Gowwaan dhiifama hinbeeku…

Maxxansa darberratti waa’ee dhiifamaa ilaalchisee dhiifamni wallaalummaa utuu hinta’in beekumsa; dadhabina utuu hinta’in jabina; dawaa jibba haxaa’ee calaasu; biiftuu jaalalaa kan baasu; nama jibbi xiqqeesse kan guddisu; fuuncaa jibbaa ciree kan walaboomsu; da’oo jibbi ijaaree diigee kan riqichaa ijaaru; miidhaafi quuqqaa jiru furee oduu durii kan taasisu; humna jibbi qabu kan dhabsiisu ta’uusaa ilaalleerra. Amma immoo namootni faayidaa dhiifamaa hubachuun akka maatiitti, akka naannootti, akka biyyaatti akka dhiifama waliif gochuu danda’aniif wantoota barbaachisoo ta’an muraasa akkasumas faayidaa dhiifamaa gama saayinsawaafi attamitti nama nu miidhe tokkoof dhiisuu akka dandeenyu kutaa dhumaa kana keessatti gabaabaatti ilaalla.   

Waa’ee dhiifamaa dubbisuufi dubbachuu qofa utuu hin ta’in namoota dhiifama gochuu danda’an ta’uun barbaachisaadha. Dhiifamni burqa jibbaa gogsuun hawaasa gidduutti balbala jaalalaa kan saaqu humna cimaadha. Isa kana kan laamshessan namoota dhuunfaas ta’e geggeessitoota kamiifuu balbala saaquun simachuun barbaachisaa miti. Of irraa faccisuun gaariidha. Namootni dhuunfaanis ta’an geggeessitootni jibba babal’isan dhaabbileen addaa addaa kanneen  hanga har’aatti jibba facaasaa turan si’achi akka itti hinfufneef daangessuun hojii mootummaa qofa utuu hin ta’in ga’ee namoota hundaati. Si’achi namoota dhiifama labsan malee lallaboota jibba facaasan simachuun miidhaa hamaa qabaachuu isaa namootni yoo nurraa baran malee nama irraa kan dhageenyu natti hin fakkaatu. Kanaaf si’achi namoota dhaloota kanaaf barbaachisan warra kanaan duraa irra adda. Geggeessuufis kan barbaachisan geggeessitoota addaati. Barri jibbaafi jeequmsaa; barri hirreefi of tuulummaa darbeera. Barri sobaan walmiidhaniifi walmiisisan kanaan booda humni isaa laamsha’uu qaba. Namootni hedduun miidiyaalee dhuunfaafi kan mootummaa dabalatee wantoota raawwatanitti gaabbuu qabu. Sammuu dhalootaa kan jibbaan guutan utuu hinta’in lallaboota dhiifamaafi jaalalaa; isa darbe utuu hinta’in fuula dura agarsiisuu kan danda’an namoota borii; balfama jibbaa kan lapheetti kuufatan utuu hin ta’in gara kuteenyaan haxaa’anii kan balleessan  ta’antu barbaachisa. Ummatni keenyas miidiyaalee jibba afarsanitti akka maatiin hinmiidhamneef mari’achuu, irraas fagaachuun gaariidha. Sababiin isaa namni kam iyyuu dhaloota sammuunsaa jibbaan miidhame qabaachuu kan fedhu jira jedhee hin yaadu. Isa kana har’a utuu yeroo qabnuu maatii nagaa bor ofiifis ta’e biyyaaf ta’an horachuuf irratti hojjechuun akkasumas qopheessuun filannoo keessa hingalu. Kosii jibbaa bara dheeraa laphee keenya keessa tuulame; namootni kan nutti gatan hunda haxoofnee balleessinee foolii gaarii kan qabuun bara haaraa eegaluun ogummaadha. Tarii ijaa ba’uun gaarii haa fakkaatu malee isa miidheefis ta’e miidhameef dukkana homtuu keessa hinjirreedha. Haa ta’u malee dhiifama keessa abdiitu jira. Jijjiirama jireenyaatu jira. Inni miidhes ta’e miidhame abdii qaba. Bor miidhee miidhamuuf; jibbaan guutamee kan dhagaa daakuu mormatti hidhatee galaana daaku hin jiru. Kanaaf carraa argannuun namootaaf dhiisuun barbaachisaadha. Tarii kan nu miidhanii mana sirreessaa seenan yoo jiraatanillee dhiisuufii keenya ibsuufiin hubatnaa yoo qabaatan akka isaan deebi’anii hinballeessineef daandii cimaa ta’a. Akka namootni ofitti gaabban taasisa. Nus dhalootaaf fakkeenya taanee; dhaloota haaraa uumuu keessatti qooda cimaa qabaannee dabarra.

Dhiifamni nama kan biraa qofaaf utuu hinta’in dhiifama ofiif gochuu barbaachisaadha. Kanaan dura waan dogoggorre yoo jiraate; murtoo fudhachuun nurra hinturre fudhachuun waan balleessine yoo jiraate gaabbii keessa keenyatti uumamuun jireenya kanya daran miidhuu danda’a. Inni guddaan gochuun nurra jiraatu teenyee gadduufi of jibbuu utuu hinta’in waan ta’erraa barannee darbuun barbaachisaadha. Namni tokko aduun lixuu isheef yoo boo’icha jalqabe urjii arguu dadhaba. Inni duraa sokkeera. Isa ittaanu akka nujalaa hindhoksineef itti yaaduun gaariidha. Isa darbe yaaduurraa gara isa dhufu karoorsuutti ce’uu qabna. Oduu durii deddeebi’uurra isa dhufurratti xiyyeeffachuun ogummaa guddaadha.

Inni lammaffaan namoota Kanaan dura nu miidhaniif dhiisuu diduun balaadha. Fakkeenyaaf namatti balleessinee dhiifama nuuf gochuu utuu didanii maaltu nutti dhaga’ama? Namni dhiifama namaaf hin goone jibbaafi loliisaaf nama of qopheessaa jiruudha. Inni kun namoota gidduutti diinummaa kan bal’isu, amantaa kan hir’isu, jeequmsa kan gabbisu akka ta’e guyyaatii gara guyyaatti agarra.

Haallii keessa dabarrellee kan nu gaabbisiisu yoo ta’e isa kana irraas waa barannee akka dabarre yaaduun haala hundumaaf dhiifama gochuun barbaachisaadha. Inni kun akka teenyee bara dabre qofa yaaduun hingommineef nu gargaara.

Kanaaf dhiifamni bara darbe irratti xiyyeeffachuun mammaaksa odeessuurraa gara fuula duratti karooraafi mul’atarratti  xiyyeeffachuutti nu geessa. Darbees namoota abdiin guutaman ittigaafatamummaa baachuu danda’an, namoota guddachuufi bal’achuu danda’an nu taasisa. Bara darbe keessa jiraanna yoo ta’e garuu guddinni hinjiru. Jijjiiramni hinjiru. Fooyya’iinsi hinjiru. Fallisaa jalaa miliquu qofa!

Dhiifama ofiifis ta’e namaaf gochuuf wanti guddaan dhalli namaa akka dogoggoru hubachuun namaaf dhiisuun rakkoo nama mudatu irraa ogummaafi barumsa akka argatanii darban nama taasisa. Bakka dhiifamni hin jirretti garuu rakkoon darbe ammas bifa adda biraan mul’achuuf carraa argata. Dhiifamni of duuba ilaalaa deemuun maraammartoofi gufannaa nama oolcha. Ogeessi nama dhiifama beekuudha. Guwwaan garuu waan qabe hingadhiisu. Isa darberraa barachuun gara fuula duraatti fiiguu malee isa darbe kulkulfachaa jiraachuun madda kufaatiiti.

Faayidaawwan dhiifamaa  keessaa muraasni:-

  1. Maatii diigamuu oolcha. Gaa’elli gaariin namoota waliif dhiisan lamaan kan ijaaramuudha. Dhiifamni balbala jibbaa cufee hadhaa’ummaa laphee namaa duguugee ni balleessa. Hariiroo namaa kan cimuu danda’u namoota waliif dhiisan; miidhamanii miidhuuf kan hinqophoofne malee anatu caala jechuun namoota miikkiirroo seenaniin miti. Maatii qofa utuu hinta’in dhiifamni addunyaa fayyisuuf ga’ee guddaa qaba.
  2. Dhiifamni daawaa dhukkubaati. Qoratnoo “Journal of Behavioral Medicine” jedhu akka addeessetti dhiifamni dhukkuba dhiibbaa dhiigaa hir’isuutiin, rukuttaa onnee sirreessuu,   dhiphina sammuu xiqqeessuufi kkf., keessatti ga’ee                                                            qabu duba.  Kanaaf dhiifamni onneefi guutummaa fayyaa namaatiif faayidaa guddaa qaba jechuudha. Akkasumas “Personality and Social Psychology”kan jedhu akka addeessetti dhiifamni rakkoo namoota gidduutti uumame furuun akka namootni iddoo jalqabaatti deebi’uun haalli gaariin akka uumamu taasisa jedha. Walumaagalatti fayyaa namaaf, walitti dhufeenya gaariifi maatii nagaa ta’e qabaachuuf, dhaloota nagaafi ilaalcha gaarii qabu horachuuf ga’ee guddaa qaba. Kanaaf dhiifamni haala keenyas ta’e haala namootni biroon keessa jiran humna geeddaru qaba.

Egaa jalqaba bara haaraa kanatti wanti guddaan nuti gochuu qabnu dhiifama waliif gochuudha. Kanneen nu miidhan hundaaf dhiifama gochuu qabna.  Isa kanaaf:-

  1.  Mudatnoon kanaan duraa haala nuti amma keessa jirru akka hin dhoqqeessineef eeggannoo gochuu.
  2. Aarii wajjin buluu rraa of eeggachuu. Utuu hinrafin dura wantoota nu gaddisiisan mara of keessaa baasuu.
  3. Nama ceepha’uurra ykn quba namatti qabuurra gaaruma ofii ilaaluu wayya.
  4. Ittigaafatamummaa fudhachuu. Namatu kan biraa qofa utuu hinta’in nus akka keessa qabnu hubachuu. 
  5. Ijaa ba’uuf yaalii gochuu irra of eeguu, namni ijaa ba’uuf yaalu duraan dursee boolla lama qopheessuu qaba. Tokko nama itti aare kan itti awwaalu kaan immoo aariin ajjeesuun kan itti of awwaalu.
  6. Dhumarratti nama si gaddisiise dhiifama gaafadhu.
  7. Hariiroo cite deebisii suphi; nama dhiifama gooteef ykn dhiifama siif godhee wajjin yoo danda’ame yeroo fudhadhuu buna afeeri. Hariiroo kees deebi’ii ijaari.

Walumaagalatti yaada dhiifamaa qabaachuun jireenya keenyas ta’e kan namoota kan biraa jijjiiruu ni dandeenya.

Zarihun Gabree IIngiliffaan digrii jalqabaa, ‘HIV/AIDS’fi Gorsa wajjiin walqabatee Maastarsii qabu. Yeroo ammaa barnoota “Transformational
Leadership” jedhamu sadarkaa ‘PhD’tti barachaa jiru. Kitaabota
dhimmoota hawaasummaarratti xiyyeeffatanis barreessaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

8 Comments to “Gowwaan dhiifama hinbeeku…”

  1. Pingback: click resources
  2. Pingback: sunwin
  3. Pingback: ấu dâm

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *