Alseerummaafi hanqina namuusaa dirreewwan ispoortii dhabamsiisuuf ni hojjetama jedhame

Finfinnee:  Mootummaan bara bajataa kana qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun alseerummaafi hanqina naamuusaa dirreewwan ispoortii keessaatti mul’atan  dhabamsiisuuf kan hojjetu ta’uu beeksiseera.

Gurmaa’ina ispoortii mootummaafi ummataa cimsuudhaan ispoortii ga’umsaan akka geggeessan taasisuun, ispoortii hawaasaafi bakkeewwan ispoortii babal’isuufi eegumsa seeraa akka argatan taasisuun, dorgommiiwwann ispoortii naga qabeessaafi seera qabeessa taasisuun dhimmoota ijoo mootummaan irratti xiyyeeffatee hojjetuudha jedhu Pirezdaantiin Itoophiyaa Aadde Saahilawarqi Zawudee haasaa Wiixata darbe baniinsa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Federeeshinii  irratti taasisaniin.

Keessumaa alseerummaafi hanqina naamuusaa dirreewwan ispoortii keessatti mul’atan dhabamsiisuufi  seera kabajchiisuun hojiilee ijoo baranaa ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

3 Comments to “Alseerummaafi hanqina namuusaa dirreewwan ispoortii dhabamsiisuuf ni hojjetama jedhame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *