, dhangala’uu dhiigaafi aarsaa lubbuu dargaggoota kitilaatti lakkaawamaniin booda boquun saboota cunqurfamoo haara galfiifi guyyaa injifannoo kabaja ayyaana irreecha Hora Finfinnee kanarratti argamuu danda’aniiru.
Aadde Rahiimaa Wadaajoo Godina Arsii Lixaa, Aanaa Shaashamanneerraa kan dhufan yoo ta’u, ayyaanni irreechaa hora Finfinneetti kabajame Oromoof boqonnaa jalqabaafi agartuun Oromoo itti wal argeedha jedhu.
Kun seenaa keessatti takkaa ta’ee hinbeeku jedhanii, qabsoo hadhaa’aafi wareegama qaaliin injifannoo Oromoon galmeessisaa jiru Oromoo malkaafi waltajjii tokkotti walitti qabuu danda’uu ibsu.
Irreechi Hora Finfinneetti kabajame kun seenaa qabeessaa ta’uusaatii sabaafi sablammiileenillee aantummaafi gammachuu Oromoof qaban agarsiisuuf faayamanii dhufuunsaanii akka isaan gammachiise kan himan ammoo jiraattuudhuma magaalaa Shaashamannee Aadde Girjaa Nootaati.
Akkasaan jedhanitti, irreecha kabajuuf dur dur shaashamanneerraa hanga harsadii miilaan deemanii ayyaana irreechaa kabajaa turaniiru. Lakkoofsi namoota ayyaana irreechaarratti hirmaatanii yeroorraa yerootti dabalaa deemaa jiraachuu kaasanii, kan baranaa kun daran isaan ajaa’ibsiisuufi Oromoon galaana isa jedhu isaaniif dhugoomsuu himu. Sabaaf sablammiileen ayyaanicharratti hirmaatanis miidhagina ayyaanichaa dabaluus ni kaasu.
Irreechi Hora Finfinnee Doloolloo biddeenaatti kabajame turtii waggaa dheeraan booda waan deebi’eef seenaa dhaloonni amma itti boonuu qabu akka ta’ellee Aadde Girjaan ni dubbatu.
Dhaloonni guyyaa kana yeroo jalqabaaf arges sirnicha osoo hinfaaliin kunuunfachaa mallattoo eenyummaasaa taasifachuun dirqama ta’uufi seenaa kana yoo dagate dhiigni lammii dhangala’eefi lafeen cabe akkasumas lubbuun aarsaa ta’e kan isa komatu akka ta’e dagachuun irra akka hinjiraanne dhaamu.
Obbo Biraanuu Mangashaammoo Godina Lixa Shawaa Aanaa Dandii Magaalaa Ginciirraa irreecha Hora Finfinneerratti namoota hirmaatan keessaa isaan tokko. Isaanis waggaa dheeraan booda Irreechi Hora Finfinnee kabajamuunsaa seenaan bade galuu kan agarsiisudha jedhu.
Seenaan Oromoo jaarraa dheeraaf awwaalamee ture kun qabsoo hadhaa’aan dho’ee ba’uusaan Oromoon galaana ta’e Doloolloo Biddeenaatti walgahee irreeffachuunsaa seenaa addaa ta’uu eeranii, miirri gammachuu guddaa ta’e kun Oromoo galaana ta’e Finfinneetti walitti qabuusaa ibsu.
Osoo qabsoon hadhaa’aa ta’e kun taasifamuudhaa baate Oromoon akka jaametti hafa jedhanii injifannoon galmaa’e daran cululuqaa ta’uusaarraa kan ka’e ilmaan kushillee sirnicha miidhagasuusaanii kaasu.
Oromoon hedduu guyyaa har’a kana ijaan arguuf qabsoo taasisaniin lubbuun isaanii aarsaa taatee guyyittii kana osoo hinargiin darbuu kan himan Obbo Biraanuun, isaan darbaniis ilmaansaaniif dabarsanii biiftuu bilisummaa Oromoon galaana ta’e keessa deemu kanaaf qaanqee qabsoo qabsiisaniiru.
Gammachuun Oromoo kun ilmaan Kuush kan gammachiise yoo ta’u, isaan keessaa sabni Halaabaa, Maaraqoo, Sidaamaafaa uffata aadaasaaniin faayamanii sirba aadaasaaniin walbuhaarsaa ayyaana irreechaa Hora Finfinnee hanga Harsadii Oromoo waliin hiriiruun kabajaa turaniiru.
Ayyaanichi kan Oromoo qofa osoo hintaane kan ijoollee Kuush maraatti kan jettummoo Dubree Biruktaayit Eliyaas, jiraattuu magaalaa Hawaasaa, garee Aartiifi Liitireecherii Waldaa Amaanu’eel yoo taatu, irreecha yeroo jalqabaaf Hora Finfinneetti kabajamerratti argamuusheetti gammachuun itti dhagahame hedduu ta’uu himtee jirti.
Akkasheen jettutti, Saba Oromoo galaana ta’eefi obbolaasaa ilmaan Kuush dirreefi hora tokkorratti arguuf aarsaa qabsaa’onni kaffalan kan hindagatamne yoo ta’u, barri cunqursaa darbe kun biiftuu bilisummaa har’aa kana hundaaf kan baase waan ta’eef kan jajjabeeffamuu maludha.
Waajjira Bulchiinsa Godina Halaabaatti, Ittigaafatamaan Kominikeeshinii dargaggoo Sharafaddiin Shiifaa gamasaaniin, ayyaanni Irreechaa bara kanaa Ilmaan Kuush waldheebochaa turan walitti qabeera jedhu.
Ilmaan waldheebochaa turan kunneenis Hora Finfinnee barootaaf duudee tureefi qabsoo qaaliin dho’e kana dhuguun kan qabbaneeffatan ta’uu kaasanii, barri tokkummaa saboota obbolaa lamaan kanneen gidduu jiru yoomuu caalaa akka jajjabaattuuf aantummaasaanii akka agarsiisan akka isaan taasisu kaasu.
Har’a dirreen Dooloolloo Biddeenaa ilmaan Kuushiin guutamee halaalaa wayita ilaalamu galaana fakkaata kan jedhan ittigaafatamichi, galaana ta’uu Oromoo qabatamaan kan agarsiise ta’uus ni kaasu.
Walumaa galatti sabni Oromoo galaanadha yeroo jedhamu sababaani. Kun kan ta’eefis Oromoon gadda, gammachuu, qabsoofi sirnoota gara garaa gaggeessu keessatti saba kutannoon walii wajjin dhaabatu yoo ta’u, aadaa hammachuu, guddifachaa, harma hodhaa qabuun sabaafi sablammiilee waliin hariiroofi tokkummaa inni qabu agarsiistuu eenyummaasaati.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012
4 Comments to “Oromoon galaana oggaa jedhamu sababarratti hundaa’eeti”