Kutaa 3fafi isa xumuraa
Dubbistootaa, mataduree kana jalatti maxxansawwan keenya lamaan darbaniin dhimmoota Irreechaan walqabatan isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Maxxansa kanaanis kutaa ittaanuufi isa dhumaa isin dubbisiisna.
Ummattoota kaabaafi Baha Afriikaa keessa jiraatan keessaa Oromoon isa tokko. Kana malees amantiifi haalli dhugeeffannaa ummattoota naannoo kanaafi Kuushota Misiraa duriirraa waantonni dhalaman hedduudha. Seenaa dhimma akkasiin kan walqabatu keessaa tokko Ayyaana Irreechaafi duudhaan waaqeffannaasaa isa tokko.
Bal’inni aadaa kanaas lafa Itoophiyaa biyya Kuushotaatti dhalachuun amantii Oriit kan barsiisan Museefi hordoftoonnisaa boodas kiristaanaafi Islaamni marti ummattoota seenaa sulula Abbayyaatiin walqabatan keessaa kan maddaniidha. Ummanni Oromoos ta’e naannicha keessa jiran marti burqaa ykn madda kana dhuganii jiraatu.
Akkuma biyyoonni baha fagoo ykn /far east/eenyummaasaanii eeguu keessatti aadaasaaniif iddoo guddaa kennan qaroomina ammayyaa fudhachuuf nutis Waaqa abbootiin Kuushota isaa dhugeeffatan fakkaata. Qaroomina yeroon fide fudhachuun yaada walabaa akkuma biyyoota bahaa jiraatanii ofitti madaqsuudha malee eenyummaa ofii dhiisuufi gatuun sirrii miti.
Nutis oggaa Irreecha kabajannuufi seenaa Irreechaa yoo yaadannu addunyaa kana keessa kan tamsa’e beekumsa dhala namaafi ogummaa haaraa simachuun duudhaaleefi hambaa abbootii keenyarraa as ce’e yaadachaati malee kan ormaa fudhannee kan ofii gataa akka hintaane walyaadachiisuun gaariidha.
Hora Finfinnee baroota 1879 dura
Afrikaa jechuun lafa mootii Biiftuu filatame ykn muudame jechuudha.
Asirratti ifa ta’uu kan qabu Misira duriifi biyyootasaa gadi jiran kan bulchaa turan mootota lafa Fari’oon jechuun kan moggaafameefi Ijipti gara irraafi kan dakaa walitti qabuun kan bulchaa ture Minaas gurraachota Kuushota keessaa isa tokko.
Tamsa’ina amantii Oriitiitii dura gurraachonniifi Kuushonni Misiraa, Itoophiyaa, Suumeerota, Baabiloon, Nuubiyaafi Saabawiyaanonni hundi walitti makama Kuushotaafi Seemota waan ta’aniif afaaniifi haalli amantiisaanii, akkasumas duudhaafi faayya isaan qaban walumaagalatti tokko jechuu baannus daran kan walfakkaatuudha. Ummanni Oromoos qaama ummata Kuush waan ta’eef seenaa kana keessatti akka hammatame hubachuun barbaachisaadha.
Kuushotaafi dhaala aadaa isaaniirra dhufan kan mul’isuufi sabni Oromoos qaama kanaa ta’uusaa kan ifa godhu, ulfinaafi duudhaa dubartootaaf sabni kun kennuudha. Abbootiin Oromoo iddoo tokkoo ka’uun malkaa ce’ee durbi duudaan akka maatiif marga hirtu ta’e eebbi abbaadhaan raawwata. Kanarraa ka’uun dubartiin mallattoo nageenyaafi lalisummaa yoo taatu, araaraafi mallattoo waliigaltee maatii tokkoo akka taateetti fudhatamti. Hubannoon kunis aadaa Oromoo sirna Ateeteefi duudhaa eegumsa maatii wajjin kan walitti hidhamuudha.
Irreechis ta’e Ateeteen aadaa lubbuqabeeyyii ummata Oromoo keessatti mul’atudha. Irreechis duudhaa kana otoo hinmaqsiin hanga ammaatti kan mul’atudha. Haaluma kanaan Irreechi akka hambaa, aadaa, seenaafi amantii Oromootti kan yaadatamuudha.
Irreechi aadaa yoomiyyuu jiraatudha
Akkuma armaan olitti ibsame sabni Oromoo ummatoota kaaba bahaa Afrikaatti argaman keessa isa tokko. Sabni kun baroota dheeraa keessatti sirna aadaafi amantii ofii ittiin gaggeessuu kan qabuudha. Oromoon kan amanu, fakkaattii kan hinqabne, Waaqa tokkichatti. Nama dhimma kanarratti shakkii qabuuf Oromoon bakka hinkennu.
Oromoon wantoota namaan hojjataman kanneen akka siidaa, mukeen, laggeen, gaarreewwan ykn beeladootabakka Waaqayyoo buusuun ittti hinamanu. Oromoon hojiifi humna Waaqa wantoota ummama keessatti argaman, arguun dinqisiifata.
Kunis Sirna Gadaa keessatti sirnaan eerameera. Gadaan haala aadaan, dinagdeen, jireenyaa haawaasummaa, siyaasaafi amantiin Oromoo keessatti of ijaareedha. Irreechi mul’istuu aadaa Oromooti. Jaarmiyaalee hawaasni Oromooijaare keessaa isa tokko Gadaadha.
Ayyaanni Irreechaa Oromoon falaasamaafi ilaalcha addunyaa keessa jiruufi humna Waaqaa akkasumas raajiisaa, dhalootaafi iccitii jireeyaa wajjin walitti fiduun kan ibsuudha. Sanyiin namaa horee kan baay’atu, kan faca’e du’aa ka’ee ija kan godhatu, atoomsaafi gargaarsa humna Waaqa kan ta’e, aadaa kanaan mul’ata jedhu.
Ummatoota qonnaan jiraatan durii kanneen sulula Abbayyaa yoo fudhanne “Osiris” kan jedhamu Waaqa sanyii kuftee kaatuu “…agricultural cult of the dying and resurrecting spirit of plant life…”
kan jedhamu aadaa Waaqeffannaa qabu ture. Kunis iddoowwan tokko tokkotti amantiifi aadaa Oromootiin walfakkaatus amantiin Kuushota Waaqa tolfamaaf (‘deity’) qabachuun kaayyoo hormaataafi jireenya gaarii argachuuf kan raawwatuudha. Sabni Oromoo garuu Waaqa tokko qofatti amana.
Aadaan irreeffachaafi “Osiris” durii kun kan maddan qarooma Kuushota naannawa Abbayyaa (‘Nile Valley Cushitic Civilization’) ta’uus ni mala.
Garuu madda aadaafi amantiiwwan kanaa kan ta’eefi eenyutu eenyurraa fudhate gaaffii jedhuuf qormaataaf banaadha. Ta’ullee ragaan armaan olitti dhiyaate madda guddaa ta’a. Irreechi mul’istuu aadaa Oromooti. Irreecha jechuun akka aadaatti sirna kadhaafi galata Waaqaaf godhamuudha. Kadhaafi galanni godhamus iddoofi yeroodhaan kan murtaa’eedha.
Kunis aadaafi amantii keessatti gochi aadaa kan ifa ta’uudha. Irreessi iddoowwan adda addaatti yoo gaggeeffameyyuu guguddoon iddoowwan lamatti kan raawwatamuudha. Isaanis Irreessa Tulluufi Irreessa Malkaa jedhamu.
- Irreecha Tulluu
Irreechi kun kan gaggeeffamu Tulluurratti yoo ta’u, wayitiin kun baatiileen bonaa darbanii yeroo roobni arfaasaa itti eegamuudha. Baatiilee darbanitti yeroo roobni dhabamee ongeen namaafi loon miidhaa tureedha. Kanaafuu jiddugala baatii Bitootessaatti maatiin marti gara lafa qabbanaafi jiidhina qabutti bahanii rooba arfaasa argchuuf Waaqa kadhatu.
Tulluutti bahanii kadhachuun kun aadaafi falasama Kuushotaa dur durin kan walqabateedha jedhama.
- Irreecha Malkaa: Irreechi Malkaa kan raawwatamuu ganni xumuramee seensa baatii birraa ykn jiddugala baatii Fulbaanaatti malkaafi horawwan guguddootti bahuun sirni Irreechaa raawwatamaa. Baatiin Fulbaanaa jalqaba birraa yoo ta’u, yeroo baay’ee guyyaan kun “Ayyaana Birraa” jedhamee beekama.
Iddoowwan tokko tokkotti guyyaan Irreechi itti kabajamu guyyaa “xaddacha saaquus” ni jedhama. Kunis akka Oromootti wayitii dabre namoonni galaanaan addaan citanii turan walarguuf jecha guyyaa kana akka guyyaa galataafi gammachuutti fudhatu.
Kanaaf Oromoonni Malkaa gamaafi gamanaan walitti bahanii uffata aaddaa fi Nyaata Aadaa akkasumas faaruu wareega qabachuun ‘Mareewo…Mareewoo…!” jechaa Waaqaa kaadhachaa, faarfachaafi galateeffachaa (‘praising’) gara Malkaatti deemu.
Eebba Abbaa Gadaa, Abbaan Malkaafi hangafoota gosaatiin godhamu booda marga jiidhaafi abaaboo birraa qabatanii bishaaniin tuqanii Waaqa galateeffachaa irreefatu. Kana booda ‘gabbisayyoo’ taphachaa gara qe’ee ofiitti deebi’uun cidha raawwatu.
Kaayyoon kadhaa kunis Waaqayyo akka Rooba, Nagaafi dhala ykn sanyiisaanii baay’isuuf akka ta’e dubbatu. Yeroo baay’ee guyyaa Irreechaa booda lafa baddaafi badda-dareerra ykn bakka qubatanii socho’anii gara Horatti loonii wajjin ni godaanama. Kunis akka jalqabaafi seensa hojii bara haaratti fudhatama.
Horrii Harsadii iddoo OromoonTuulama jaarraa dheeraa dura itti irreeffachaa tureedha. Harsadiin maqaa namaa yoo ta’u, gosa Liiban keessaa abbaa Malkaa ture.
Haaluma kanaan wiirtuu Hora Harsadii aadaa irreeffannaa (waaqeeffannaa) “Thanksgiving” godhanii itti irreeffachaa turan. Yeroo ammaas waggaatti al tokko bakka kanatti ni kabajama.
Oromoon Ayyaana Irreechaa kana waggaa waggaan kabajata. “Waaqa nu uume kadhanna! Uumamaan Uumaa raajeffanna!” jechuun aadaa uffataafi nyaata, qabachuun Waaqasaa ni galateeffata ni faarfata.
Galatoomaa! Horaa Bulaa!
Obbo Alamaayyoo Hayilee
Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Gidduugala Aadaa Oromootti Qorataa Seenaafi Dursaa Garee Seenaati.
buy paxlovid online: paxlovid shop – paxlovid buy
cheaper https://rybelsus.tech/# rybelsus cost
rybelsus cost
пин ап: пин ап – пинап зеркало