Federeeshichi waldaa aksiyoona liigii hundeessuufi

Finfinnee: Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa jalqaba bara haaraarratti waldaa aksiyoona liigii hundeessuuf qophii taasisaa jiraachuu beekameera.

Akka federeeshinichi karaa websaayitiisaa ibsetti, waldicha hundeessuuf yeroowwan darban keessa qorannoo saayinsawaa taasisaa turuyyuu hanga har’aatti kilabootni deggaruufi dhiisuusaanii osoo hinbeeksisiin turaniiru. Kanuma mirkaneessuuf federeeshinichi Fulbaana 12 bara 2012 kilaboota hundaaf xalayaa barreessee guyyichaa eegaa akka jiru ibseera.

Kilabootni marti guyyaa jedhametti waldicha hundeessuuf waliigalteerra yoo gahan filamaatni raawwachiistota hojiifi qindeessitoota koreewwan addaddaa kan adeemsifamu ta’uunis beekameera.

Haa ta’u malee dhimma hundeeffama waldichaarratti kilabootni yeroo fudhatanii waan hinmarii’anneef mirkaneessuunsaanii shakkii keessa jiraachuun himameera. Kilabootni liigichaa guyyaa qabametti waldaa aksiyoona liigii hundeessuuf sagalee guutuun kan mirkaneessan taanaan garuu karoorri tarsiima’aa ni qophaa’a jedhameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

3 Comments to “Federeeshichi waldaa aksiyoona liigii hundeessuufi”

  1. Pingback: fortnite hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *