Taphawwan Afrikaa Guutuu Morookootti

Finfinnee: Dargaggoota Afrikaa dirree tokkorratti kan walitti fidu Taphni Afrikaa Guutuu (Paan_Afrikaaniizim), ALA bara 1965 Magaalaa guddoo Riippaablika  Koongoo, Biraazaavilitti kan jalqabame yoo ta’u, walakkaa jaarraa tokkoo lakkofsisuun har’a ga’eera.

Waggottan kanneen keessatti biyyoota Afrikaa adda addaatti yeroo 11f adeemsifameera. Yeroodhaa gara yeroottis miidhaginaan keessummeeffamuudhaanis beekamaadha.

Abbaa dabaree kan taate magaalaa guddoo Morookoo, Raabaan ammo, yeroo 12ffaaf Wiixata darberraa kaasee atileetoota biyyoota 54 irraa babba’anii  kuma jaha ta’aaniif akaakuwwan ispoortii 26n guyyoota 12f dorgomsiisaa jirti.

Morookoon taphicha  kan keessummeessitu istaadiyeemota magaaloota torbatti yoo ta’u, walmorkiin jalqabaa kan baname Istaadiyeemii Mootii Mahaammad  ja’affaatti ture.

Magaalonni shaampiyoonicha keessumeessan Raabaat, Kaasaabilaankaa, Saallee, Temaaraa, Keehimiiseet, Mohaammadiyaafi Eli’jaadiid akka ta’an sagantaan jiru ni mul’isa.

Tapha Olompikii Afrikaa jedhamuun kan beekamu shaampiyoonaan kun osoo olompikiin ammayyaa hin jalqabamiin waggaa tokkoo dura kan adeemsifamu yoo ta’u, tapha olompikiif atileetoota ciccimoo filuufis akka ulaagaatti gargaara.  

Olompikii 32ffaa, ALA bara 2020 Jaappaan, Tookiyootti adeemsifamuuf ispoorteessitota taphawwan akaakuu ispoortii 18 ta’an keessaa Tapha Afrikaa Guutuu kanarratti qabxii fooyya’aa galmeessisu qabu jedhamee eegama.

Itoophiyaan biyyoota dorgommii kanarraatti hirmaatan keessaa tokko ta’uusheetiin torban darbe jila atileetoota ishee gara Morookootti gaggeessuun ishee kan yaadatamuudha. Dorgommii kanarrattis akaakuwwan ispoortii 13n kan hirmaattu yoo ta’u, atileetiksii, biskileetii, buunyaa, kaaraatee, ‘warlid tekuwaandoo’, cheezii, ulfaatina kaasuu, ispoortii bishaanii, jiminaastiikii, kubbaa kaachoo, baadimeentanii,teenisa miinjaalaafi teenisa dirreetiini.

Gareewwan biyyaaleessaa kunneen shaakalasaanii xumuruudhaan wayita biyyaa ka’aan, qabxii gaarii fiduuf kan tattaafatan ta’uu ibsaniiru. 

Cheezii, kaaraateefi kubbaa kaaachoo ispoortiiwwan yeroo jalqabaaf irratti hirmaattu yoo ta’u, Itoophiyaan Taphawwan Afrikaa Guutuu kanarratti yeroo 11f hirmaachuun biyyoota Afrikaa 54n keessaa sadarkaa saddeettaffaarratti argamti. Sadarkaa kana kan argattes meedaaliyaawwan warqii 39, meetii 49, nahaasa 63n dimshaashumatti meedaaliyaawwan 151 galmeessisuuni.

Biyyittiin, tapha kanarratti hunda caalaa kan beekamtu ispoortii atileetiksiitiin waan ta’ef kan ammaa kanarrati ispoortii kanaan meedaaliyaawwan baay’ee ni galmeesisti jedhamee abdatama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

4 Comments to “Taphawwan Afrikaa Guutuu Morookootti”

  1. Pingback: click reference

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *