Badhaasichi agarsiistuu nageenya, dhiifamaafi jaalalaaf abboomamuuti

Finfnnee:  Badhaasni noobeelii Doktar Abiyyi Ahmad injifatan  agarsiistuu nageenya, dhiifamaafi jaalalaaf abboomamuu akka ta’e Ittigaafatamanaan Sakreteriyaatii Pireesii Waajjira Ministira Obbo Nigusuu Xilaahun ibsan. Duudhaaleen kanneeniif yoo abboomne tokko taanee waa hunda mo’achuu danda’u keenyaaf agarsiistuudha jedhan.

Wayita Itoophiyaan gama siyaasaatiin karaa lakkuurra jirtutti  Ministirri Muummeen gara hoggansaatti dhufuusaaniis yaadachiisanii, eddii hojiisaanii eegalanii qabanii jibbaafi haaloo dhabamsiisuun nagaan, jaalalliifi dhiifamni akka dhugoomuuf halkanii guyyaa hojjetanii bu’aa galmeessisuusaanii ibsa badhaasicha ilaalchisuun dubbataniiru.

Ministirri muummeen bakkawwan deeman hundatti ka’umsaafi maniisaanii nageenya godhachuudhaan lammiileen biyyattii miira jibbiinsaafi haaloo dhabamsiisanii dhimmoota isaan tokkoomsurratti akka xiyyeeffataniif hojjechuusaanii Obbo Nigusuun ibsaniiru.

Ida’amnee biyya keenya kan badhaate gochuun duudhaalee gaggaariifi tokkummaan akka cimaniif  ministirri muummeen hojjechuusaaniis eeranii, hidhamtoota hiikuun, daangaa dimokraasii bal’isuudhaan, addummaa dhaabbilee amantii jidduu ture furuun, jaarmiyaalee nageenya mirkaneessan caasessuufi  dameelee biroo danuutti bu’aalee qabatamon tattaaffii isaan taasisaniin argamuu yaadachiisaniiru.

Doktar Abiyyi nagaa qabaachuun biyyoota ollaa keenyaa mirkanaa’uu nagaa biyya keessaatiif gumaachaa guddaa akka qabu hubachuun rakkoolee nageenyaa biyyoota gaanfa Afrikaa furuuf tattaaffii taasisaniin Sudaan, Suddaan Kibbaafi Somaaliyaatti nagaan akka bu’u gochuusaanii dubbataniiru.

Hariiroon Itiyo-Ertiraa waggoota 20f addaan cite tures akka sirraa’uufi biyyoonni obboleeyyan lamaan gara hariiroosaanii duriitti akka deebi’an gochuun gumaachu Doktar Abiyyi daran olaanaa ta’uus ittigaafatamtichi eeraniiru. Kanarraa ka’uunis biyyoonni lamaan kunniin dhimmoota hedduurratti wajjummaan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.

Badhaasichi hojii hojjetame qofaaf otoo hintaane kanneen gara fuulduraatti hojjennuufillee ergaa kan qabuudha jedhanii, dhimmoota irratti waliigalluufi tokko nu taasisanirratti xiyyeeffannaan akka hojjennu kan nu taasisu ta’uus dubbataniiru.

Obbo Nigusuun ibsasaaniitiin dhamaatin Doktar Abiyyi nageenya, jaalalaafi tokkummaa taasisan ija godhachuu eeranii, lammiilee Itoophiya maraan baga gammaddan jedhaniiru.

Doktar Abiyyi Ahmad badhaasa Noobeelii bara 2019 inifachuunsaanii kaleessa Noorwee, Osloorraa ibsamuun ni yaadatama.

Charinnat Hudneessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

3 Comments to “Badhaasichi agarsiistuu nageenya, dhiifamaafi jaalalaaf abboomamuuti”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *