Hayyuu walqixxummaa afaanii beekumsa ogbarruu qabaniin mirkaneessaa jiran

Dubbiin, “Hayyootni qaroo/agartuu biyya tokkooti” jedhamu guutummaatti dhugaadha. Waa’ee seenaa, aadaafi duudhaa ganama ture ijaan arganiis ta’e qoratanii keessa waan darbaniif salphaatti yaadachuu danda’u; kanaanis dhaloota qaru, gorsu akkasumas toora gaariirra akka arreedan qajeelchu.

Hayyoota ogummaa barataniin hawaasasaanii sirnaan tajaajilaa turan keessaa Obbo Masqaluu Baalchaa isaan tokko yoo ta’an, turtiin isaan tibbana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisan akka ittaanutti dhiyaateeraa dubbisa gaarii.

Seenaa keessan gabaabinaan osoo nuu ibsitanii?

Ani Masqaluu Baalchaa         Daadhiin jedhama. Maatiin koo diimaa waanan ta’eef jalqabuma wayitan dhaladhu Masqala koo jechuun maqaa naa moggaasan. Wayitan mana barumsaa seene garuu adeemsa keessa maqaan koo gara Masqaluutti jijjiirame.

Maatiin koo qonnaan bultoota yoo ta’an, naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Barak, naannawa Erer (osoo Caffee Doonsaa osoo hingahiin toora har’a Gabri’eelii Leencaa) jedhamu jiraachaa turan. Haa ta’u malee dhiibbaa sirna fiwudaaliitiin qabiyyee lafasaaniirraa buqqa’anii gara Arsii, Heexoosaatti imaluun ganda Yamboo keessa jiraachaa turan. Anis achumatti bara 1943 dhaladhee achumatti guddadhe.

Sirna san keessa barnootni akka garaa waan hinturreef warruma abbaa lafaatu barata ture. Xiqqoo ergan guddadhee booda barnoota ‘qeesiin’ seene. Barnootichis waan natti toleef  achumatti jabaachaan deeme. Umuriin koo waggaa saddeet guunnaan garuu mana barumsaa mootummaa sadarkaa 1fa Ligaabaa jedhamuttin baradhe. Kutaa 1fa-8fattis achumatti baradheen xumure.

Barnoota koo kutaa 9fa hanga 11fa Mana Barumsa Daargee Asallaatti argamuttin baradhe. Wayita jalqabaatiif mana barumsichaatti argamu jiraattotni magaalittii, “Mucaa xiqqoon tokko qorumsa darbee kutaa saglaffaa seene” naan jechuun kolfu turan. Sababnisaa wayita san barnootni akka  waan addaatti ilaalama ture. Adeemsa keessa garuu sababuma jireenyaatiin barnoota koo kutaa 12fa osoo hinxumuriin gara Finfinneetti imale. Asittis osuman hojii dhuunfaa koo hojjedhuu barnoota koo kutaa 12fa Mana Barumsaa ‘Birhaanish Zaareenawu’ jedhamutti baradhe. Barnoota koottis daran cimaan ture.

Akkuman kutaa 12fa xumureen qabxii darbiinsaa waanan argadheef, Dhaabbata Leenjii Barsiisummaa Qadamaawwii Hayilasillaasee Kotobee seene. (Kan har’a Yunivarsiitii Metropolitiyaanii Kotobee ta’e jechuudha). Dhaabbata kanattis ergan waggaa tokko leenjii barsiisummaafi gaazexeessummaa fudhadhee booda dippiloomaadhaan eebbifameera.

       Haalli muuxannoo hojii keessanii hoo?

Akkuman leenji’ee baheen hojii barsiisummaatiif konyaa Sidaamootti ramadamee deeme. Yeroo sana Aanaa Wanaagoo Mana Barumsaa Qotii jedhamutti qarshii 203n mindeeffamee waggoota sadiif barsiise. Bara 1968tti garuu konyicha keessaa bahuu waanan barbaadeef Arsiitti deebi’e. Aanaa Kofaleetti dorgomeen mana barumsaa Goobee sadarkaa 1fatti ramadame. Turtii waggaa tokkoo boodas bulchaa Aanaa Zuwaayi Dugdaa ta’ee hojjedheera.

Hojii koos amanamummaan hojjechaa waanan tureef ummata biratti haalaan jaallatamaan ture. Ta’us sirni Dargii nama ummata wajjin waliigalu waan hinjaalanneef na yakkuun ‘zabxiyyaatti’ ykn mana hidhaatti na darbate. Eddiin waggaa tokkoof hidhamee booda dhiifamaan baheera. Garuma hojii koo duraatti deebi’uunis mana barumsaa Itayyaatti barsiisuu eegale. Amanamummaafi qajeelummaan barsiisaa waanan tureef achumatti barsiisaa gaarii/cimaa ta’uun meedaaliyaa badhaafameera. Kunimmoo hanga har’aattuu ogummaa barsiisummaa akkan jaaladhu na taasiseera.

Yeroo boodas Dhaabbatni Walqunnamtii Barnootaa Itoophiyaa beeksisa mindeessaa waan baaseef achitti dorgomeen darbe. Raadiyoo Barnootaa Laga Daadhiittis ramadamee waggoota kudha jahaaf qopheessaa Amaariffaa ta’uun hojjedheera. (Bara 1976 hanga 1987tti jechuudha). Sanbataafi Dilbata ammoo sagantaalee bashannanaarrattis hojjechaan ture. Wayita san maamiloota hedduu waanan horadheef keessumaa ammoo fudhatamummaan barsiisota biratti qabu guddaa ture.

Barnoota raadiyoodhaan kennamu haala kamiin qophaa’a, hinulfaatu?

Barnoota raadiyoo qopheessanii barsiisuun ulfaataa miti. Garuu tooftaa barsiisuu olaanaa gaafata. Tooftaan jalqabaa garuu leenjii barsiisummaa fudhachuun dirqama. Leenjii qabaannaan ammoo kanuma teknoloojiitti jijjiiruu gaafata. Warri gonkumaa ogummaa barsiisummaa waliin walhinbeekne garuu ni rakkatu. Ani garuu durumaa kaasee beekumsa ogbarruu gabbifachaa waanan tureef raadiyoorratti barsiisuun hangas mara na hinrakkisne. Fedhii waa barreessuufi barsiisummaa keessa kootii danfaa ture Laga Daadhiittin baafadhe. Hanga kufaatii sirna Dargiittis asumattan hawaasa koo tajaajilaa ture.

Kufaatii Dargii booda garam deemtan?

Akkuma sirnichi kufeen qormaata jireenyaa hedduutu na muudate. Garuu Waaqni Oromoo na gargaareen keessa darbee har’a gahe. Haalli akkas…(kolfa!). Durumaa kaasee walaloo barreessaa waanan tureef, kitaabilee walaloo lama Amaariffaan maxxansiiseen ture. Isaanis, “Anis Boronqii Kootiin Nan Qabsaa’aafi Hadaraa Abbaa Yaalaa koo” kanneen jedhamaniidha.

Ani kanan jechuu barbaade 1fa barsiisotni ogummaa barsiisummaatti cimanii doofummaa balleessuuf qabsaa’uu akka qabaniidha, 2fa ammoo hakiimotni wayita namoota dhukkubsatan wal’aanan dhibeesaanii sirriitti hubachuu akka qabaniifan walaleesse. Basaastonni garuu na yakkuuf jecha gara Ministeera Barnootaa deemanii akka waan ani sirna haaraa hundaa’e mormuutti maqaa koo xureessan. Waanuman Amaariffa barsiisaa tureefis sobaan deggaraa Paartii Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaati naan jedhan. 

Osuma kanaan jirruu gidduutti mootummaanis  jijjiiramee caasaa haaraan waan hojjetameef koreen caasicha hojjete gita hojii haaraarratti na ramadnaan Ministirri Barnootaa yeroo sanaa, Aadde Gannat Zawudee ramaddichi akka haqamu taasisan. Anis ija jabinaan mormee obomboleettiin siyaasaa na fudhachuuf jennaan itti dhiise. Achumaan waajjira seeftineetii keessa seeni naan jedhan.

Seeftineetii oggaa jettan?

Wayita san seeftineetii jechuun bakkuma itti rakkataan ykn namni hojjechuu hindandeenye taa’etuma guyyaa lakkaawataa mindaa ji’aa eeggatu jechuudha. Anis hojii malee taa’ee nyaachuu waan hinbarbaanneef beeksisa hordofuu eegale. Kanaanis bara 1989tti Raadiyoon Faanaa beeksisa baasnaan dorgomee achi seene. Afaan Oromootiin sagantaa maatiifi barnootaarratti waggaa tokkoofis hojjedhe.

Booda Raadiyoon Barnootaa Oromiyaa beeksisa baasnaan dorgomee darbe. Achi keessa ammoo waggoota jahaaf hojjedheera. Adeemsa keessas Biiroon Barnoota Oromiyaas caasaa haaraa waan hojjeteef kutaa qormaataatti na ramade. Kunis waan na gammachiisuu dideef ogummaa gaazexeessummaatiin Dhaabbata Raadiyoofi Televizhinii Oromiyaatti (DhRTO) dorgomee seene. Waggoota sadiif ergan hojjedhee booda waanan dadhabeef bara 2003tti soorama guutee bahe. Waliigalaan garuu waggoota 38f carraa ummata koo tajaajiluu argadheera. Kunoo har’a sooramarran jira.

Qubee Afaan Oromoo akkamiin barachuu dandeessan?

Akkuma sirni Dargii kufeen qubeen Afaan Oromoo Finfinneetti manneen barnootaa muraasa keessatti barsiifamaa ture. Anis  akkuman Buufata Raadiyoo Barnootaa Laga Daadhii gadhiiseen Mana Barumsaa Minilikitti ji’oota sadiif carraa Qubee Afaan Oromoo barachuu argadhe.

Duraanis Biiroo Barnoota Oromiyaa wajjin hojjechaa waanan tureef akkan dandeettii qubeessuu gabbifadhuuf sababa naa ta’eera. Ji’oota sadii booda gaafan eebbifamu ammoo walaloo matadureensaa, “Anaa Dhufu Qubee” jedhu barreessee eebbifamtootaaf dubbise. Kanaanis hunduu natti gammadan; Biiroon Barnoota Oromiyaas caalaatti na jajjabeessaa ture.

Hanga ammaatti kitaabilee meeqa maxxansiistan?

Ijoollummaa koorraa kaasee walaloo barreessuun jaaladha. Abbaan koos hojii koo kanatti hedduu gammadaa waan tureef bakka afooshaawwan addaddaatti akkan gurra ummataatiin gahuuf na jajjabeessaa ture. Walumajalaa walaloo barreessuutti cimaa waan dhufeef akkan kitaabilee hedduu maxxansiisuuf ka’umsa naa ta’eera.

Ergan hojii mootummaa hojjechuu eegalee hanga har’aatti kitaabilee saddeet maxxansiiseera. Kanan barreesse garuu hedduudha. Beekumsi ogbarruu garmalee na keessaa danfaa waan tureef yeroowwan addaddaatti barreessaan ture. Fakkeenyaaf, bara 2001tti kitaaba, “Mootii Qubeefi Kumaatama”, bara 2004tti Waldaa Barreessitoota Itoophiyaa wajjin kitaaba, “Namummaa” jedhu, bara 2011tti ammoo kitaaba, “AMAAR-ORO” jedhamu eeruun ni danda’ama. Bara saddeettamootaafi sagaltamoota keessas kitaabota hedduu maxxansiiseera. Hunduu garuu bifa walalootiin kan barreeffamaniidha.

Qabiyyeen kitaabilee keessanii maalirratti xiyyeeffata?

 Durumaa kaaseen dhimmoota wayitiirrattin xiyyeeffachuu jaaladha. Uumamas garmalee nan dinqisiifadha. Wayitan kitaaba koo “Mootii Qubeefi Kumaatama” jedhamuu maxxansiisetti qophii ayyaana barkumeetu ture. Hunduu ‘barkumee’ jechuun leellisa ture. Anis baasee buusee waa’ee barkumee xiinxaluun eegale. Achuman barkumee kan jedhu walaloodhaan, “Bara dhumee’ jedheen barreesse.

Xiqqaanis guddaanis akka waan barkumeen bara haaraa ta’eetti odeessa ture. Ani garuu waa’ee barkumee walharkaa fuudhanii odeessuurra waa’ee bara gara fuulduraa karoorfatanii hojjechuutu caalaa jedheen ergaa koo gurra ummataatiin gahe. Kitaabuma kana keessatti caba bara kumaa keessa ummattoota biyyattii mudatanis barreesseera.

Keessumaa walaloowwan gaggabaaboo kanneen akka, “Anaa Dhufu Qubeefi Irree Irranaa” jedhaman ummata biratti fudhatama guddaa argataniiru. Anis hedduu itti gammadeera.

Qabiyyeen kitaaba koo, “AMAAR-ORO’ jedhamuu ammoo walqixxummaa afaanii kan ibsuudha. Afaan kamuu kan walhincaalle ta’uu beekumsa koo ogbarruutti  dhimma bahuun mul’isuu danda’eera. Wayitan kitaabicha barreesseettis dubbattoota Afaan Oromoofi Amaariffaa giddugaleeffadheera.

Waa’ee seenaa, aadaa, afaaniifi duudhaa hawaasa afaan lameeniis bu’uureffadheera. Ergaan koo garuu afaan lachanuu hawaasa tajaajiluurratti walqixa ta’uusaanii agarsiisuudha; milkaa’eeras.

Walaloo barreessuun kennaa uumamaati moo muuxannoodhaan argama?

Gaaffii kana deebisuuf yeroo baay’ee hayyootni irratti walfalmu. Gariin uumamumaan kennaa namaaf kennamuudha yoo jedhan, kaan ammoo adeemsa keessa muuxannoodhaan kan argamuudha jedhu. Martinuu garuu qixa ogummaa qabaniin hiika itti kennu waan ta’eef waliigalteerra gahuun rakkisaadha.

Akka kootti garuu walaloo barreessuun kennaa akka ta’e hubadheera. Namni tokko beekumsaafi muuxannoo hedduu qabaateyyuu haala barbaadameen walaloo barreessuun ulfaataadha. Yeroo gabaabaa keessatti jechoota filatamoo ta’an walitti qindeessanii ergaa tokko haala miira namaa hawatuun ykn sagalee muuziqummaa of keessaa qabuun dabarsuun kennaa ganamaati. Anillee imala jireenyaa keessatti kana ta’uusaa hubadheera. Kennaa namaaf kenname garuu muuxannoodhaan caalaatti gabbifachuun ni danda’ama.

Kitaaba maxxansiisuuf tartiiba akkamiitu hordofamuu qaba?

Namni kitaaba maxxansiisuu barbaadu tokko hunda dursa waan barreessurratti beekumsa gahaa qabaachuusaa mirkaneeffachuu qaba. Kana jechuun qalbeeffannaafi quuqqaa qabaachuun dirqama ta’uusaati. Dhimma barreessanirratti suuta suuta ragaalee qindeeffachuunis barbaachisaadha. Barreeffama jalqabaa raawwachuufis duraa duuba yaadaa eeguun dirqama. Hanga maxxanfamee raabsamuutti hojiileen hedduu waan jiraniif of eeggannoo guddaa kan gaafatu ta’uun hubatamuu qaba.

Raabsi kitaabaa rakkisaadhaa?

Daran rakkisaadha malee! Hojii ulfaataan kitaaba maxxansiisan raabsuudha. Anillee hanga ammaatti hanqina bajataarraa kan ka’e ofuma koon raabsachaa ykn gurgurachaan ture. Rakkoonsaa garuu Itoophiyaa keessatti dhaabbata tokko bakka buusanii akka raabsamu gochuun bu’aasaarra kisaaraasaatu caala. Biyyoota Awurooppaatti aadaan dubbisuu lammiilee guddaa waan ta’eef haala salphaa ta’een raabsuun ni danda’ama. Akka Afrikaatti garuu faallaa kanaati waan ta’eef kun xiyyeeffannoo mootummaa gaafata jechuudha.

Ogummaa irratti bobbaataniin gahee koo bahachuu danda’eera jettuu? Gama kanaan maaltu isinitti dhagahama mee?

Akka lammii tokkootti waan labatni dhufu narraa barbaadu gama ogummaa kootiin guutummaatti ta’uu baatus waanin bahadhe natti fakkaata. Kanatti ammoo hedduun gammada. Kanaan boodas yoo Waaqni na gargaare Afaan Oromoofi Amaariffa dabalatee afaan sabootaa keessaa tokkoon kitaaba bareessee maxxansiisuun barbaada.

Haala maatii keessanii natti himaa mee?

Egaa akka aadaa Oromootillee ijoolleen hinlakkaa’amtu… (kolfa). Haa ta’uutii ijoollee shanin qaba, (dhiira tokkoofi dubartoota afur).  Hunduu baratanii hojii qabataniiru. Waa’eesaaniif Waaqayyoon nan galateeffadha.

Asirratti wantan dubbachuu barbaadu yoo jiraate ijoollee guddisuun ittigaafatamummaa guddaa ta’uu hubatamuu akka qabuudha. Imala jireenyaa maatii keessatti hundarra waldhaggeeffachuun murteessaadha. Miira ijoollee ofii dhaggeeffatanii deebii quufsaa kennuun barbaachisaadha. Yeroo ammaa, “Adabadhuu taa’i, anatu siif beekaan hinjiru”.  Wantoota hojjetamuu qaban wajjummaan hojjechuufi waliin murteessuun murteessaa ta’uu hunduu beekuu qaba.

Dhumarratti waan hafe yoo jiraate?

Dhumarratti ergaan dabarsuu yoo jiraate, akkuma biyyaattuu aadaan dubbisuu keenyaa daran gadaanaadha. Barattootni, barsiisotni, akkasumas hayyootni keenya dubbisuu hinjaalatan. Namni dubbisu garuu ofiifi hawaasa jijjiiruu danda’a. Anillee xiqquma waanan dubbiseef qooda koo bahachuu danda’e; jireenya koos gaggeeffachuun har’a gahe. Kanaaf aadaa dubbisuu keenyaa cimsachuu qabna.

Waqtiin kun ammoo yeroo barnootni itti eegalamaa jiru waan ta’eef keessumaa maatiin barattootaa hojiilee misoomaa waliin baruu barsiisuurratti xiyyeeffachuu akka qaban hubachiisuun barbaada. Sababnisaas barnootni meeshaa hiyyummaa itti mo’atan waan ta’eefi. Hundarra ammoo maatiin barachuu ijoolleesaa sirnaan to’achuufi hordofuun murteessaadha. Dhumarratti  barri haaraan kun kan nagaafi badhaadhinaa nuuf haa ta’un jedha.

Takkaalliny Gabayyootiin

Suurri Daanyee Abarraatiin

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

One Comment to “Hayyuu walqixxummaa afaanii beekumsa ogbarruu qabaniin mirkaneessaa jiran”

  1. Pingback: dul togel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *