Uffanniifi faayaan aadaa Oromoo keessumaa waggoota muraasaa as haala dhiyeessisaatinis ta’e uffannasaatiin qalbii namoota hedduu hawachaa jira. Iddoowwan adda addaattis akka kennaa ykn badhaasaatis kennamaa jira. Gaazexaan Bariisaas Irreecha Hora Finfinnee waggaa 150 booda qe’eesaatti deebi’ee kabajamuun walqabsiisuun dizaayinarootafi daldaltoota omsihaafi gurgurtaa uffata aadaa Oromoorratti bobba’an tokko tokko dubbiseera.
Diizaayinar Birtukaan Jimaa
Irreechi Hora Finfinnee seenaa keessatti taatee haaraa waan ta’eef namoonni hedduun ni hirmaatu. Ayyaanicharratti Oromoo qofa otoo hintaane saboonniiifi sablammoonni biyyattii bal’inaan qooda fudhatu. Kanaan walqabatees carraan gabaa ni babal’ata. Daldala uffannaafi faaya aadaa Oromoo ni dabala.
Kun ija seenaatiinis ta’e dinagdeetiin yoo ilaalame hiika guddaa qaba. Namoonni daldala uffataafi faaya aadaa Oromoorratti hirmaatan bu’aafi faayidaa olaanaa argatu. Ayyaana kana sababeeffachuun uffanni aadaa dizaayiniiwwan adda addaafi haala ammayyaatiin qophaa’e bal’inaan gurgurama. Kana keessatti daldalaan bu’aa argata jechuudha. Uffanni kun ummata bira gahe jechuun ammoo uffatichi namoota danuudhaan beekama, gama seenaatiinis hiika olaanaa qabaata.
Ayyaanni Irreechaa gama nyaata aadaa beeksisuutiinis ta’e dinagdeetiin bu’aa olaanaa qaba. Ummanni ayyaanicharratti hirmaachuuf dhufu nyaatee dhuguun dirqama waan ta’eef gama kanaanis ija dinagdeetiin yoo ilaalame faayidaa guddaa argamsiisa.
Nyaata ammayyaa qofa otoo hintaane kan aadaallee bifa gurgurtaatiin yoo dhiyaate bu’aa daldalaa ni argamsiisa, nyaatichas ni beeksisa. Walumaagalatti Irreechi Finfinneetti kabajamuu eegaluu ani akka bu’aafi carraa guddaattin ilaala. Ayyaanicharraa saboonni hundis ni fayyadamu.
Carraa gabaa ayyaanicha sababeeffachuun banamu ka’umsa godhachuun dargaggoonni ijaaramaniifi karoorfatanii hojii daldalaa keessatti bal’inaan hirmaachuu qabu. Kanaanis faayaafi uffata aadaa Oromoofaa gurguruurratti hirmaachuun bu’aa guddaa argachuu danda’u.
Gama biraatiin uffannaawwan aadaa ammaan tana bifa ammayyaatiin qophaa’anii gabaaf dhiyaachaa jiran hanqina qulqullinaa waan qabaniif to’annoon irratti taasifamuu qaba. Uffanni aadaa Oromoo meeshaa sabboonumaan ummatichaa ittiin ibsamu waan ta’eef daldala qofaaf jecha uffata sadarkaan qulqullinasaa hineegamne gabaaf dhiyeessuun sirrii miti.
Yoo qulqullinnisaa gadi bu’e gatiinis wajjummaan waan gadi bu’uuf ummanni humnasaarratti hundaa’ee uffata duudhaa ummatichaa hinibsine bitachuuf waan dirqamuuf gochoota akkanaarratti qaamni dhimmi ilaallatu xiyyeeffatee hojjechuu qaba.
Uffanni durii kan akka wandaboofi kittaafaa bifa ammayyaatiin hojjechaan jira. Halluun ummanni Oromoo kanaan dura uffatasaatiif ittifayyadamaa tureef of eeggannaa gochuunan qopheessa.
Gama babal’ina uffata ‘xibabii’ jedhamuutiinis qorannoo geggeessee irratti hojjechaan jira. Kanaanis ‘dirbadiriifi kaarraa maarraafaan’ har’a saboonni biroo kan ofii taasifatan duriinsaa kan ummata Oromoo ta’uu hubadheera. Uffannaan aadaa Oromoo ture sun akka deebi’uuf ogummaa kootiin hojjetaan jira.
Namoonni kana hinhubanne tokko tokko oggaa dhalattoonni Oromoo xibabii uffatan kan saba biraati jechuun ni qeequ. Garuu ka’umsi uffata kanaa Oromoodha. Kanas keessumaa Abbaan Jifaar xibabii kana babal’isaa turan. Kanaaf qorannoo tokko malee uffanni kun kan ebeluuti jedhanii qeequun sirrii miti.
Arsiitti ummanni waan loon qabuuf gogaa looniifi re’ee kana dhadhaa cuupheeti uffachaa kan ture. Isa kana seenaa qoranna malee akkuma kaleessaatti dhadhaa cuuphnee uffanna yoo jenne hinta’u. Akkuma kaleessaa looniifi re’ee qallee dhadhaa cuuphnee uffanna yoo jenne loonis dhadhaanis akka duriitti hinjiran.
Utuma ta’ellee dhadhaa cuuphnee ummata addunyaa wajjin tarkaanfachuu hindandeenyu. Kan ta’uu qabu qoratanii seenaaf kaa’uudha. Utuu halluu ummatichi ittifayyadamaa ture hinxuqin fakkeessanii ammayyeessanii miidhagsanii ittifayyadamuun ni danda’ama.
Dirbadirii akkoon koo ittifayyadamaa turte uffadhee yoon manaa bahe Oromoodhumatu uffata saba biraa fayyadamte jedhee quba natti qaba. Kanaaf kan har’a uffata ebeluu jedhamu kana jalqaba eenyu akka babal’ise, har’a ammoo ummata hubachiisaa babal’isuu maaltu nu dhorke, akkamitti warri kaan duubaa ka’anii kan ofii godhatan, waldeggaruu dadhabneeti moo, maallaqa dhabnee hiyyoomne moo, akkamitti uffata aadaa nurraa fudhatamee babal’ate deebifachuu dadhabne jennee of gaafachuu qabna. Gaaffiileen kunniin deebii barbaadu.
Tokko walgargaaruurratti, walfaarsuurratti, waljajuurratti, hanqina qabna. Uffata keenya ganamaa namaa kenninee kan ebeluu jechaa jirra. Kanaaf namni biraa uffachuu waan sodaatuuf hinfayyadamu.
Uffata aadaa Oromoo haala yeroo uffannaasaa wajjin uffatamuu danda’uun ‘dizaayin’ godhanii qopheessuun ni danda’ama. Uffaticha fakkeenyaaf haala yeroo Irreechaa dabalatee ayyaanota birootiif uffachuun danda’amuun, daa’immaniif, beerriifi maanguddoonni, tikseefi uffannaa dhimmoota biiroof ta’uun haaluma dur tartiibaan tureen fayyadamuun ni danda’ama.
Fakkeenyaaf haallitti Aadde Guddoo (Godina Arsii) faayamtee jabbilee eegaa turte qalbii faranjootaa hawatte eeruun ni danda’ama. Faranjoonni callee isheen godhatteefi uffannaa ishiin uffattee turte dinqisiifatanii suura kaasanii addunyaarra facaasanii akka beekamtu taasisan. Warrishii yeroo sana haala kanaan miidhagsanii akka jabbilee eegdu gochaa turan. Kun har’a hinjiru. Kanaaf ammas uffata sana deebisnee ammayyeessinee ittifayyadamuu dandeenya.
Kana gochuuf ammoo mootummaan nama hojii kana hojjechuuf ogummaa qabu addaan baasee deggaruu qaba. Haala namoonni uffata aadaa ‘diizaayin’ godhan qabatanii gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiyeessanirrattis mootummaafi abbootiin qabeenyaa gargaarsa gochuu qabu.
Hanqinni ogummaa, meeshaaleefi deggarsaa yoo jiraatellee jijjiirama ammaan tana fayyadama uffata aadaarratti mul’ataa jiru akka carraatti fayyadamuun dizaayinaroonnis ta’an omishtoonni dhamaatiisaanii maddiitti hojii qulqullina qabu dhiyeessuurratti xiyyeeffannaan hojjechuu qabu.
Haalatti uffannaa aadaa Oromoo miidhageefi sadarkaasaa eeggatee omishamuun bakka guddaa ga’uu danda’urratti mootummaan qoratee otoo kallattii kaa’ee gaariidha. Yoo kun ta’uu baate utuma nuti harka marannee teenyu qaamni biraa fudhatee abbaa itti ta’ee deebisee numatti gurgura. Nutis isaanuma faana “Eeyyee, kanuma keessanii” jennee biraa deebi’uun mul’ataa waan jiruuf kanarratti ammummaa kaasee xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba.
Gama kanaan naannoleen biroo Oromiyaa dursaa jiru. Nuti garuu otoo uffata miidhagaa qabnu walgargaaruu dhabuu qofarraa kan ka’e duubatti waan hafneef cimnee hojjechuu qabna.
Kanaan dura uffataa aadaa Oromoo keessumaa kan Arsiirratti qorannoo geggeesseen ture. Uffata gogaafi jirbiirraa hojjetamu uffatamaa akka ture mirkaneesseera. Akka duriitti ittifufsiisuun waan hindanda’amneef ammayyaa’ee akka dhiyaatuuf qaama mootummaa dhimmi ilaallatuuf bu’aa qorannoo koo dhiyeesseera.
Kanumarratti hundaa’uunis uffata lamarraa ka’ee hanga uffata 160 dizaayiniisaa hojjedheera. Kanneen keessaa 25 qopheessee uffatawwan 15 irratti mirga abbummaa dizaayinii argadheera. Kana malees uffannaan Oromdurii maal fakkaataa akka ture qoradheera; kanneen dirbadirii, kaarraa maarraafaa jedhamanirratti.
Kanaanis keessumaa uffannaa aadaafi hojii suphee babal’isuudhaan Jimmi beekamaa ta’uusaa mirkaneeffadheera. Jimmatti xalayaa Abbaan Jifaariifi Minilik haala babal’isa uffannaa aadaarratti walii barreessaa turan ilaaleera. Haallatti bulluukkoofi jaanoofaan Jimmatti qophaa’e ergamaa tures hubadheera.
Uffanni xibabii durbadiriirraa hojjetame haala kamiin Xaayituudhaaf (haadha warraa Minilik) dhiyaachaa tureefi Minilikis xalayaa galataa ergaafii akka turellee hubadheera. Kunis xibabiin kan Oromoo ta’uu isaa akkan mirkaneeffadhuuf na gargaareera.
Hojichi baay’achaa dhufnaan Abbaan Jifaar ogeessota xibabicha hojjetan gara Xaayituutti erguun ishiinis fuutee uffannaa xibabii kana babal’isaa akka turte qorannoodhaan mirkaneeffadheera. Gama kanaan yoon gargaarsa argadhe qorannoon harkaa qabu marii ogeessotaatiif dhiyeessuuf qophiidha.
Daldalaa uffata aadaa, Daani’eel Goobanaa
Irreechi baranaa Finfinneetti kabajamuu wajjin walqabatee omishni uffata aadaa Oromoo gabaarra jiru waan walgahu natti hinfakkaatu. Gama kanaan ummanni fedhii guddaa agarsiisaa jira. Iddoowwan tokko tokkotti uffanni aadaa Oromoo namoota ogummaasaa hinqabneen qophaa’ee gabaaf dhiyaataa waan jiruuf kanarratti otoo xiyyeeffannaan hojjetamee gaariidha.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012
5 Comments to “Irreecha Hora Finfinneefi uffata aadaa Oromoo”