Injifachuu Doktar Abiyyiin eenyuutu maal jedhe?

“Badhaasa Nobilii Doktar Abiyyi argataniin namnis ta’e dhaabbanni hingammadne jiraachuu qaba jedhee hin yaadu, yoo nama sammuunsaa hinhojjenne yoo ta’e malee. Hojiileen  gama nageenyaatiin keessumaa gaanfa Afrikaarratti hojjetan ulaagaa badhaasichaa waan guutaniif waanuma isaaniif malu argata. Ani gama kootiin jalqabumayyuu eegee waanin tureef oduu injifachuusaanii gaafan dhaga’e badaa na hindinqine”

“Badhaasni kun kansaanii qofa otoo hintaane kan ummata maraati. Sababnisaas yommuu isaan kana hojjetan ummanni deggaraa ture “Lakkii dhaabi” jedhee mormee dura hindhaabanne. Kanaaf badhaasichi ummanni Itoophiyaas nageenyaa akka barbaaduufi deggaru kan mul’isu waan ta’eef hiiknisaa olaanaadha. Carraa kanaan Doktar Abiyyiinis ta’u ummata Itoophiyaatiin baga gammaddan jechuun barbaada”.

  • Pirofesar Bayyanaa Pheexiroos

“Badhaasni kun badhaasawwan addunyaarratti kennaman keessaa isa hangafa; waan akka salphaattis argamu miti. Akka Itoophiyaatti kana dura hoggansi badhaasa kana argate hinjiru. Akka Afrikaattis namoota guguddoo muraasa muuxannoo waggaa dheeraa qabantu argate. Addunyaarrattis akkasuma. Kanaaf waan akka laayyootti ilaalamu miti.”

“Badhaasicha duuba ummanni Oromoo darbees sabaafi sablammoonni biyyattii ni jiru. Kanaan onnachuun Doktar Abiyyis ta’u ummanni keessumaa nageenyarratti caalaatti hojjechuu qabu.”

  • Doktar Darajjee Garafaa

“Qabsoo sabaafi sablammoonni keessumaa ummanni Oromoo taasifameen jijjiiramni dhufeera. Kunimmoo namoota akka Obbo Lammaa Magarsaafi Doktar Abiyyi cabsanii akka ba’aniif daandii saaqeera. Humnoonni jijjiiramaa kunneen erga aangootti dhufanii hojiilee ajaa’ibsiisoo waggoota hedduu keessatti hojjetamuu hindandeenye hojjetaniiru.”

“Doktar Abiyyi yommuu ministira muummee ta’anii muudaman dandeettii, barnoota, beekumsaafi kennaa uumamaa addaa kan qaban ta’uu eenyuyyuu ragaa kan ba’uudha. Kanaafi kaadhimamtoota dhuunfaafi dhaabbilee 300 injifachuun badhaasa Noobilii nagaa kan bara 2019 badhaafamuu kan danda’an. Kunimmoo Oromoof, sabaafi sablammootaaf, biyyaaf, siyaasa Itoophiyaaf, gaanfa Afrikaaf darbees Afrikaaf jijjiirama guddaadha. Iji addunyaa caalaatti akka gara Itoophiyaa ilaalus ni taasisa.”

  • Kaadhimamaa Doktaraa Buzaayyoo Daggafaa

Doktar Abiyyi Ahmad mo’achuun booda Barreessaa Koree Nobilii Olav Nijostaandi waliin bilbilaan haasa’aniiru.

Isaaniis, badhaasichatti gammaduusaaniifi dhaabbatichis galata guddaa qabaachuusaa ibsaniiruuf. “Badhaasni kun kan Itoophiyaati. Gaggeessitoonni Afrikaa yaada qajeelaan fudhatanii hangam nagaaf hojjechuu akka danda’an kanarraa hubachuu dandeenya” ittiin jedhaniiru.

Badhaafamuu Doktar Abiyyiin walqabatee Pirezdaanti Saahilawarqi Zawudee, Kantibaa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa,… erga baga gammadanii dabarsaniiru.

Recommended For You

4 Comments to “Injifachuu Doktar Abiyyiin eenyuutu maal jedhe?”

  1. Pingback: article source
  2. Pingback: ผ้า
  3. How’s it going?While exploring a new website, we came across a webpage that immediately caught our eye. We are extremely impressed with what we have seen so far and are eagerly looking forward to your future updates. We can’t wait to explore your website further and uncover all the amazing features it has to offer.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *