Abdiin abaaboo ciramee gufuunsaa hafeedha

Tarii baay’een keenya dhaabbata gartuu Aliibaabaa jedhamu dhageenyee beekna ta’a. Dhaabbata addunyaa kanarratti guddina ariifachiisaafi qabeenya guddaan beekamuudha. Maanaajarri dhaabbata kanaa Jaak Maa nama abdii hinkutanne, nama kufaatiif harka hinlaatne ture. Yeroo hedduu kufaatii dhandhameera. Qormaata murteessaa kan mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa si’a lama kufeera. Barnoota sadarkaa lammaffaatti ce’uuf qoramee si’a sadii kufeera. Yuunivarsiitii seenuuf si’a sadii yaalii godhee kufeera. Hojii seenuuf si’a 30 qoramee kufe. Hojii ‘KFC’ keessatti namoota digdamii afurii wajjin dorgomee namootni digdamii sadii fudhatamanii isa keessaa hambisaniiru. Yuunivarsiitii Harvaardittii barachuuf si’a kudhan yaalii godhee isa qofa keessaa baasaniiru. Simatamuu dhabuun maal akka ta’e barateera. Garuu kan nama dhibu abdii kutatee hinteenye.  

Kanaaf Jaak Maa’n carraa saatti gaabbee harka maratee hinteenye. Hundeessaa gartuu daldala Aliibaabaa ta’uun guutummaa addunyaa kanarratti milkaa’aafi dhaabbata hanga doolara Biiliyona 37 ol qabu ta’eera. Namni bakka yaade ga’uuf waan gochuu qabu keessaa inni guddaan abdii kutannaa mo’achuu danda’uudha. Wantootni danuun abdii nama kutaachiisan ni jiru, gufuun danuun, haalotni rakkisoon nuqunnamuu ni danda’u. Kan dagachuu hinqabne adeemsa biyya lafaa kana keessatti jireenyi yeroo hundumaa kan rakkoo hinqabne; kan nama gammachiisu qofa jennee yaadna yoo ta’e irra deebinee yaaduun gaariidha. Sababiin isaa adeemsi biyya lafaa si’a tokko tokko gufuu cina taruunsaa nu danqu ta’uu danda’a. 

Ala tokko tokko ammoo qorumsiifi rakkinni akka bokkaatti yeroo nutti roobu jiraachuu danda’a. Isa kana keessatti qaanqeen dukkana ibsu inni guddaan abdiidha. Abdiin humna ittiin gara fuula duraatti deemnuudha. Abdiin wal’ansoo jireenyaa akka qabuu dandeenyuuf nu gargaara.   

Abdii jechuun yeroo wanti itti hirkatan hinjirre keessatti guyyaan ittaanu bayeessa ta’uu isaa arguu danda’uudha. Abdiin waan dimimmisaa’e akka calaqqisu kan taasisu, egeree namaa kan bifa qabachiisuudha, Abdiin riqicha. Haalotaa olitti akka deemnu, haalli fuula keenya duraa kan nu liqimsu utuu hinta’in kan ceesisan ta’uu isaa kan nuu mirkaneessuudha.

Namni kan du’u gaafa abdii kutateedha. Sodaafi wal’aansoo har’aa garasitti karaan jiraachuu isaa gaafa arguu dadhabuudha. Abdiin jiraannaan hunduu ni dandaa’ama. Abdiin abjuu dukkanaa’e haaressa.

Abdiin bowwaa gadi fagoo keessaa gaara ol dheeraa akka ilaalan, dukkana jalaa akka  miliqan nama taasisa. Wantootni hedduun yeroo humna nama buusan qaarisiisee guyyaa borii bifa addaan akka ilaalan nama taasisa. Hayyuu beekamaan Toomaas Edison jedhamu akkas jedhe, “Kufaatiin jireenya namaa keessatti nama qunnamu guddaan namootni milkaa’inatti erga dhiyaatanii booda abdii kutatanii waan yaalan dhaabuudha.” Inni kun dhugaadha. Baay’een keenya yeroo waan tokko hojjetnu isa hamaafi gatii hin qabne irratti xiyyeeffachuu irra isa gaariifi bu’a qabeessa nama taasisu irra yaada ofii kaa’achuun gaariidha.

Maaltu abdii nama kutaachiisaa?

Isa kana ilaalchisee waan hedduu dubbachuu dandeenya. Namootni hojii dhabuun, haala keessa jiran ilaaluun, waan eegan akka  abdatan ta’uu dhiisuufi kkf irraa kan ka’e abdii kutachuu danda’u. Waan tokko argachuuf yaalii godhanii yeroo dadhaban yookaan yeroo ulfaataa ta’ee itti mul’atu abdii kutatu. Yeroo hedduu wantootni nuti barbaadnu akka feenetti nuuf raawwachuu dhiisuu danda’a. Inni kun garuu abdii nu kutachiisuu hinqabu. Sababiin isaa har’a wanti nuti barbaadnu akka yaadnetti hin raawwatamne jechuun boris akkasuma ta’a jechuu miti.  Bu’aa ba’iin garaa garaa nu mudachuu jechuunis bara baraan akkasuma ta’a, hin jijjiiramu jechuu miti. Rakkoowwan gara garaafi bu’aa ba’iin jireenyaa jiraachuun sirriidha.  Yeroo hedduu garuu namootni waan tokko yaadanii bira ga’uu yeroo dadhaban “yaaleen dhabe” jechuu irra jireenya isaaniif abdii kutatu.

Namni yeroo abdii kutatu fuula duratti ifa utuu hin ta’in dukkana, guyyaa addaa utuu hinta’in guyyaa walfakkaataa kan nama nuffisiisutu itti mul’ata. Kanaaf jireenyi abdiin keessa hinjirre jireenya nuffisiisaa akka nama dhagaa irraan olee gangalchaa ooluuti.  Fuula duratti kan namatti mul’atu bariin haaraan, gara fuula duraatti akka deemu kan taasisu humni amantii, duguugamee bada. Yeros abdii kutannaatu   dhaala.

Egaa namni tokko gara abdiitti deebi’uuf waan gochu qabu keessaa muraasni haala namootni yaadanii olitti deemuufi yaaduu danda’uun barbaachisaadha. Wanta barbaadnu tokko bira ga’uuf wal’aansoon akka barbaachisu, gufuun danuun akka nu rukutuu dandaa’u beekuu qabna. Waan qabanne bira ga’uuf obsi cimaan barbaachisaadha. Namootni nu dura turan attamitti waan karoorsan bira akka ga’an, rakkoo isaan mudate keessatti obsa isaan qabaatan mara hubachuun murteessaadha. Namootni hedduun rakkoon utuu isaan hin mudatin kan milkaa’an hin agarre. Fakkeenyaaf ‘Thomas Edison’ mucummaasaatti eegalee barsiisotnisaa dadhabaa homtuu hin galleef nama hin milkoofne kan ittiin jedhan, yaalii qoratnoo isaa keessatti akka kufaa ta’e namootni yeroo dubbatan utuu abdii hin kutatin “Ani hin kufne garuu wantoota sirrii hin taane kuma kudhanii ol baradheera” jechuun ampuulii hojjechuuf yaalii hin milkoofne irraa barate. Dhuma irratti ni milkaa’e, ni hojjetes. Abdii kutannaafi jechoota abdii nama kutachiisan injifatee darbe.

Nama kan miidhu abdii kutannaadha. Tarii baay’een keenya nama ‘Vinscent Van Gogh’ jedhamu nama suurri inni kaase afur qofti doolara miiliyoona dhibba tokkotti gurgurame dhageenyeerra ta’a. Jalqaba irratti namootni suura isaa tuffachuu irraa kan ka’e hojii isaa hundumaa gubee suura tokkitti gurgurate. Itti fufee abdii kutachuun of ajjeese. Haa ta’u iyyuu malee erga inni du’ee booda suura inni kaase namootaan kan jajameefi suurri afur qofti Doolaara miiliyoona 100 biteera. Rakkoo nu mudate keessaa waan hinbaane yoo nutti fakkaatee abdii kutannee akka namicha kanaa taana. Gufannaa yookaan rakkoo yeroof  jennee miidhaa cimaaf saaxilamna. Kanaaf namoota rakkoon yookaan haalli yeroo mo’atu utuu hin ta’in rakkoo jiru namoota mo’atanii jiraatan, har’a irra darbuun isa borii namoota ilaalan, dukkana yeroof nu marse garasitti ifa borii kan ilaalan ta’uun barbaachisaadha. Obsa qabaatnaan wanti nuti bira hin geenye hin jiru. Abdii utuu hinkutatin wal’aansoo qabuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, ‘Fred Astaire’ aartii keessatti akka hojjechuu hin dandeenye, nama muuziqaas akka hin taane, fiilmii keessattis nama hirmaachuu hin dandeenye nama mataa moluu jedhamee keessaa ariyatameera. Jalqabni isaa akkas haa ta’u malee obsuun dhuma irratti aartistoota beekamoo keessaa nama tokko ta’uu danda’eera.

Har’as namootni hin dandeessu sababa nuun jedhaniif dubbii isaanii mirkaneessineefii yoo abdii kutannee teenye akkuma isaan jedhan ta’uun keenya hin oolu. Wanti guddaan isa namni nuun jedhu utuu hin ta’in isa isaan jedhan ta’anii argamuun dubbii isaanii mirkaneessaa. Kanaaf wantootni nuti ilaallee abdii kutannu yoo jiraate wagga haaraa kanatti geeddaramuu qaba. Abdiin guutamnee fuula duratti deemuun ofiifis ta’e namoota nu marsanii jiraniif waa keenyee namoota dabarru nu taasisa. 

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

5 Comments to “Abdiin abaaboo ciramee gufuunsaa hafeedha”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *