Irreecharraa maal baranna?

Irreechi ayyaana guddaa Oromiyaa keessatti, akkasumas biyyoota ambaattis waggaatti si’a lama kan kabajamu inni tokko Irreecha Birraa jedhamee kan beekamu ji’a Fulbaanaa keessa kan kabajamuufi inni lammaffaan ammoo Irreecha arfaasaa kan ji’a Eblaa keessa kabajamuudha.

Irreechi Birraa ganni darbee yeroon midhaan makaruun  dhiyaatu kan kabajamu; nagaafi araaraaf yeroo itti galateeffatan; Waaqa nagaa namaaf kenneef, Waaqa namoota gidduutti araara buuseef yeroo galataa akka ta’e hayyootni ni dubbatu.   Egaa irreechi siyaasa otoo hintaane yeroo galataati. Galatni kun ammoo Waaqaaf ta’a. Yeroo baay’ee akkuma dubbatamu Irreechi guyyaa galataa kan warri adiin waggaatti galateeffatanii wajjin walfakkaata.

Yeroon ammaa Irreechi Birraa yeroo itti ayyaneffatamu keessa jirra, Hiikaansaa garuu hanga dhageenyeefi barannee olitti ammayyuu waan baruun nurra jiru wantoota danuutu jiru. Addumaan ammoo waggaa 150 booda  Hora Finfinneetti yeroo geggeeffamu namoota hedduuf gammachuu guddaadha. Isa kanaan duraa caalaas namoota hedduu ni hirmaachisa.  Garuu gaaffii guddaan maal hubattuu? Maal barsiisuuf qophoofneerra?  Namoota fagoofi dhiyootii dhufaniif  barsiisa maalii qabna? Guyyaan kun isa kanaan duraarra adda akka ta’u maal gochuu dandeenya? Irreechi kan hammatee jiru wantoota gaggaarii attamitti biyya lafaatti mul’isuun dandaa’ama?  Bifa addaatiin isa kanaan duraarraa namootni waan barachuu qaban keessaa muraasni kanneen armaan gadii ta’uu qabu jedheen yaada. Isaan keessaas  

  1. Irreechi Mallattoo Nagaati.

Fulbaana 11, 2019 “Fiigicha Nagaa Irreechaa” jedhuun irreechi mallattoo nagaa, mallattoo tokkummaa, mallattoo walutubuu yookaan wal tumsuu akka ta’e namootni kuma shantamaa ol irratti hirmaachuun fiiganiiru. Karaa adda biraas bakka irreechaatti namootni argaman namootni aadaa, safuufi duudha sabichaa beekaniifi barsiisan hayyoota hubannaafi beekumsa qabaniidha. Hayyootiin Gadaas yeroo gorsan akka namootni hammina walitti hin yaadne, Waaqniifi lafti akka nagaa kennuuf uummata eebbisu. Dubbii isaanii keessatti jechoota sookkoofi dubbii hamaaf nama kakaasu hin arginu. Kanaaf Irreecha irraa nagaatu baratama; nagaa uumamaa wajjin jiraachuu, nagaa waliin jiraachuu, nagaa uumaa wajjin jiraachuutu labsama,

Kanaaf yeroo irreechaa nagaa akka jiraatu, tasgabbiin akka jiraatu, namaafi nama gidduutti, namootaafi uumaa isaanii gidduutti nagaan akka jiraatuuf, badhaadhinaaf, seerriifi walqixxummaan akka ol aantummaa argatu, uumamni akka eegamuuf, Waaqni hammina jalaa akka nama oolchuuf yeroo itti kadhataniidha. Kanaaf mallattoo nagaati. Mallattoo badhaadhinaati. Mallattoo waldanda’uuti. Mallattoo akka seerri karaa irraa hin maqne itti kadhataniiti.  Dhalootni keenya, namootni irreecha irratti argaman isa kana baratanii deebi’uu qabu. Irreechi waan irraa baratan kan amma nuti hinkaafne urjii caalaa kan baay’atutu keessa jira.

  • Mallattoo Mo’ichaati

Kanaan dura jaarraa tokkoof aadaan, afaan, amantaaniifi kkf hacuuccaa jala tureera. Waggoottan muraasaa asitti garu inni kun hundumtuu injifatamee sabaafi sablammiin hundi biyya isaa keessatti doorsisaafi sodaa tokko male aadaafi amantaa isaa mul’isuufi barsiisuu danda’eera. Irreechi ayyaana galateeffannaa qofa utuu hin ta’in akka dukkanni darbee ifni dhufe ganni, roobni, kakawween, cabbiin, qilleensi hamaan darbuu qofa utuu hin ta’in cunqursaan, doorsisniifi kkf darbuu isaa agarsiisa. Kana qofa utuu hin ta’in namni galateeffatu nama gammadeedha.  Egaa guyyaan Irreechaa guyyaa galataa, guyyaa namootni hundi itti gammadanii Waaqa dukkana gannaa isaan dabarse itti galateeffatan malee guyyaa mo’amuu, guyyaa gaddaa, yeelloofi soda miti. Kanaaf namootni guyyaa kana irratti argaman namoota mo’ichaa ta’uu isaanii dagachuu hin qaban. Irreechi mo’iacha; Irreechi injifannoodha.

  • Irreechi Mallattoo Eebbaati.

Irreecha yeroo itti Waaqa galateeffataniif yeroo eebbaati. Hamminni hawaasa gidduutti akka bakka hin argamne, jibbi hawaasa gidduutti akka hin dagaagne, dhugaan akka mo’u, nagaan akka jiraatu, maanguddootni akka nagaa qabaatan, dargaggootni akka nagaa qabaatan, horiin akka nagaa qabaatan yeroo itti eebbisaniidha. Guyyaan kun guyyaa galataa, guyyaa eebbaati. Guddaan xiqqaa yeroo itti eebbisu, dargaggootnis maanguddoo irraa yeroo eebba argataniidha.

  • Irreechi Mallattoo Araaraati

Irreechi Araara, araara Waaqaatiin namootni lolaafi cabbii; bakakkaafi duumessa gannaa keessaa ba’anii araara kanaaf yeroo itti galateeffataniidha. Inni kun anaaf hiikkaa danuu qaba.  Erga Waaqni araara ilmaan namaatiif godhee namootnis guyyaa kanatti fayyadamuun araaraa waliif gochuun daran barbaachisaadha.  Namootni wal dhaban illee yeroo itti araara waliif taasisan ta’uu qaba Yeroo namootni waliif dhiisan uumaan isaaniis isaaniif ni dhiisa. Araara isa biraa argatu. Kanaaf irreecha irraa araaraatu baratama. Guyyaan irreechaa guyyaa warri waldhaban waliin galateeffataniidha. Guyyaa araara buusaniidha.

  • Irreechi Mallattoo Tokkummaati

Irreecha keessatti eebbi ta’u, galatni dhiyaatu, weedduun mara yoo ilaallu tokkummaa kan agarsiisaniidha. Yeroo galateeffatan “Waaqa baranaan nu geessee bara egeriin nu ga’i; Jaarsi nu haa bulu, dargaggoon nu haa bulu, biyya dargaggeessaa/ttii nuu haa godhu…” kan kana fakkaatan agarra. Inni  kun tokkummaa agarsiisaa. Nama hundumaa bakka bu’anii galateeffachuudha. Namni hundi akka nagaan bara dhufu ga’uuf kadhachuudha. Akka biyyaatti, akka sabaatti, hunda hammata.

Akkasumas Irreechi saba Oromoo gidduuttis tokkummaa isaa kan cimsu akka ta’e agarra, duudhaafi mul’ata tokko akka qabaataniif kan gargaaruudha. Saba kan biraa wajjin qofa utuu hin ta’in akka isaan walii isaanii gidduutti hubannaafi yaada tokko qabaatan taasisa.  

Keessumatti bara kanaa eegalee irreechi kan Oromoo qofa utuu hinta’in kan sabaafi sablammii biyyicha keessa jiraataniiti. Kan saba biyya lafaa hundumaati. Kan uummata addunyaati. Saba hundumaa, umurii hunduma, dhiiraafi dhalaa, Oromoofi orma hundumaa kan hirmaachisuudha. Bakka itti adda baasee of irraa qollisu hin qabu. Kanaaf Irreechi mallattoo tokkummaati.   

  • Irreechi Mallattoo Safuuti

Oromoon safuu beeka. Hoboofi cooraan ulfina waliif kenna. Xinnaan guddaaf kabaja kenna. Waldhaga’a. Irreechi yeroo safuu itti baraniidha. Yeroo inni xinnaan isa guddaa kabaju, inni guddaanis isa xiqqaatti fakkeenyummaa agarsiisuudha. Kanaaf irreechi ayyaana kabajuu qofa utuu hin ta’in yeroo itti safuu barataniidha. Yeroo dargaggootni duudha sabichaa itti hayyoota irraa, maanguddoota irraa barataniidha.

  • Irreechi Mallattoo Wal Qixxummaati

Guyyaa irreechaa dhiirotni bokkuu qabatanii hawootni siiqqee qabatu. Bokkuun dhiirotni qabatan mallattoo wal qixxummaafi mallattoo habooti. Siiqeenis mallattoo mirga dubartoota Oromoo, mirga namummaa eenyu isaan irraa molquu hin dandeenye agarsiisa.  Siiqqeen dubartootni murtoo keessatti hirmaachuu danda’uu isaanii, araara buusuu keessatti hirmaachuu danda’uu isaanii, hirmaachuu qofa utuu hin ta’in murtoo keessatti hirmaachuunis ta’e rakkoo biyyaa hiikuun dhimma isaaniis akka ta’e mul’isa. Egaa Irreechi walqixxummaadha. Dhiiraafi dhalaan gargar baasee eenyuun kan hacuucu miti. Isa kanaafis karaa hinkennu.

Egaa irreechi yeroo galataa irra darbee wantoota addunyaa barsiisuu mallu danuutu jira. Dhalootni kun barachuu kan qabu; hawaasni biyya ormaa nurraa argachuu kan qabu kana irratti gadi fageenyaan hojjechuun dhalootni akka irraa baratanii barsiisan gochuun daran barbaachisaadha.

Jiruu Qananiitiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012

Recommended For You

One Comment to “Irreecharraa maal baranna?”

  1. Pingback: fortnite hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *