Shaampiyoonaa Atileetiksii Doohaa 17faf atileetonni 60 ol filataman -Atileetonni sadii kallattiin dorgomu

Finfinnee: Shaampiyoonaa Atileetiksii 17fa Doohaatti gaggeeffamuuf jirurratti Atileetonni hirmaatan 60 ol filatamuu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksise.

Federeeshinichi Fuula ‘Face book’ isaanirratti akka qubachiisetti dorgommii Atileetiksii Doohaa 17ffaadhaaf Itoophiyaan qophii barbaachisaa taasisaa kan jirtu yoo ta’u, atileetota gahumsa qaban 60 ol dorgommicha gahumsaan keessa bahu jedhaman filatamaniiru.

Akka ibsa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatti dorgommii Doohaa alanaarratti Atileetonni Itoophiyaa korniyaawwan lamaaniin fiigicha kiiloo meetira 800 hanga Maraatoniitti fiiguuf filataman walitti qabamuun leenjiifi shaakallii gahaa taasisaa jiru.

Atileetonni kunniin qabxii cululuqaa maqaa biyyattii waamsisuu dandahu galmeessisuuf gamanumaa qophaahaa kan jiran yoo ta’u, gahumsaafi qaxalummaan keessa darbuuf of kennanii hojjechaa jiru.

Dorgommii atileetiksii kanarratti fiigicha kiiloo meetira 5000 dhiiraafi dubartiidhaan  kiiloo meetira 1500 dhiiraafi duabrtiidhaan, fiigicha gufachiisaa km 3000 dhiiraafi dubartii kuma 10dhiiraafi dubartii, fiigicha tarkaanfii km 20 dhiiraan qofa akkasumas Maraatonii dhiiraafu dubartii dorgomsiisuuf atileetonni 60 ol filatamuusaanii federeeshinichi beeksiseera.

Fiigicha tarkaanfii kiiloo meetira 20n alatti dorgommiiwwan gaggeeffaman mara keessatti Itoophiyaan korniyaawwan  lamaaniinuu kan hirmaachistu ta’uun ibsameera.

Atileetota 60 ol dorgommii Atileetiksii 17fa Doohaaf filataman kana keessaa Atileetonni Sadii ‘Wild card’ kan qaban waan ta’eef kallattiin dorgommicharratti kan hirmaatan ta’uus federeeshinichi beeksiseera.

Atileetonni kallattiin dorgommicharratti akka hirmaatan beeksifamaniifi ‘Wild Card’ qaban keessaa tokko kiiloo meetira 5000 Atileet Muktaar Idriis, Atileet Geetinnat Waalee kiiloo meetira 3000, Atileet Almaaz Ayyaanaa kiiloo meetirakuma 10 ta’uun himameera.

Yeroo ammaattis atileetonni fiigicha fageenyaa fiigan kunneen Istaadiyoomii Finfinneetti shaakalliif qophii taasisaa kan jiran yoo ta’u, Pirezedaantiin Federeeshinichaa Koloneel Atileet Daraartuu Tulluufi Daariktarri Teeknikii Obbo Duubee Jiiloo daaw’ataniiru.

Dorgommiin Atileetiksii Doohaa 17fa kanarratti biyyoonni 200 ol kan hirmaatan yoo ta’u, ALA Fulbaana 27/2019-Onkoloolessa 6/2019tti gaggeeffama.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

7 Comments to “Shaampiyoonaa Atileetiksii Doohaa 17faf atileetonni 60 ol filataman -Atileetonni sadii kallattiin dorgomu”

  1. Pingback: explanation
  2. Pingback: thuốc nổ
  3. Pingback: gunpowder
  4. Pingback: Telegram中文

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *