Dorgommii madaallii guddattootaa Oromiyaatu dursaa jira

Finfinnee: Dorgommii 7fa ispoortii  dargaggoota guddattootaa Magaalaa Arbaamincitti adeemsifamaa jiruun Oromiyaan olompikiidhaan dursaa jiraachuun ibsame.

Dursaan garee ispoortessitoota Oromiyaa Obbo Mul’ataa Taklee ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin gareen naannichaa olompikiidhaan garaagarummaa warqii 19n dursaa jiraachuu eeraniiru. Gareen Oromiyaa Olompikiidhaan warqii 51 gareen naannoo biraa 32 fudhateera.

Tapha paaraa olompikiifaas olaantummaa Oromiyaatiin xumuramuusaa eeranii, gareen Oromiyaa tapha kubbaa miilaa dhiiraatiin har’a Naannoo Ummatoota Kibbaa wajjin adeemsifamuuf darbuusaas beeksisaniiru. Dorgommii atileetiksii hanga ibsi kun kennameetti adeemsifameen naannichi sadarkaa gaariirra jiraachuufi taphoota hundaan shaampiyoonaa ta’uu  dubbataniiru.

Haalli nageenyaafi simannaa jiraattota Magaalaa Arbaaminciifi naannawashii ho’aafi gammachiisaa ture kan jedhan Obbo Mul’ataan, dorgommichis daran kan namatti tolu ta’uu ibsaniiru.

Walumaagalatti haalli adeemsa olaantummaa Oromiyaatiin adeemsifamaa tureefi har’a xumuramutti isaaniif gareensaanii qabxii galmaa’etti garmalee gammaduusaanii nutti himaniiru.

Dorgommii kanaan tapha takkaa qabxiin ittiin galmeessifamee hinbeekne kanneen akka teenisii lafarraatiinillee firiin galmaa’uusaa eeranii, adeemsi dorgommichaas naamusa guutuufi ilaalcha siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’ee kan geggeeffameedha jedhaniiru.

Dorgommii madaallii, qormaata leenjiifi hirmaannaa dargaggootaa guyyoota 15f akaakuuwwan ispoortii 15n adeemsifamaa turerratti ispoortessitoonni naannolee adda addaarraa babbahan kumni lamaafi 700 qooda fudhataniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

2 Comments to “Dorgommii madaallii guddattootaa Oromiyaatu dursaa jira”

  1. Pingback: ผลบอล
  2. Pingback: โคมไฟ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *