Jibbi biyya lafaa kana keessatti rakkoo uume malee rakkoo fure hinqabu. Isa kana of irrattis ta’e biyyoota biraarratti agarreerra. Baay’een garuu irraa baruu hindandeenye. Jibbi hangam akka nama miidhu barsiistuun tokkoo barattootasheef hojii manaa kennite. Barattootni hundi baay’ina namoota jibbaniin dinnicha boorsaa dabtara baatanitti torban tokkoof akka of harka tursan hojii manaa kenniteef. Barattoonnis dinnicha baay’ina namoota jibbaniin baatanii deemuurraa kan ka’e harkatti tortoree foolii uumuu eegale.
Keessumaa barattootni namoota baay’ee jibban dinnicha danuu sababa baataniif foolii isaatiif namaa wajjin jiraachuu hindandenye. Isaanittis ciinca’uurraa kan ka’e daran rakkise. Akka lafa hinkeenyefis waan dirqisiifamaniif ni dhiphatan. Namni isaan wajjin haasa’u ciincaasaarraa kan ka’e bira turuu hindanda’u. Torbeen yeroo dhiyaatu barsiistuun hojii manaa kana kenniteef walitti qabdee maal akka isaanitti dhagaa’ame gaafatte. Barattootnishees dinnicha tortoraa ciinca’u baatanii deemuun hangam akka nama jibbisiisuufi rakkisu, baatanii nama wajjin jiraachuun akka isaan danqe, si’achi baachuu akka hinfeene itti himan. Barsiistuunsaaniis barumsa tokko akka baratan barbaaduu isheef, akkas jette, “Jibbi ba’aa hamaa onnee namaa xureessuu, baatanii deemuunsaa rakkoo kan ta’e; akka dinnicha tortore kanaa ba’aaf kan hinmijatne; onnee namaa isa nagaafi qulqulluu kan mancaasu, lafa dhaqan hundatti namarraa kan adda hinbaane, jireenya namaa kan miidhu, ba’aa hamaa ittii hiikamuu qabaniidha”. Sababiinsaa dinnicha baatanii torbee tokko qofaaf deemuun kan isaan dadhabsiise barasaanii hunda bakka dhaqanitti jibba baatanii deemuun hagam akka isaan dadhabsiisu gorsitee akka gatan goote.
Jibba caalaa kan namatti ulfaatu hinjiru. Namni jaalalatti kan maxxanu jibbi onnee namaatti dhagaa daakuu caalaa sababa ulfaatuuf.
Namni nuti jibbinu hinhirraanfatamu. Namootni nuti jibbinu yoo hinjirrellee jibbi bakka gadi hindhiisu. Nama jibbinu yeroo dhabnu of jibbina. Sababiinsaas jibbi akka kuufama bishaaniiti. Yaa’ee kan darbu utuu hinta’in kuufamee dhukkuba kan horu, kan raamma’uufi raammessu, onnee namaas kan xureessuudha.
Yeroo hedduu namni kan jibbamu urjii gidduutii akka bakkalchaa mul’achuu yeroo eegaluudha. Inni kun ammoo nama isa jibbu xiqqeessee isa jibbamu ol kaasa. Jibbi namootaa walirra naqamee yaabbannoo ittiin tolluu milkaa’inaatti ba’an ta’aaf. Dagachuu kan nama irra hinjiraatne namootni danuun milkaa’ina malee milkaa’oo hinjaalatan. Egaa namni yeroo nama jibbu kufaa ta’uusaa labsuusaati.
Tarii jibba har’a bakkawwan hedduutti mul’atuuf itti gaafatamummaa kan fudhatu eenyu jennee gaafachuu dandeenya.
Deebiinsaa cimaa hinfakkaatu. Maatiidhaa hanga warra biyya geggeessaniitti harka keessaa qabu. Maatiin ijoolleesaanii xinnumaatii eegalanii jaalala namootaa, biyyaafi firaa keessatti guddisuun boriisaanii bareechuu qabu. Ittaansee hawaasni jibba kan faarfatu utuu hinta’in jaalala ta’uu qaba.
Mucooliin dhaloota akkasii keessa ba’an eebba biyyaati. Eebba maatiiti. Miidiyaaleen keenya miidiyaa jibba horsiisan ta’uu hinqaban. Hawaasni keenya miidiyaalee akkasii kan qusatu utuu hinta’in xireeffachuu qaba. Hawaasni miidiyaalee akkasii ilaalee cina taruun utuu manni gubatuu ilaalanii darbuudha. Mootummaanis wantoota jibba babal’isu gadi fageenyaan qoratee sirreessuun gaariidha. Hanga ammaatti dirreen kubbaa, manneetii barnootaa, waajjiraaleen mootummaa, manneetiin amantii ooyiruu jibbi irratti biqilanii guddatan ta’uu hinoolle. Miidhaa guddaas nutti fideera.
Kanaaf maatiin, geggeessitootni, hayyootni, barsiisotni, gaazexessitootni walumaagalatti hawaasni jibbi dhaloota kan miidhu sanyii hamaa laphee namaa keessatti bakka argannaan biqilee guddachuu danda’u isa baatus kan summeessu akka ta’e dhaloota kan barsiifnu meeqan keenya laata? Namootni harka walqabachuu irra akka meeshaa qabatan kan labsinu meeqa? Namoota harka walqabatan irras namoota meeshaa walitti qaban kan abjoonnu hindhibnu. Namni yeroo dhalatu nama ta’ee malee sammuu nama jibbuun hinuumamu. Erga dhalatee nama jibbuu bara. Akkasumas jibbuu qofa utuu hinta’in jaalachuus ni bara. Lamaanuu ni barsiifama. Ummatni biyya keenya keessatti waggoota darban danuuf kan dhaga’aa guddatan jibba ta’uu danda’a. Mana barnoota keenya keessatti; manneetii amantiitti bakka walitti qabama keenyaatti haasaan keenya tarii wantoota jibba of keessatti hammatan ta’uu danda’u. Isaan kunniin dhaloota keenya garmalee miidhaniiru. Isa kanattii fayyuun dirqama namummaati.
Bara 2013/14 yakki jibbarraa madde hangam akka miidhaa geessise qorannoo ta’een yakkoota kuma 44fi 471tu galmaa’e.
Waggaa tokko booda bara 2014/15tti ammoo dhibbantaa 18n dabalee gara kuma 52fi 528tti guddate. Jibbi eenyummaarratti hundaa’e jibba hundarra guddaa ture. Jibba kuma 44fi 471 galmaa’e keessaa dhibbantaa 82 ykn kuma 42fi 930 ture. Jibbi amantiirratti hundaa’e dhibbantaa 6; jibbi qaama hir’u ta’uun nama mudatu dhibbantaa 5. Akka biyya keenyaattis eenyuyyuu kanarraa walaba miti.
Namootni maaliif akka nama jibban yeroo gaafataman sababa warri kaan nu jibbaniif nus ijaa baafanna jedhu. Haa ta’u malee dukkanni dukkanaan hinmo’amu. Dukkana kan mo’u ifa qofa. Jibbi jibbaan hinmo’amu. Jibba kan mo’atu jaalala qofa. Dawaan jibbaa jaalala. Namni amantiidhaan, naannoodhaan, qomoofi kkf waljibbuun bu’aasaa caalaa miidhaasaatu hammaata. Darbees namni nama sodaatu qofa jibba. Namni sodaa hinqabne nama hinjibbu. Namni kamuu saree nama nyaattuuf ulee baata malee saree du’aaf ulee hinbaatu. Namni nama jibbu nama mo’amaadha. Nama waan tokko gochuu hindandeenyeedha. Namootni yeroo hedduu milkaa’ina kan hawwan yoo ta’ellee namoota milkaa’oo kan jaalatan muraasa.
Jibba keessaa ba’uun ni danda’ama. Namoota nu jibban jibbuu utuu hinta’in jaalachuun, hariiroo waliin uumuun, tarii waanti isaan ittiin nu jibban yoo jiraate of ilaallee wantota akka namootni nu jibban taasisanirraa adda ba’uun barbaachisaadha. Biyya kana keessatti geggeessummaa irra namootni jiran namoota walitti fiduuf yaalii isaan godhan kan galateeffachiisuudha.
Kaan immoo ammas rakkoo kan qaban, burqaa jibbaa kan ta’an ni jiru. Inni kun amma iyyuu obsaan faana dha’uun sirreessuun barbaachisaadha. Sammuu jibbaan guute gara jaalalatti deebisuun gaarii ta’a. Sababiinsaas namootni jibba facaasan dhumarratti dhumiisa namoota nagaaf sababa guddaa ta’u. Ofii garuu keessa hinmiidhaman. Karoorsanii miliqu. Dhumarratti namootni nagaan miidhamanii ofii nagaa fakkaatanii jiraatu. Inni kunis dhaabachuu qaba.
Biyyootni gara garaa jibba akka yakkaatti (‘hate crime’) ilaalu. Nama sanyiin, hir’ina qaamaan, amantiin jibbuufi jibbisiisuun yakka. Yakka jibbaa keessaa namoota baasuun ga’ee namoota taayitaarra jiranii qofa miti. Ta’us namootni taayitaarra jiran jibbi akka biyya hindhaalleef hojjechuu qabu. Hanga danda’ametti namootni kallattiilee gara garaatiin fayyadamuun faca’iinsa jibbaatiif sababa ta’an, addumaan ammoo caasaa mootummaa keessa ammayyuu haalota adda addaatti fayyadamuun kan namoota lagaan gargar hiran, gaazexxessitoota miidiyaalee mootummaas ta’e mitmootummaatti fayyadamanii jibba weeddisan; dhaabbilee siyaasaa hojiinsaanii jibba facaasuu qofa ta’e, barruuleefi maxxansa adda addaa, sirboota gara garaafi kkf gadi fageenyaan sakatta’uufi obsaan gara daandiitti deebisuun barbaachisaadha. Gama biraatiinis caasaaleen mootummaa jiran jibbaaf kan karaa banan yoo ta’e ilaaluun gaarii ta’a. Sababiinsaa jibbi jibba dhala. Dhalli namaa sababa barbaadee nama jaalachuu, hamaa isa namarratti agarru utuu hinta’in wanta gaarii namni tokko qabuun jaalachuun barbaachisaadha.
Jibbi akka kubbaa teenisiiti. Gamaa gamanatti saffisaan kan marmaaruudha. Jibba namatti yeroo darbannu lafa rukutee as nutti deebi’a. Jaalallis akkasuma. Filannoon garuu kan keenya.
“Jibbi akka kubbaa teenisiiti, utuu hinturin isa ergetti deebi’a”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011
6 Comments to “NAMA SI JIBBUUN KAN MO’AMTU YOO DEEBITEE JIBBITE QOFA!”