Irreechi hambaa, aadaafi seenaa Oromooti

Ummanni Oromoo jiraataa duraa Afrikaa kaabaafi bahaati. Kanas ragaan qorattootaa seenaa adda addaatiin godhame ni mirkaneessa. Ummanni kun waggoota kumaatama dura duudhaaleefi aadaansaa baroota dheeraaf kuufates hanga yeroo dhiyootti osoo ifa hinta’in akka turu godheera.

Kunis kan ta’uu danda’e hammeenyaafi daba siyaasaa gitni bittaa durii raawwachaa tureen yoo ta’u, tooftaa Oromoota waltajjii siyaasaa, dinagdeefi jireenya hawasummaa biyya kanaa keessaa akka fagaatu  taasifamaati kan ture.

Haa ta’uutii ummanni kun aadaasaa kan waliin jireenyaa kophaatti qabaachuufi kunuunsaa ture waggoota muraasa dura carraa argateen yeroo ammaa dhuudhaansaa inni durii ifa ta’aa jira. Aadaan Oromoo isa ganamaa keessaa tokko ayyana Irreechaati. Irreechi Aadaa Oromoon gamtaan ba’ee malkaa bu’eefi tulluu yaabee itti galateeffatuudha.

Guyyaa kanatti  Oromoon amantiiwwan adda addaa hordofu  tokkomman harka walqabatee qulquliinaan kan galata itti galfatuudha. Guyyaan kun namoonni walitti mufatan ykn wallolan kan itti araaramaniidha.

Aadaan Oromoo waltajjiitti bahee guddina gama sektara aadaafi turizimii keessatti gumaachuuf beekame guyyaan Irreechaa guddina Aadaa Oromoo keessatti waliin jireenyaafi nageenya hawaasaa eegsisuu akkasumas waldandeettii amantiiwwan adda addaa keessatti mul’atuuf fakkeenya gaarii ta’uusaa agarsiisuufi.

Kana malee sirna Gadaa Oromoo (‘UNECO’)tti galmaa’ee beekumtii argate guyyaa Irreechaa kana akka guyyaa jaalalaafi tokkumma biyyaalessaafi Oromootti caalaatti akka beekamu taasisera.

Dabalataanis guddina dinagdeefi dhangala’a turistoota biyya keessaafi alaa guddisuuf ayyaanni Irreechaa shoora guddaa taphachaa waan jiruuf guyyaa kana akka ayyaana biyyaalessaafi Oromiyaatti akka beekamtii argatee kabajamu gochuun barbaachisaadha.

Oromoon akka ummata bal’aa biyya kanaatti beekamtii argatee ayyaanni kabaju tokkollee akka hinjirre beekamaadha. Kanaaf guyyaa Irreechaa akka guyyaa galataa ta’e beekamuufi kabajamu gaaffiifi fedhii ummataati. Gama biraatiin sirna Gadaa waliin jireenyaafi duudhaalee dimokraasiin tokko qabaachuu malu waan kuufateef kabajamni ayyaanichaa sirna Gadaa ibsuurratti gahee olaanaa qabaata. 

Dudhaaleen Gadaa keessatti mul’atan kanneen akka araaraa, eebbaa, faaruufi kabaja hangafaa quxusuu akkasumas walqixxummaa dubartootaafi daa’immanii mul’isan guyyaa kanatti waan ifa ta’aniif hawwasni waan guddaa irraa barata. Gamaa biraatiin waldandeettiin hawaasa keessatti mul’atu akka cimuufi dagaagu gargaara.

Irreechi kunuunsa qabeenya uumamaafi Naannoo akka guddatuufi eegumsi isaaf godhamu akka cimu gochuuf  guyyaa abbootiin Gadaa ergaa itti dabarsan waan ta’eef guyyichi beekamtii argachuun haalaan barbaachisadha.     

Walitti dhufeenyaafi tokkummaan ummata Oromoo cimsuu keessatti guyyaan Irreechaa gahee guddaa taphachaa jira. Kunis Oromoon martii duula hiyyummaarratti godhamuufi ijaarsi sirna dimokraasii keessatti gamtaan akka harka walqabatee ka’u gochuurratti guyyaan irreechaa ga’ee guddaa taphachaa waan jiruuf barbaachisaadha.

Barreeffamni kun Ayyaanni Irreechaa akka guyyaa galataa (‘thanks giving day’) Oromootti fudhatama akka argatu gafachuudha. Kunis Irreechi akka  ayyaana biyyaalessaafi Oromiyaatti beekamtiin kabajuudha. Gama biraan  Aadaan Ummaata kanaa beekumtii argatee kunuunsaafi eegumsa isaaf godhamu ittifufsisuufi ijaarsa guddina dinagdee biyyaatiif gama aadaafi tuuriziimiin fidu danda’urratti akka yaada ka’umsaatti eeruudha.

  • Irreecha akka hambaafi seenaa Oromootti

Biyyi keenya Itoophiyaafi Afrikaan kaaba bahaa marti qaroomina dhala namaatiif yayyaba /hundee/ beekumsaa  akka ta’an seenaarraa hubachuun ni danda’ama. Itoophiyaanonni waggoota kuma 12 dura turan gurraachotaafi Misiroonni addunyaa keenyaaf gumaachi isaan gama barumsa falaasamaafi amatiin wal qabsiisuun kennaa turan jijjiirama gama kanaan dhufe keessatti adda dureen kan eeramaniidha.

Kana keessaa saayinsii falaasamaa gama amantiitiin argamuu danda’u maddisiisuun bu’uura kan ta’an Kuushota gurraacha. Jarreen kunniin dur Itoophiyaanota jedhamu ture. Itoophiyaa kan jedhamu lafa Misiraa kaasee hanga Nuubiyaafi lafa galaana Hindiitti jiruudha.

Abbootiin keenya bu’uura amantiiwwan dhala namaa kan ta’e falaasama walxaxaa maddisiisuun amantii gadi fageenya qabuufi hiika guutuu qabu hordofaa kan turan yoo ta’u, namoota yeroo duraaf dhimma fayyoomaa /’salvation’/ kan barsiisaa turaniidha. Kunis lubbuun namaa mana hidhaa qaamaan marfamtee kan jirtu taatee turtu du’aan kan bilisa taatus du’aa ka’insa booda yeroo Waaqayyo murtiif dhufudha jechuun Kuushonni kan barsiisaa turanidha.

Yaadni kunis misiraachoo abbootiin keenyaan Kuushonni  dursanii yaada  addunyaa kanaaf lafa kaa’anidha. Innis ummattoota Waaqatti amananiif yaada ka’umsaa ta’uun yayyaba dhugeeffannaa yeroo booda uumanii biyya lafaa hedduu fudhatu ta’eedha jedhanii dubbatu .

Barumsi Itoophiyaanota durii /Kuushota/ Nuubiyaa, Misiraafi Oromoo dabalatee dur kan kennamu luboota beekamoon Waaqni itti asaaseen yoo ta’u, hanga baroota ‘4000 B.C’tti beekumsa kana sammuutti akka qabatan  barsiisuu malee barreeffamaan hinkennamu ture.

Yeroo booda garuu tooftaan heroogiloofiksii /barreeffama Misiraa durii/ qopheessuun iccittiinsaa eegamee baratoota biyya keessaafi alaa barsiisuun egalame jedhamaa. Beekumsa kanas Awurooppaa Kibbaafi biyyoonni baha jidduugaleessaa gara Misiraafi Nuubiyaa dhufuun fudhachaa turan.

Kanneen keessaa kan akka Parshiyaa, Giriikiifi Roomaanootaa eeruun ni danda’ama. Barumsa kana argachuuf gara Afrikaa dhufanii gara biyyaatti deebi’uun ummatasaanii barsiisaa turan. Kana keessaa namoota falaasamaan beekaman kanneen  akka Pilatoo, Dimakritis, Aristootil, Payitaagoratiif kkf eeruu ni danda’ama.

Barumsi Kuushotaa kun iccitiinsaa eegame manneen moototaa (fara’onotaa ykn ‘royal academy’) keessatti eegamaa ture. Barumsi sammuutti qabatanii akkuma seera Gadaa afoolaan dhalootaaf dabarsuu kun tooftaa hanga yeroo dhiyootti jiruudha.

  • Beekamsa hayyoota Afrikaafi Giriikota

Baroota kuma shanii ol iccitiinsaa eegamaa erga turee booda, hayyoota Giriik barumsa fudhachuu dhufaniif gurraachonni  heyyamanii icciti dhoksu dhiisuun ifatti barsiisuu eegalan. Haata’uutii hayyoonni barumsa argatan kunniin gara biyyaatti /Giriikitti/ yoo deebi’an waan hidhamaniifi ajjeefamaniif baay’eensaanii ni baqatu ture.

Kun beekumsafi hambaa /kalaqa/ ummata Kuush fudhachuun /fiduun/ aadaa biyyaa keenyaa balleessuuf jechuun yakkaan himatamuu ture. Kanas hayyoonni Giriik sodachuun baqataafi ajeefamaa  turan.

Kuushonni durii  abbootiin keenya qabeenyaafi beekumsa qaban kana saamuuf waraanni yeroo duraaf weerara isaanirrati gaggeese Parshiiyaanota  turan. Kunis qabeenyi Kuushootaa akka saamamuufi barbadaa’u godhe. Boodas baroota /’600 B.C’fi boodas bara ‘322 B.C’/ duula Giriikotaafi dhumarrattis “Alexander” guddichaan weeraramte.

Kuushonni gara kibbaatti baqatan.  Magaalaa Aleksaandariyaas maqaan isaatti moggaasuun qabate. Mootiin kun  yeroo turtiisaaniis qabeenya Kuushotaa fudhate. Lammiin biyyaa akka hin baranne ugguran. Hayyoota beekamoo yeroo san mana kitaabotaafi lafa amantii Fari’oonota saamsisan keessaa Aristootil isa tokko.

Qabeenya kana Giriikitti fudhachuun manni barumsaa Aristootil akka banamu ta’e. Qabeenya qofa saamuu otoo hinta’iin beekumsa gurraachotaa fudhachuun kan ofii godhan. Gurraachota saamuun Aristootil kan ofii godhate. Abbaan qabeenyummaa gurraachotaa akka badu godhame.

Seenaan armaan olitti eerame kun gurraachonni Itoophiyaa durii ykn kushoonni abbootiin keenyaa biyyoota har’a Afrikaa kaabaafi baha keessa faca’anii jiraachaa turan hagam akka seenaa isaaniin walfakkaatan ifa kan godhuudha.

Ummattoota Afrikaa kaabaafi baha keessa jiraatan keessaa Oromoon isa tokko. Kana malees amantiifi haalli dhugeeffannaa ummattoota  naannawa kanaafi Kuushota Misira duriirraa waanti dhalame hedduudha. Seenaa dhimma akkasiin kan walqabatu keessaa tokko ayyaana Irreechaafi duudhaan waaqeffannaa isa tokko.

Obbo Alamaayyoo Haayilee

Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala
Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee
seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011

Recommended For You

3 Comments to “Irreechi hambaa, aadaafi seenaa Oromooti”

  1. Pingback: tải sunwin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *