Waaliyootni Maqaleetti shaakala eegalan

Finfinnee: Garee biyyaalessaa Ruwaandaa waliin tapha gulaalaaf Fulbaana 12 bara 2012 istaadiyooma Maqaleetti kan taphatan Waaliyootni, kaleessarraa kaasee shaakala taasisaa jiraachuunsaanii beekame.

Taphattoota liigii biyya keessaa qofa kan hirmaachisu taphi kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa (CHAN) gulaala marsaa lammaffaaf kaleessa shaakalasaanii kan eegalan yoo ta’u, taphattoota duraanii muraasarratti jijjiiramni kan jiru ta’uunis himameera.

Taphattoota dhaabbii kanneen akka Antanee Tasfaayee, Biniyaam Balaayiifi Masfiin Taaffasaa kanneen birootiin bakka buusuuf karoorfamuusaati kan beekame. Jamaal Xaasoo, Aschaaloo Taammanaa, Yaared Baayyuu, Ahmad Rashiid, Gaatochi Paanom, Shimallis Baqqalaa, Haydar Sherafaafi Amanu’el Gabramikaa’el ni hiriiru.

Dorgommii biyyoota Afrikaa qopheessuuf ji’a darbe eeyyama kan argate Istaadiyoomiin Maqalee, dirreewwan shaakala ispoortii sadarkaasaanii eeggatan lamas gonfateera. Kilabootni Tigiraayi lamaanuu (Walwaaloofi 70 Indirtaan) dirreema isaaniirratti haalaan of qopheessaa jiraachuunis gabaafameera.

Gulaala marsaa jalqabaarratti garee biyyaalessaa Jibuutii kan injifatan Waaliyootni, Fulbaana 12 bara 2012 ammoo garee biyyaalessaa Ruwaandaa wajjin taphatu. Maqaleenis si’a jalqabaatiif tapha gareewwan biyyaalessaa biyyoota Afrikaa keessummeessiti.

Takkaalliy Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

2 Comments to “Waaliyootni Maqaleetti shaakala eegalan”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *