Jaarraa afraffaa durayyuu Oromoon xombora gubaa ture

Amantiin Kiristaanaa Dhaloota Kiristoos Dura (DhKD) bara 341 irraa kaasee mooticha Aksum, Izaanaatiin osoo hinbabal’atiin dura Oromoon xombora gubaa turuu Pirezidaatiin Waldaa Waaqeffattoota Addunyaa ibsan.

Pirezidaatiin waldichaa Abbaa kennaa, Doktar Qana’aa Lammii ayyaana Masqalaa har’a kabajamaa jiru sababeeffachuun ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, jaarraa afraffaa durayyuu ummatni Oromoo dhaharratti hundaa’ee ayyaana Hulluuqqoorratti ykn Garanfasaarratti xomboraa gubaa ture.

Ayyaanni Hulluuqqoo/Garanfasaa kunis yeroo baay’ee walakkaa Hagayyaarratti kan kabajamu yoo ta’u, guyyichatti wayita lafti bariitee aduun iftutti ummatni Oromoo maatiifi ollaa wajjin walgahuun xomboraa ykn ibsaa gubaa tureera jedhan.

Wayita xombora gubanis ifaa qabatanii ganamaan ifatti bahu malee, ifa qabatanii galgalaan ykn dukkanaan sirna gubaa xomboraa raawwachaa hinturree jechuun ibsaniiru. Kunimmoo Oromoon waqtii gannaatii gara birraatti bahuu kan agarsiisu yoo ta’u, birraan ammoo waqtii jeejeefi dukkanni darbee dhufu waan ta’eef ifaafi quufa of keessaa qaba jedhan.

Sirna Gadaa keessattis ifa qabatanii dukkanatti bahuun hinjiru kan jedhan Doktar Qana’aan, jaarraa afraffaarraa kaasee erga amantiin Kiristaanaa babal’atee as garuu akkaataan sirni hullooqqoo itti kabajamu luucca’uusaa dubbataniiru.

Kanaanis kan dur Oromoon Hulluuqqoo walakkaa Hagayyaatti kabaju ture, waggumaan gara Fulbaana 17tti siqeera. Adeemsa keessas ayyaana Masqalaa jedhamuun kabajamuus eegale jedhu.

Akka ibsasaaniitti, fakkoommiin xomboraa qabsiifachuun guban dukkanaafi jeejee balleessuudha. Kana yoo ibsanis, “Oromoon xombora qabsiifatee okolee, weessoofi gumbii ittiin tuqee hingu’iin, yeroo hunda guuti, dukkanni darbeera, jeejeen baateetti’ jedhee uumaasaa kadhata jedhu. Kunimmoo barri haaraan, bara quufaafi badhaadhinaa ta’uusaa kan agarsiisu ta’uu eeru.

Ummatni Oromoo hanga har’aattillee ayyaana Hulluuqqoo kan Hagayya walakkaas ni kabaja kan jedhan Doktar Qana’aan, yeroo ammaa garuu gara ayyaana Masqalaa Fulbaana 17 kabajamuutti luucca’uusaa dubbataniiru. Aadaafi duudhaa Oromoorratti garuu hangas mara dhiibbaa kan hinqabne ta’uus himaniiru.

Itoophiyaa keessatti ayyaanni Masqalaa akka aadaafi amantiitti kabajamaa turuusaas yaadachiisanii, fuuldurattis haaluma sabootniifi sablammootni biyyattii hiikkataniin yoo tursiifame bu’aaqabeessa ta’a jedhan.  Ka’umsi Masqalaa garuu amantii ta’uu ogeessotni hedduun qorannoo taasisaa turaniin ibsuusaaniis eeraniiru. Akka Oromoottis bu’uura amantii of keessaa qaba jedhanii akka amanan addeessaniiru.

Kanas ta’e sana ayyaanni Masqalaa ummata Oromoof hiika guddaa kan qabu waan ta’eef, wagguma waggaan sirna ho’aadhaan kabajamaa har’a gahuusaa hubatamuu qaba jedhan. Baranas haala adda ta’een kan kabajamu waan ta’eef, Oromoon tokkummaadhaan kabajachaa waaqasaa kadhachaa nageenyasaa eeggachuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Ummata Itoophiyaa maraaf barri haaraan kan nagaa, qabbanaafi badhaadhinaa akka ta’us nan hawwa; saddeettan saddeettanitti isiniif haa dhaammatun jedhas jedhaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

(Suurri Daanyee Abarraatiin)

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 17/2012

Recommended For You

4 Comments to “Jaarraa afraffaa durayyuu Oromoon xombora gubaa ture”

  1. Pingback: sex 12 tuổi
  2. Pingback: wood stoves

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *