Irreecha akka hambaa aadaafi seenaa Oromootti Dhugeeffamma Oromoofi falaasamasaa

Dubbistootaa, maxxansa keenya torbaniitiin mataduree kana jalatti seenaa cimaa isin subbisiisuun keenya ni yaadatama. Maxxnsa kanaanis waanuma isaan walabate isin dubbisiisna.

Oromo ykn “Oro-MO” Hora ykn Ilma Kaam jechuudha. Seenaansaa kana ta’e, waggoota kuma 12 dura mootiin Kuush “Asraa” jedhamu / Fari’oon/ Ilmi Aduufi Samii /kan Waaqaa/ jedhee of moggaase.

Ilmaan sadii qaba ture. Isaanis “Seet” kan jedhamu ilma hangafatichaafi “Oraa” kan jedhamu ilma quxusuu ykn maandhaafi intala durbaa “Asesii” ykn Adbaar kan jedhamtu qaba ture. Maatiin kun waliin jireenya keessatti gaafa tokko walitti bu’anii obboleessi guddichi quxusicha rukutee ajjeese.

Gocha kanatti daran kan gaddite Atet ykn Ateeteen iddoo obboleessi ishee Oraan du’eefi itti awwaalame sanitti biqiltuu Odaa dhaabde. Kana booda akka guddatu malkaa Abbayyaatii bishaan waraabdee kunuunsaa turte.

Isheenis waggaa waggaan obboleessa yaadachuuf iddoo awwaalasaa deemtee irreecha kaa’uu jalqabde. Gocha kana kan argan maatii walajjeesse jidduutti nageenyiifi araarri akka bu’u waaqa “Aduu, Samiif” nageenya akka buusuuf kadhatte. Yeroo boodas Waaqayyo dheekkamasaa nageenyatti jijjiiree.

Roobnis roobuu jalqabe, maatiin walajjeeses gumaadhaan araarame. Kanaafis kadhaa Ateeteen Odaa jalatti  gooteen akka raawwatame hubannoo argatan. Kanarra ka’uun yeroo sanaa kaasanii Odaan lafa seeraafi marii ta’e.

Ateeteenis Ayyadaa nageenyaafi eegduu maatii akka jedhamtu taate. Ayyadaa ittifufeensa dhaloota ykn sanyii nageenyaafi haadha deessuu jedhamte. Hayyuu beekamaan Tsaggaayee Gabramadin Qawweessa Barruu Xoophiyaa (1997) yaada kana yoo ibsu akkana jedha.

Dhugeeffannaa Oromoo keessatti aadaafi duudhaasaa ganama yaadachuuf wayitii Irreecha malkaawwan guguddaafi haroowwanitti irreeffachuufi siidaawwan dhadhaa muuduun /muuda/ cicitii armaan olitti ka’aa ture ibsuuf kan godhamuudha jedha.

Abbootiin keenya, gurraachonni dur Misiraafi Nuubiyaa keessa jiraataniifi ammallee darbanii darbanii sanyiinsaanii Gibtsi keessa jiran Kuushonni otoo weerara Giriikotaafi waraanni Parshiyaa, akkasumas weerara Otuman Turkiifi Arabootan hinrukutamanii dura gara kibbaatti otoo hinsocho’iin  /gara Abbayyaa jidduu gala/ Nuubiyaa, Maraweefi Saabaa biyya jedhamuufi lafa naannoo mudhii /sabbata lafaatti/ hinbaqatiin dura waggaa waggaan ayyaana Irreeffannaa /galata/ gaggeessaa turan.

Kan nama dinqisiisu akkuma yeroo ammaa biyya keenyatti baatii Fulbaanaa keessa /Iyyoo Ababaayee/ jennee gammachuu keenya ibsinu isaan immoo malkaan Abbayyaa guutee qonna isaaniif haalli mijaa’uu baatiidhuma kana keessa waggaa waggaan ayyaana guddaa qabu. Haala kanaan baatiin Fulbaanaa ummata duriifi ammaatiifis yeroo ayyaanni guddaan bifa walfakkaatuun kabajamudha.

 Irreechaafi Aadaa dhugeeffannaa

Yeroo ammaa biyya keenyatti jala bultii ayyaana Qaam’ee keessaa guyyoota shan (5) otoo walirraa hin kutiin gara malkaafi haraa deemuun dhiqachuufi cuuphamuun, aadaadhuma kana yaadachuuf yoo ta’u, Oromoo sirna waaqeffannaa hordofu biratti immoo baatiidhuma kana keessa guyyaa Irreechaarraa kaasee hanga guyyaa shaniitti gara malkaatti deddeebi’anii waaqeffachuufi irreeffachuun yaadannoo, (faatii) aadaa durii kanaan kan walqabatedha.

Seenaa Oromoo Kuushootaafi Nuubiyoota durii keessatti waggaa waggaan gara malkaa Abbayyaa deemuun dhiqachuun cubbuurraa of qulqulleessuu akka ta’etti fudhatamaa ture. Kana malees mootonni isaanii gara malkaa bu’uun, sirna muudamasaanii kan itti raawwataniidha. Kunis mataan isaanii qofa otoo hinta’iin maamiltootaafi biyyoota isaan jalatti bulan mararratti abbootii Gadaafi Warreen qaban aangoo yeroo itti muudaniidha.

Sirni kun yeroo ammaa Abbaan Gadaa tokko ayyaanni buttaasaa yoo kabajamu gitootasaafi maatiisaa wajjin malkaa bu’ee cuuphamuun taliila waraabatee gabbisayyoo faarfachaa kan deebi’uun baay’ee kan walfakkaatuudha. Kunis maatii amantii Kiristiyaanaa fudhatan keessatti jalabultii Qaam’eetti guyyoota shaniif kan raawwatamu wajjin walfakkaachuunsaa hambaan dhalootarraa dhufe kun tokko ta’uusaanii mul’isa.

Ummattoota bara mootummaa Aksumiifi isaan dura turan Xomboora /Daamootii/ dhaabanii ibsaa ibsuun seensa baatii birraatti waaqa samiifi aduu kan ta’e galateeffachuun sirna raawwachaa turaniidha. Kunis waaqa samiifi biiftuu uumeef galata galchuufi du’arraa dammaqsuun kan ka’e ilma aduu “oradhaf” siidaa dhaabuun kan walqabatuudha.

“Oraa” ykn “Oro-mo’o”f obboleettiinsaa Ateeteen /Adbaariin/ siidaa dhaabderratti biiftuu mul’atu maddiitti ayyaana guddaafi misiraachoo ykn gammachuu kan gaggeeffamaa tureedha. Kunis araara booda maatiifi  lammiin galata ateeteef qaban kan itti ibsaniidha. Yeroo booda sirni kun ittifufuun akka bara haaraatti fudhatanii araara Waaqayyoofi yaadannoo dubartii ykn haadha gaariifi nageenya maatiif dhimmamtu hawwasa itti yaadachuun eegale.

Iyyooshee daree ykn Iyyookaa Abebaaye! jechuun seenaan keenya kan itti eegaluu danda’e hambaan seenaa keenyaas ta’e Oromoon iyyoolee! Iyyookaa! Jechuun bara haaraafi jala bultii ayyaana birraa /Irreechaa/ kan dhugeeffatu kanumaan walqabateeti jedhama.  Kaa maqaa waaqaa /God/ jedhamuudha. Dhawaataan garuu waaqa jennee yaamuu qabne malee. Jechi kun dhaloota Kiristoos dura abbootiin keenya, Kuushonni dursa Oriiti Kiristinnaafi ka’umsa Islaama dura kan ture jecha isaaniirraa dhaalan nuuf dabreedha. Kunis jecha waaqa tokko ibsuudha. Oromoofi ummattoonni kibbaa hedduunsaanii ammas waaqa jechuun beekuu waaqayyo bareeda jechuunis faarsu.

Oromoofi sirni Gadaasaa maal akka fakkaatu yoo kaasne immoo Ga-Da seera waaqaa jedhama. Waaqa Biiftuu uume ykn Ifa kennetti amanuun Kuushota Afrikaa kaabaafi bahaarraa ka’ee gara baha jiddugalaa Giriikiifi Arabiyaatti akka babal’ate himama. Achiis ka’uun gara lixaa Afrikaa, Arabiyaa kibbaa, lafa Saabaafi Sumeeritti bal’ate. Kunis duudhaafi aadaa keenya isa Oriitii Kiristinnaafi Islaamaa dura ardii kanaaf gumaachineedha.

Kanarraa ka’uun maqaan mootota Aksuum hanga mootii Hayilasillaasee ga’utti Mooticha mootota Biiftuu/ ykn Ifaa jechuun yaamamu ture. Kana biratti siidaan Aksum gubbaa isaarratti mallattoo Oromoofi Kuushotaa kaanii kallacha kan qabuufi mallattoo waaqaa Biiftuu /Ifa/ Kuushotaa kan ta’e kan mul’isudha jedhu.

Maqaadhumaanuu Aduu ykn ifaa Aksuum jedhama. Mootonni achitti muudamanis aangoo olaanaa kan qabaniifi dureen amantaallee teessoonsaanii achi ture. Kanas seerri ykn aadaan mana amantiitiin murtaa’eera. Booda garuu amantiin Kiristaanaa yoo babal’atu Aduu /Ifa/ Aksuum jedhamuun hafe. Akasuum tsiyoon jedhame. Kunis irra caalaa aadaa ummata Hibruutiin walqabsiisuuf  kan godhameedha.

Ummanni Oromoo jiraataa duraa Afrikaa kaabaafi bahaati. Kanas ragaan qorattootaa seenaa adda addaatiin godhame ni mirkaneessa. Ummanni kun waggoota kumaatama dura duudhaaleefi aadaansaa baroota dheeraaf kuufates hanga yeroo dhiyootti osoo ifa hinta’in turu godhu godheera.

Kunis kan ta’uu danda’e hammeenyaafi daba siyaasaa gitni bittaa durii raawwachaa tureen yoo ta’u, tooftaa Oromoota waltajjii siyaasaa, dinagdeefi jireenya hawasummaa biyya kanaa keessaa akka fagaatu  taasifamaati kan ture.

Yaa ta’uutii ummanni kun aadaasaa kan waliin jireenyaa kophaatti qabaachuufi kunuunsuun ture waggoota muraasa dura carraa argateen yeroo ammaa dhuudhaansaa inni durii ifa ta’aa jira. Aadaan Oromoo isa ganamaa keessaa tokko ayyaana Irreechaati. Irreechi Aadaa Oromoon gamtaan ba’ee malkaa bu’eefi tulluu yaabee itti galateeffatuudha.

Guyyaa kanatti  Oromoon amantiiwwan adda addaa keessatti argamu otoo addaan hinqoodamin akka seera Gadaatti tokkommaan harka walqabatee qulquliinaan galata itti galfatuudha. Guyyaan kun namoonni walitti mufatan ykn wallolan  itti araaramaniidha.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Haayilee Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala
Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee
seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

7 Comments to “Irreecha akka hambaa aadaafi seenaa Oromootti Dhugeeffamma Oromoofi falaasamasaa”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: fifa55
  3. Pingback: Funny Videos

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *