Guyyoota 362 nu harka jiranitti sirnaan haa fayyadamnu

Barri haaraan kun bara nagaa, gammachuu, badhaadhinaa, injifannoo, tokkummaafi bara rakkooleen keenya bu’uurarraa itti hiikanuufi injifannoowwan hedduuf bu’uura itti kaa’annu nuuf haa ta’u.  

Bara darbe aadaan siyaasa biyyattii walballeessuu, waldiiguu, walajjeessuurraa gara mariifi yaadaan walmo’achuutti akka ce’uuf bu’uurri cimaan kaa’ameera. Dhaabbileen dimokraasii cimsuufis tattaaffiin taasifameera. Paartiilee siyaasaas waliinis dhimmoota wajjummaarratti marii bal’aa adeemsisaa turaniiru.

Lammiilee buqqa’anii turan miliyoona 1.1 qe’eesaaniitti deebi’aniiru. Humni ABO hidhatee Oromiyaa Lixaafi Kibba keessa socho’us gara qe’eesaatti akka deebi’u ta’eera. Kanaanis nagaafi tasgabbiin akka bu’u, namni akka barbaadetti bilisaan akka socho’uuf haalli mijaa’eera.

Mootumaan naannoo Oromiyaas mootummoota naannolee waliin ta’uun rakkoo gama kanaan mul’achaa ture bu’uurarraa furuudhaan jijjiiramniifi bu’aalee hedduun galmaa’aniiru.

Mootummaan naannichaa humna hooggansa siyaasaa sadarkaa sadarkaan jiruu cimsuuf bara 2011 hoggantoota aanaadhaa hanga federaalaatti jiran kuma 20fi hooggantoota bu’uuraa  kuma 60f leenjii hubannoo gabbisuufi dandeettii cimsu kenneera.

Hojiilee mootummaan naannichaa dinagdee utubuuf taasisaa tureen akkuma jijjiiramoonni qabatamoon galmaa’an qormaatawwan hedduunis quunnamaniiru. Invastimantoonni hedduun dhaabbachuu isaaniitiin carraa hojii uumuufi galii mootummaarratti miidhaa guddaa geessisaa tureera.

Walumaagalatti raawwiin hojii bara 2011 qormaatawwan hedduu kan qabu ta’us bu’aawwan qabatamoon kan itti galmaa’aniidha. Jijjiiramicha sirriitti hubatanii hogganuurratti hanqinni jiraachuun, qaamoleen jijjiiramichi taphaa ala isaan taasise sadarkaa adda addaatti hojii diigumsaa irratti bobba’uun, paartiileen siyaasaa aadaa siyaasaa shiraafi waljibbiinsaan guutame keessaa bahuu dhabuun, ilaalchonni finxaaleyyiifi hojdhabdummaan rakkoolee guguddoo bara hojichaa keessatti mul’ataniidha.

Filannoo biyyaalessaa barana adeemsifamu haqaqabeessa, hunda hirmaachisaafi karaa nagaafi dimokiraatawaa ta’een akka adeemsifamuuf mootummaan naannichaa gahee irraa eegamu hunda ni bahata.  

Ayyaanni Irreecha baranaas akkaataa duudhaa ayyaanichaafi kallattii abbootiin Gadaa kaa’aniin kan kabajamu ta’a. Ayyaanichi ayyaana nuti tokkummaa keenya ummata addunyaatti ittiin beeksifannu akka ta’uuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan akka hojjetuudha ibsa ejjennoo tibbana baaseen kan eere.

Walumaagalatti jalqabbiiwwan bardheengaddaa cimsaa kan eegereef karoorfame milkeessuuf har’a malee guyyoota 362 nu harka jiranitti sirnaan haa fayyadamnu.

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

One Comment to “Guyyoota 362 nu harka jiranitti sirnaan haa fayyadamnu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *