Hulluqqoo/Ifannoo: Ayyaana ofkaluufi ce’umsaa

Hagayya kana keessa ayyaanota kabajaman keessaa ayyaanni Hulluqqoo ykn ifannoo ykn ammasqalaa isa tokko. Ayyaanni kun ayyaana ofkaluufi ce’umsaati jedhamuun beekama. Sababnisaa wayita ganni dhumee birraatti hulluqamuuf akkasumas, wayitiin qonnaa dhumee qonnaan bulaan gindoo lafa kaa’ate itti boqotu waan ta’eefi.

Hulluqqoo ykn ifannoon ittiwaamama addaddaa haa qabaatu malee kan kabajamu sababoota olitti eeraman kanaafi. Ayyaanni kun keessumaa Shawaa Lixaatti sirna ho’aadhaan kabajama. Nutis dhimma kanarratti Jiraataa Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Daannoo, Ganda Dirree Daannoo, Abbaa Gadaa Maccaa duraanii Hayyuu Taakkalaa Dhinsaa haasofsisneerra.

Akka isaan jedhanitti, ayyaanni ifannoo naannawaasaaniitti Hulluqqoo jedhamuun beekama. Ayyaanichis gaafa Hagayya 17 kabajama. Hiikni kabaja ayyaanichaas ganna gurraacharraa gara booqaa birraatti ce’uu akkasumas, qonnaan bulaan hojii qonnasaa xumuree yeroo itti firiisaa eeggatu waan ta’eef akka ce’umsaatti fudhatama. Qonnaan bulaan maarashaasaa fudhatee ba’etu “Yaa Waaq qonna baranaa nu ofkalchite galata qabda. Sanyiin lafaan ga’aannee atimmoo bara dhufuun nun ga’i. Daraaraa birraatti lixuuf jenna nu ofklachi.” jechaa eebbisa.

Kana malees ayyaanichi falannaa ykn hooda Oromoo jedhamuunis ni beekama. Falannaadhaaf mukeen jiidhaarraa  jala bultiisaa galgala hudhaa mormaa qopheessu. Innis akka namni waa keessa hinhulluqnetti ni cufama. Mukni irraa hojjetamus ulaagaa, mi’eessa, waddeessa, meexxiifi kkf irraa akka nama hulluuqsisutti qophaa’a jedhu.

Akka Hayyuu Taakkalaan ibsanitti, utuu gara ayyaana kanaatti hindhufiin ji’aan dura qorannoo tiruufi lammiitu adeemsifama. Namni tokko osoo hinhulluqiin dura cubbuu yookiin daba hojjete yoo qabaate ni qoratama. Yoo cubbuu hojjeteera ta’e cubbuu baafate gara hulluqqoo deema.

Fakkeenyaaf namni ajjeese gumaa baafata, namni sagaagalee guyyaan shan ykn sagal kennameefi abbaa bokkuu ykn abbaa caffee akkasumas, ummata araara kadhata; kan hate kan sobeefi cubbuu biraa hojjetes akkasuma jechuudha. Yoo namni utuu cubbuu hojjete of hinqulqulleessiin hulluqqoo sana hulluqe torban utuu hinga’iin bu’aasaa arga; rakkoon isa mudata.

“Guyyaa hulluqqoo barii sana ganama daabboo/bixxilleen midhaanoota sanyii gosa sagal (boqqolloo, bishingaa, daagujjaa, xaafii, garbuu, qamadii, omborii/aajjaa ,baaqelaafi atarii) irraa daakame tolchamee qophaa’a.

Sanaa booda ijoollee dhiiraafi dubaraa waggaa torbaa gadii ilkaan hincabsatiiniifi jaartii maanguddoo waggaa saddeettamaa olii qulqulluu taate hulluqqoo keessa hulluqanii bakka maaddiin qophaa’ee sana dhaqanii taa’u. Bakka hulluqqoo qofaatti hojjetama” jedhu.

Utuu gara bakka hulluqqoo hindhufiin namni sirnicharratti hirmaatu mana manasaatii gucaa yookiin xombora mana hangafticha naannawaa sanaarraa qabsiifatee kallattii dhihaarra deema. Yeroo kanas “baga geese, dukkanni ba’i, ifti galii” jechaa deema. Sanaa booda bakka hulluqqii sana bira darbee erga deemeen booda ofirra galagalee deebi’a. Gara bahaatti garagaluun hunduu ibsaa qabate bakka tokkotti fiduun bobeessa. Abidda boba’uttis naanna’aanii akka sirban himu.

Hangaftichi naannawa sanaa abbaa gadaa ykn abbaa bokkuu yookiin abbaa caffeen erga hulluqee darbee maaddi bira dhaqu. Jaartiin sunis ijoollee xixiqqoo sana “akkan jaare jaaraa umurii dheeradhaa, karaatti hinhafiinaa” jedhanii eebbisuun maaddi sana hangafatti akka kennan taasisu. Haala kanaan dabaree dabareedhaan hulluqamee kabajama jechuudha.

Kanarratti bakki horii illee hulluqsiisan ni jira. Utuu hulluqqoo hinhulluqiin irreechi akka hinkabajamne addeessu. Akka ibsa Hayyuu Taakkalaatti, ayyaana kanarratti kormi qalamee, farsoon naqamee sirna ho’aadhaan kabajama. Maaddiichi guyyaa sanarra darbe hanga guyyaa lama sadiitti nyaatama. Kanaafis ummanni naannawichaa akkuma humnasaatti waanuma qabu walitti fiduun kabaja malee qofa qofaa hinkabajamu.

Walumaagalatti ayyaanni kun bifa duudhaa eeggateen kabajamaa dhalootatti akka darbuuf hordofaan amantii kamiyyuu keessatti hirmaachuun aadaasaa dagaagfachuu qaba; sababni isaa amantiifi aadaan kan walcimsan malee kan walfaalleessan waan hintaaneef jechuun dhaamu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

One Comment to “Hulluqqoo/Ifannoo: Ayyaana ofkaluufi ce’umsaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *