Gamatti kan biraa gamanatti abbaa araaraa

Bara harbuun ija naqate jaldeessa, qamaleefi sareetu  lafa dhiphisa. Sarees ta’e jaldeessi akkasumas qamaleen silaa hinqottu hinaramtu harbuu abbaa qabutti abbaa taati, waccee sanyiishii fagoo jiru waammatti. Qe’ee abbaa lafaa dirree gabaan irraa godaante fakkeessiti. Qamaleen abbaa harbuu ari’atti jechaan isa kana.

Midhaan ooyruu abbaa lafaarratti biqiles maskaroo (gaana) saree, gurmuu jaldeessaafi qamaleen wayita dhidhiitamu silaa yoom midhaan baasa waggaa guutuu hojjetee dhuma waggaarratti gonfoo deegaa golgatee eeggattummaafi beelaaf akka saaxilamu ta’a.

Mootonni Oromoorratti dabareen walgegeeddaranis hunduu Oromoo akka riqichaatti fayyadamuun umrii aangoosaanii dheereffachaa Oromoo saamaa dhala galtuu irratti guddisaa eenyummaa Oromoo ganama aawwaalaa kan turan yoo ta’u, saamichi harki caalu qaqqabaa turee maqaalee adda addaa moggaafachuun ture.

Kun kan ta’eefis saamichi maqaalee adda addaa keessumaa kan mantiitiin raawwatamuun akka waan namni dhuunfaa fudhateetti waan hinlakkaawamneefi.Yeroo kana maqaa amantiitiin kan fudhatame waan ta’eef hinkomatamu, yoo komiin ka’es akka waan uumaa wajjin walitti nama buusuutti lakkaawamaa tureera.

Bara Hayilesillaasee saamichi lafa Oromoorratti qaqqabaa ture hedduu hammaataa kan ture yoo ta’u, Oromoon  lafasaarraa dhiibamee buqqa’es akkas jedhee geeraraa quuqqaasaa ibsataa ture.

Ya abbaa lafaa siif ka’e kunoo siif ka’e

Yoo jaldeessi ciisii siif ta’e

Yoo sardiidoon irboo siif hire

Yoo muujjaan midhaan sii ta’e

Yeroo kana Oromoon  quuqamasaa habalakaan ibsachaa gada akeessa jiru abaaraa gadaa jijjiiramaa eegaa kan ture yoo ta’u, qe’eef qabeenyasaa saamame sanarraa abbummaa dhabuun deebi’ee waardiyyaa, ergamaa, tikee, kadhattuu ta’ee daandiirratti kan bahe seenaatu ragaa baha.

Sirni Hayilesisillaasee lafa same kana manneen amantii irratti babal’isuun abbaa qe’ee ganamaa dallaa ala kaa’aa eeggattummaa jalatti akka kufu godhee darbeera.

Galgalli ofii lafa gabaa ta’uun abaarsa. Kanaafuu Oromoon qabeenyikee fixeensa galgallikee lafa gabaa hintahiin jedhee waleebbisa. Qabeenyi haphee yoo ta’e malee  fixaansa taanaan bulee deegatu dhufa, galgalli ofii lafa gabaa taanaan agabuutu nama nyaata kanaaf si haabaraaru jedhee Oromoon waleebbisa.

Sareen buchul baddi durbi mushur baddi akkuma jedhamu kan ganama qajeelee guddate akkuma bareedu kan ganama gadhiifatemmoo deebisanii namoomsuun ulfaataadha. Kanaaf dhalli ganama badde dhala badiiti. Kanaafuu abbaafi akaakayyuu, akkoofi akaakilee fakkaatti.

Kanumaafi, ammaan tana qabeenya Oromootti boohamaa kan jiuuf, kan ormaa deddeebisanii yoo alanfatan kan ofii namatti fakkaachuunsaa, mi’aawuunsaa  hinoolu. Kanaafuu haafaafi baala mara kan keenya jedhanii itti boohu.

Oromoon geeraraa hinhafu, quuqqaasaa kaleessa habalakaan dhaammachaa itti aadaa ture har’a ofirraa buqqisee seenaa hojjechuuf kan ka’e fakkaata, ka’eeras duubatti kan deebihu miti.

Akka niitii waadaa 80 yoo adda baane waaqni hinjaalatu, amantaan keenya hindeeggaru maqaa jedhuun hiroofi mararroo dhahachaa  maqaa amantiitiin darsaa deegaa Oromootti maruuf duulli taasifamu abadan deeggarsa Oromootaa hinargatu.

Hiroofi mararoo sirbanii walgaggeessuun qooda ganamaa durbi of dandeessee mana mataashii itti ijaarrattee jiraattu yoo ta’u, maqaa amantiitiin hirkattummaafi saamichi lafaa babal’atu kitaaba kakuutiinis ta’e seeraan kan deeggaramu waan hintaaneef Oromoo biratti waawuukoo yaanni jedhu dhalateera.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

One Comment to “Gamatti kan biraa gamanatti abbaa araaraa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *