Jibbaafi haaloorraa bilisa haa taanu

Akka dhahaa biyya keenyaatti Qaam’een yeroo itti barri moofaan xumuramee haaraa itti simachuuf qophoofnu gidduu kan jirtu yeroo ce’umsaati. Ummatni biyyattiis guyyoota Qaam’ee keessa bara moofaa geggeessee bara haaraa simachuuf qophii addaddaa taasisa. Guyyoota hafan kunneen keessatti inni qabu uffannaa haaraa bitachuun inni hinqabnemmoo isuma qabu miiccatee bara haaraa  kana simachuuf of qopheessa.

Qaamaafi naannawaa keenyas qulqulleessinee bara haaraa simachuuf akkuma qophoofnu keessa keenyas jibbaafi haaloorraa bilisa goonee sammuu qulqulluudhaan baricha simachuun dhimma ijoo dagatamuu hinqabneedha. Bara haaraa kana simachuun dura nama wallolle dhiifama gaafachuufi dhiifama gochuun kan simannu yoo ta’e, keessi keenyas nagaafi gammachuu argata, qalbiinis boqotti.

Utuu keessa keenya hinqulleessin, nama ittiin lolletti utuu hinaraaramiin sammuu jibbaafi haaloon dhiphateen bara haaraa simachuun ni ulfaata.  Kanaafuu namoota hunda waliin jaalalaan jiraachuufis ta’e bara haaraa sammuu qulqulluun simachuu, baricha keessa waan gaarii waliin gochuuf of qopheessuu qabna.

Paatiriyaarikiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaas jala bultii bara haaraa ilaalchisuun ibsa torban kana baasaniin akka jedhanitti, bara haaraa akkuma uffata adii ykn haaraa uffannee simannu keessa keenyas jibbaafi haaloorraa bilisa gochuun sammuu haaraadhaan simachuu akka qabnu yaadachiisu.

Qaamolee lammiilee gidduutti oduu jibbiinsaa, walitti bu’iinsaa, adda addummaa afarsan barsiisuufi gorsuudhaan  gocha isaaniirraa of deebisanii sammuu dhiifamaa, jaalalaafi nagaatiin bara haaraa akka simatan taasisuun barbaachisaa ta’uu himu.

Namootni walitti bu’an dhiifama walgaafachuufi dhiifama walii taasisuun araaraafi nagaa buusuun sammuu qulqulluufi garaa dhiifamaatiin bara haaraa kana akka simataniif Abuna Maatiyaas dhaamsa abbummaa dabarsaniiru.

Baadiyyaatti namootni ji’a Qaam’ee keessa laga bu’anii qaamasaanii dhiqatanii bara haaraa simachuuf of qopheessu. Guyyoota Qaam’ee keessa kan wallolanis walitti araaramanii  sammuu qulqulluudhaan bara haaraa simachuuf yeroo itti of qopheessaniidha.  Bara haaraattis hawwii gaarii waliif hawwu.

Dhiifama waliif taasisuun qaama lamaniifuu boqonnaa sammuu kenna. Inni miidhame haaloo akka hinba’anne taasisa. Inni miidhes badii dalagetti akka gaabbu taasisuun lamaan isaanii gidduutti jaalalaafi nagaa buusa. Akka waliif yaadan taasisuun kan duranii caalaa akka waljaalatan taasisa. Keessisaaniis nagaafi gammachuudhaan guutama. Halkanis hirriba gaarii akka rafan taasisa.

Keessi keenya jibbaafi haaloodhaan yoo guutame sammuun keenya oolee bulee waan hamaafi jal’inaa yaada. Boqonnaafi gammachuu waan hinqabneef abdiin keenyas dukkanaa’aa ta’a. Sammuun keenya gammachuufi boqonnaa dhabuun fayyaa keenya irrattis miidhaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf inni miidhes inni miidhames dhiifama waliif gochuun ykn walitti araaramuun bara haaraa namummaafi qalbii haaraadhaan simachuutu nurraa eegama.

Hunda dhiifamaan bira darbuun sammuu keenya bashannansiisuufi boqonnaa kennuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kana ammoo nama biraatu nuuf kenna utuu hintaane kan nuti kaka’umsa keenyaan raawwachuu dandeenyuudha.

Nageenyi maatii, ganda, naannawaafi biyya gidduutti mirkanaa’uun misoomaafi guddina gama hundumaan jiru si’eessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf keessumaa jaarsoliin biyyaafi abbootiin Gadaafaa namoota walitti bu’an araarsuun irraa eegama.

Sammuufi keessoo keenya qulqulleessuuf jibbafaa of keessaa baasanii sirrii qabaachuudhaani. Hammeenyafaa walirratti yaaduu wantoota keessa keenya xureessan waan ta’anif kanneenirraa fagaachuu qabna.

Bara haaraatti karoora haaraa baafannee abdii guddaa fuuldura keenya jiru bira ga’uuf sammuu keenya haaressuudhaan waa’ee waan darbee dhiifnee isa dura keenya jiruuf jabaannee hojjechuutu nurraa eegama. Barri haaraan fuuldura keenya jiru bara dhiifamaafi jaalalaan ida’amuu, bara nagaa, badhaadhinaafi milkaa’inaa nuuf haata’u!

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011

Recommended For You

2 Comments to “Jibbaafi haaloorraa bilisa haa taanu”

  1. Pingback: sunwin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *