Dhukkubni sukkaaraa hangam nama huba?

Kutaa 1fa

Addunyaa keenyarratti biyyoota guddataa jiranis ta’e kanneen guddatan ija walqixxeen ilaalee kan hubuufi yeroo ammaa kana baay’inaan dabalaa kan  jiru dhukkubni sukkaaraa, ALA bara 2016 keessa akka addunyaatti namoota miliyoona 422 qabeera.

Dhukkubni kun maaliif dabalaa jira gaaffii jedhuuf qorattoonni baay’een kan deebisan, lakkoofsaan dabaluu namoota ulfaatinni qaamasaanii olka’aa ta’e jechuudhaani. Ulfatinni garmalee olka’aan kunis dhukkuba sukkaaraa isa akaakuu lammaffaan (‘type 2 diabetes mellitus’) qabamuuf waan nama saaxiluufi.

Namoonni dhukkuba sukkaaraatiin qabaman gariin akka dhukkuba sana qaban ofirratti hinbeekan. Akka dhaabbanni to’annaafi ittisa dhukkubootaa (‘CDC’) Ameerikaa beeksisetti, biyyattii qofatti namoonni miliyoona 23.1 ta’an dhukkubni sukkaaraa qaamasaanii keessatti argamee wal’aansa kan argataa jiran yoo ta’u, kanneen miliyoona torba ta’an ammoo dhukkuba kana qabaachuusaanii ofirratti waan hinbeekneef utuu hinbeekiin yaala osoo hinargatiin waliin jiraatu.

Amerikaa biyya guddatteefi utuu hindhukkubsatiin of qorachiisuunillee baratamaa ta’etti namni hangi kun dhukkuba sukkaaraa utuu qabuu kan ofirratti hinbeekne yoo ta’e, biyya keenyatti nama hangamtu of qorachiisee yaalamaa jira kan jedhu tilmaamuun ulfaataa miti.

Dhukkubni sukkaaraa kun qoratanii ofirratti beekuunsaa waan daran salphaa ta’ee dhaabbata fayyaa hedduu (buufata fayyaa dabalatee) kan argamuufi gatiinsaa qaalawaa hintaaneedha. Osoo hinbaramiiniifi osoo hin yaalamiin yoo ture garuu suuta suutaan qaama keenya akka ijaa, kalee, onneefi sirna narvii miidhuun sadarkaa gadhee irraan nama ga’uu mala.

Dhukkubni sukkaaraa maalinni?

Sukkaara yoo baay’isanii sooratan dhukkuba sukkaaraatiif nama saaxila dubbiin jedhu namoota lakkoofsaan xiqqaa hintaane biratti kan gaaffii ta’uudha. Deebiinsaa soba. Namni fayyaan sukkaara hedduu soorachuudhaan dhukkuba sukkaaraatiif hinsaaxilamu. Erga dhukkuba sukkaaraatiin qabamee booda garuu sukkaara (nyaata afaanitti hedduu miyaa’u) nyaachuun rakkoof nama saaxila. 

Qaamni keenya gaafa nyaata nyaannu, nyaata nuti nyaannu gara giluukoosiiitti jijjiiruun ittifayyadama. Giluukoosii qaama keessaa kana qaamni keenya akka itti fayyadamu kan taasisu hormoonii insuliinii jedhamuudha. Hormoonii insuuliinii jedhamu kana kan omishu rajiijiidha.

Insuuliniin kun yoo nyaata nyaannee sukkaarri (giluukoosiin) qaama keenya keessaa baay’atu qaamni keenya akka itti fayyadamu taasisuudhaan gadi buusa. Namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban dhibeensaanii hormooniin insuuliinii jedhamu kun qaamasaanii keessaa omishamuu dhabuu irraan kan ka’uudha.

Dhabamuun hormoonii insuuliinii kunis qaamni keenya hormoonii insuulinii kanatti fayyadamuu dhabuudhaan sukkaarri (giluukoosiin) qaamasaanii keessaa to’annaa malee akka olka’uufi mallattoolee garagaraa akka argarsiisu taasisa.

Akaakuuwwan dhukkuba sukkaaraa lamaan maaltu adda godha?

Dhukkubni sukkaaraa akaakuuwwan guguddoo lama qaba: Isaanis dhukkuba sukkaaraa kan akaakuu 1fa (‘type 1 diabetus mellitus’fi dhukkuba sukkaaraa kan akaakuu lammaffaa (‘type 2 diabetes mellitus’) jedhamu. Jarreen lameen akkaataan isaan ittiin namatti dhufaniifi itti yaalaman garaagarummaa guddaa qaba.

  • Dhukkubni sukkaaraa kan akaakuu tokkoffaa kan jedhamu yeroo hedduu namoota umuriin ijoolleefi dargaggeeyyii ta’an (yeroo baay’ee waggaa 30 gadi) kan qabatuudha. Sababni dhukkuba sukkaaraa akaakuu tokkoffaan kun namatti dhufu miidhamuu/dhumuu seelota rajiijii (‘pancreas’) keessaa hormoonii insuuliinii omishaniiti.

Qaamasaanii keessas sababa kanaan insuuliin guutummaatti dhabama. Mallattoowwansaa sadeen yeroo hedduu ittiin beekamu bishaan garmalee dheebochuu, fincaan garmalee baay’isanii fincaa’uufi garmalee beela’uudha. Dabalataanis qaama namaa garmalee huqqisuu, dadhabsiisuufi kkf fiduu danda’a. Yaalli dhukkuba sukkaaraa isa akaakuu kanaa guyyaa guyyaatti (guyyaatti al lama ykn isaa oli) insuuliinii waraanuudhaan kennama.

  • Akaakuu dhukkuba sukkaaraa isa lammaffaa keessatti insuuliiniin qaama keessatti haga ta’e ni omishama, garuu hangaan xiqqaa kan ta’eefi kan sirriitti hojii hinhojjanneedha. Gosti kun namoota umuriin ga’eessotaafi isaa ol ta’aniifi ulfaatinni qaamasaanii olka’aa ta’e kan qabatuudha.

Akaakuun kun mallattoo osoo hinargisiisiin waggoota hedduu erga turee booda argamuu danda’a. Waantonni dhukkuba sukkaaraa akaakuu kanaaf nama saaxilan keessaa: ulfaatinni qaamaa garamalee olka’uu, sosochii qaamaa taasisuu dhiisuu (keessumaa namoota hojiinsaanii bakka tokko taa’anii), umuriin dabalaa deemuu (akkuma umuriin dabalaa deemeen carraan dhukkuba sukkaaraa akaakuu lammaffaa kanaan qabamuu dabalaa deema).

Maatii keessa namni biroo dhukkuba sukkaaraa akaakuu lammaffaa kana qabaachuu (fknf haadha, abbaa obbolaan)fi dhukkuboota biroo kanneen akka dhiibbaa dhiigaa, olka’uu kolesteroolii fa’i. Haalli yaalasaas qorichoota liqimsaman (kiniinii) fudhachuudhaan kan yaalamuu danda’uufi sochii qaaamaa taasisuunillee irraa of gargaaruun kan danda’amuudha. Gara dhumaatti qoricha liqimsamuun yoo sukkaarri qaama keessaa gadi bu’uu baate garuu gara insuuliinii waraanuudhaan yaaluutti deemama.

Dhukkubni sukkaaraa yoo yaalamuu baate rakkoolee akkamii qaqqabsiisuu mala?

Dhukkubni sukkaaraa kan lubbuu galaafatuufi umurii namaa hir’isu qaamota dhala namaa keessaa kanneen lubbuun jiraachuuf barbaachisan akka onnee, kaleefi sammuu hubuudhaani. Qaamota lubbuu hingaalafanne garuu jireenya keenya guyyaa guyyaaf murteessan akka ijaafi miila namaa irras miidhaa guddaa geessisa.  Miidhaa dhukkubni sukkaaraa qaama irraan geessisu tokko tokkoon gabaabaatti akka armaan gadiitti ilaaluu dandeenya:

  • Sirna onneefi dhiigaarratti: Keessoo hiddoota dhiigaa miidhuudhaan dhibee onnee (dadhabuu onnee akka tasaa dabalatee)fi sammuu keessatti dhiiguu fida.
  • Sirna narvii: Hiddoota dhiigaa daran xixiqqoo ta’an (‘capillaries’) kan narvii sooran hubuudhaan sirna narvii keenyaa, keessumaa sirna narvii miila keessatti argaman hubuudhaan, miirri gubuu, wawwaraanuufi adooduu namatti akka dhaga’aman taasisa.
  • Kalee: Kaleen qaamota sukkaarri miidhu keessaa ishee hangafa yoo taatu, sukkaarri turtii yeroo dheeraa booda kalee miidhee sadarkaa kalee jijjiiruun barbaachisurra geessisa.
  • Miilla: Narviin miilaa erga hubamee booda carraan madaa’uufi infekshinii godhachuu miilaa daran olka’a. Miilli nama sukkaara qabuu kun yoo madaa’eefi infekshinii godhate, carraan fayyuusaa gadi bu’aadha. Yeroo boodas gara miila kutuutti deema.
  • Ija: dhukkubni sukkaaraa hidda dhiigaa ija nama hubuun dhumarratti agartuu balleessa. Dabalataan dhukkuboota ijaa akka kaataaraktii fi gilaakoomaa (‘glaucoma’) fa’iif illee nama saaxila.
  • Akkasumas rakkoo gogaa qaamaa, dhageettii gurraa hubuufi kanneen biroo hedduuf nama saaxila

…. Itti fufa

Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011

Recommended For You

2 Comments to “Dhukkubni sukkaaraa hangam nama huba?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *