Taaboriin dhaha Oromoorratti hundaa’ee kabajama

Torban darbe ayyaanni Taaborii (Taaboree) bakkawwan garagaraatti kabajamee darbeera. Haalli kabaja ayyaana kanaa bakkaa bakkatti hiikawwan adda addaa kan qabu yoo ta’u, ayyaanicha sabaafi amantii tokko qofaan walqabsiisuun ni mul’ata.

Keessumaa akka waan Oromoon ayyaana kanaaf orma ta’eetti yaaduun Kantiibaa ittaanaan Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa mooraa waajjirasaaniitti uffata aadaa alaabaa Abbaa Gadaatiin faayame uffatanii qaccee iyyisiisuun ayyaanessuunsaanii miidiyaalee hawaasaarratti ajandaa marii ta’ee darbeera. Akka waan isaan ayyaanicha kan Oromoo taasisuuf jecha godhaniittis haasa’amaa tureera.

Dhugaan jiru garuu Oromoon Taaborii achii dhufteesaarraa kaasee kabaja. Ayyaanonni aadaa hedduun turtii keessa bifa amantiifi sabaa itti uwwifamuun dhaalaman malee Oromoon namarraa ilaalee ayyaana kabajees hinbeeku hinkabajus.

Akka aadaa Oromootti Taaboriin ayyaana ijoolleeti. Ijoolleen immoo sirna Gadaa keessatti qooda mataasaanii qabu. Ayyaanni taaborii Tuulamatti ukee, gidduugaleessatti ammoo buhee jedhamuun beekama. Maqaawwan garagaraa haa qabaatu malee haalli kabajasaa hangas mara addaddummaa waan hinqabneef kan Maccatti kabajamuufi Taaborii jedhamu haa ilaallu.

Hayyuun Seenaafi Arkaayivisiitiin Yunvarsiitii Wallaggaa Obbo Charinnat Waaqwayyaa ayyaanni Taaborii dhaha Oromoorratti bu’uureeffachuun waggaa waggaadhaan Hagayya 13 ijoollee waggaa 9-16 gidduu jiraniin kabajama jedhu. Sababi guyyaan kun itti filatameefis Hagayya 15 Sirba Abbayyaa ykn lagni Mormor guutuun ce’uu nama dhorka. Utuu kun hinga’iin daa’imman gamaafi gamanaa walitti dhufanii akka kabajan dubbatu.

Akka isaan jedhanitti, guyyichatti godoon ijaaramee, nyaanniifi dhugaatiiwwan gara garaa qophaa’u. Godoo kanas ijoolleedhumatu mukeen akka abbayyii, ceekaa, reejjiifi kkf irraa ijaarrata. Ijoolleen waggaa 9-16 jiranis ni dorgomu. Haala kanaanis godoo ijaarame keessaa cabsanii fiiganii ba’uun shamarran fiiganii utuu namni hinqabiin ykn baalaan hinrukutamiin dhaqanii qodaa bukoo qabatu.

Dhiironnis akkasuma fiiganii dhaqanii gindoo mana jala jiru qabatu. Shamarraniifi dhiirota dorgoman keessaa inni dursa waan jedhame tuqe bara dhufu ayyaana Taaboriirratti hinhirmaatu; taa’aa borii ta’a jechuudha.

“Taaboriin galgala erga saawwan galanii elmamanii booda kabajama. Ijoolleen aannan waan jaallataniif aannan unachaa, nyaatawwan aadaa kanneen akka marqaa, cumboo, qoriifi kkf  nyaachuun taphachaafi sirbaa kabaju. Manarra deemanii saantimaafi daabboo kadhachuun iddoowwan biraatti nimul’atu. Haata’u malee aadaa Oromoo keessa hinjiru jedhu.

Akka ibsa Obbo Charinnatitti, ijoolleen gaafa ayyaanicha kabajuuf qaccee iyyisiisuun walwaaman. Qacceen ayyaanichaaf midhagina addaa kenna. Kana malees “Yaahoo yaa taaborii, taaborii waggaa, taaborii loonii, taaborii sa’aa…” jechaa faarsuun ayyaanicha miidhagfatu. Ayyaanicharratti namoonni guguddoonis hirmaachuun hoolaa ykn re’ee qalanii nyaachaafi dhugaa gammachuudhaan kabaju.

Wayita ammaa ayyaanni Taaborii dhiibbaawwan adda addaatiin hafaa dhufuu eeranii, utuu ciraa badee hindagatamiin barreessitoonni seenaa, hayyoonni, maanguddoonni, aartistoonniifi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa irratti hojjechuu akka qaban dhaamu; Gaazexaan Bariisaas ergaadhuma walfakkaatu dabarsa.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

4 Comments to “Taaboriin dhaha Oromoorratti hundaa’ee kabajama”

  1. Pingback: my company
  2. Pingback: find out
  3. Pingback: find out

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *