Dargaggoota ilaalchisuun sagantaan Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiifi ittaanaasaanii Obbo Dammaqa Makonnin keessumummaan hirmaachise Finfinnee, Galma Barkumeetti Qaam’ee 1 bara 2011 geggeeffamee ture.
Saganticharratti haasaa kan taasise tajaajilaa Yoonaataan Akliiluu dargaggoota gaarummaa yaadan, hojjetan, biyya fayyadan, dhiifamaafi jaalalatti amanan kuma 30 caalan leenjisee dhaloota gama hundaan gahoome horachuu keessatti gumaachaa jiraachuu eereera.
Ummata biyya keenyaa keessaa harki 70n dargaggoota. Umriin kun ammoo umrii ibiddaa jedhamuun beekama. Akka addunyaattis biyya keenyaatti ammaan tana dargaggoonni umrii ibiddummaa kana keessatti argaman miiraan oofamuurra beekumsaafi sababarratti hundaa’anii akka socho’aniif kallattii itti agarsiisuun adeemsa gaariidha.
Dargaggoonni keessumaa bara haaraa kanatti gadadoo bara darbe keessa turre lakkaa’atanii haaloo bahachuuf of qopheessuurra yaada haaraadhaan karooraaf akka qophaa’aniif sagantaaleen akkanaa dhaabbilee amntii hunda biratti otoo babal’atanii gaariidha.
Sagantaan akkanaa kan nu miidheef dhiifama goonee kan miine immoo dhiifama gaafannee bara haaraa abdiifi hariiroo haaraadhaan simanne miira injifannootiin akka keessa fullaanu nu taasisa. Miirri akkanaa hundaa mo’ataa taasisa. Mo’achuun kan danda’u i humna qofaan osoo hintaane jaalalaanis ta’uun adeemsa hubatamuu qabuudha.
Akka dhuunfaattis ta’e akka gareetti walshakkiifi mufii walirraa qabnu onneerraa waliif dhiifnu malee “barri haaraan kun bara milkiifi dagaaginaa nuuf haa ta’uun” hawwii qofa ta’ee akka hinhafnees sagantaaleen dhugaarratti hundaa’anii dhaloota egeree ijaaran baay’inaafi irra deddeebiidhaan qophaa’uu qabu.
Ergaan bara haaraa hawwii qofa ta’ee akka hinhafneefi akka gareettis ta’ee dhuunfaatti hunduu qixa mo’atee biyya injifataafi injifatamaa hinqabne, biyya hacuucaafi hacuucamaa hinqabne kan hunduu qixxee boonee itti jiraatu uumuutu nurra jiraata. Adeemsa kana keessatti ammoo adda durummaan kan eeraman dargaggoota waan ta’eef kanarratti xiyyeeffatanii hojjechuun daran barbaachisa.
Waggoota shanan darbaniif haalli siyaasaa biyya kanaa jaalatee osoo hintaane dirqiidhaan sagalee ummataa akka kabajuuf sochiin taasifame humna mootummaa laamshessee seeraan alummaa immoo biqilchee ture. Kana keessatti shoorri dargaggootaa daran olaanaa ture.
Qabsoon ummatni taasisaa ture garuu mootummaan fedhaafi faayidaa ummataatiif dursuu qabaadha malee seeraan alummaan biyyattiitti babal’atee namni bahee galuu dadhabuuf waan hinturreef dargaggoota waantota ta’an gadifageenyaan xiinxalanii ilaalan horachuun hojmanee boruuf jedhanii bira taran miti.
Adeemsa biyyattiin itti jirtuun nama waa hunda jaalate ta’uun dhaabbachuu qaba. Gama tokkoon jijjiirama feena jedhaa bu’aa jijjiiramichaa immoo hunduu qixxeetti qooddachuutu mala. Kana jechuun immoo hunduu aangoo haa qooddatuu osoo hintaane, sagaleen hundaa, fedhiifi faayidaan lammiilee biyyattii qixa kabajamuu qabaadha. Kanarrattis abdii egeree biyyaa kan ta’e dargaggoota sirnaan hubachiisuun barbaachisaadha.
Akkuma hundi keenya yaadnu guyyootni Qaam’ee baranaa tokko tokkoon ajandaalee gara garaa baal’atanii ummata biyyattii bara haaratti akka ceesisaniif imaanaan irra kaa’ames hawwirra darbee akka dhugoomu gochaan akka deggaramuuf caasaaleen sadarkaa sadarkaan jiraniifi waajjiraaleen dhimma humna ho’aa kanarratti hojjetan karoorfatanii socho’uu qabu.
Ajandaaleen bocaman guyyoota qubaan lakkaa’aman qofa keessatti hafarfamii akka hinhafneef caasaaleen xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qabu. Fakkeenyaaf dhimmoota akka sabboonummaafi haqaafaa gadifageenyaan hubatani hubachiisuu qabu.
Gabrummaa jibbanii falmatanii bilisummaatti qoosuun maal jechuu akka ta’es dhaloota kana sirnaan hubachiisuu barbaachisa. Erga garbummaa jalaa bahuuf qabsoofne immoo bilisummaa nama biroo osoo hintuqin bilisummaa keenyatti fayyadamuun adeemsa sirrii ta’uunis hubatamuu qaba.
Barri haaraa kun kan dhiifamaa, kan walkabajaafii jaalalaa akkasumas kan guddinni waliinii itti mirkanaa’u akka ta’uuf adeemsa bara darbee achumatti darbinee yaadaafi qalbii haaraadhaan tarkaanfachuu qabna; keessumaa dargaggoonni.
Walumaagalatti dargaggoon waan gaariif yoo leenjisan raawwachuuf akkuma hinmamne, badiifis ni hiriirsu yoo ta’e haaluma kanaan kan duubatti hinjenne waan ta’eef dargaggoo mul’ata qabu horachuuf daran dhama’uu barbaachisa. Dargaggoon mul’ata qabu of bira darbee kan biraatiif dhaabata, eenyummaasaatti hinshakku, ofitti amanamummaas ni qabaata.
Biyyi yoo umrii ibiddaa kanattatti sirnaan fayyadamte ejjennoosaarraa waan garaa nama gahu, boqochiisuufi ittiin boonamu argachuu dandeessi. Dargaggoo gaariin dursee dubbiin galteef dhiifama gochuufi taasisuuf qopiidha. Jaalachuufi ajajmuufis dhiyoodha. Amanamummaafi dhugaaf mijataadha.
Umrii ibiddummaa sirnaan qabnaan kanneen birootiif ho’ina malee gubannaaf yaaddoo hinta’u. Waantota gaggaariif dabarsee of kenna. Dursa hawaasaaf kennee maatiisaa ittaansuun gara ofiitti deebi’a.
Sagantaa Galma Barkumee kanarratti kan argaman Doktar Abiyyis, nama dargaggootarratti waan gaarii hojjetaa jiru kana dinqisiifachuun maallaqa badhaasaan argan yuuroo kuma 25 ijaarsa wiirtuu dargaggoota gaariif Itoophiyaatiif arjoomaniiru. Warqii kaartaan boca kaartaa Itoophiyaatiin hojjetames Yonaataan Akliiluu badhaasaniiru.
“Dargaggoo gaarii jechuun fakkeessuu keessaa bahee gara fakkaachuutti kan ce’uudha. Kunis gara jaalalaa, arjummaafi kkfti guddachuu jechuudha. Namni gara fakkaachuutti dhiyaate boo’ee dhiifama gaafata. Kun mallattoo guddachuuti. Dhiisiif jedhanii kadhachuufiidha. Oggaa gara fakkaachuutti guddannu miidhaa hinlakkoofnu, arjoomnee hinquufnu, hingu’amu, yeroo hunda arjoomuudha” jedhan.
“Araada jechuun ashiishii fayyadamuu qofa otoo hintaane sanyii lakkaa’anii lammii walitti buusuun, amantiifi mantii walnyaachisuun araada hamaadha. Dargaggoonni jibbiinsaafi dhukkuba sanyummaa keessa galuu hinqaban” jechuun dargaggootaafi maatii waltajjicharratti argamaniif ibsaniiru.
Bayyana Ibraahimiifi Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012
10 Comments to “Dargaggummaa gaarii”