Mootummaa Gumaay (Gumaa)

Kutaa lammaffaa

Torban darbe mata dure kana jalatti hiika, qoodaminsaafi faca’iinsa mootummaa Gumaay (Gumaa) ilaaluun keenya ni yaadatama. Kan torban irraa itti fufees akka armaan gadiitti dhihaata.

Du’a Horaa Waarraa kan dhagahe mootiin Limmuu Gumaayitti duuluuf waan aggaameef  Adamiin /Dallee Abungee/ waraana sana ofirraa ittisuuf qophii eegale. Waraana mootii Limmuu waliin gaggeeffame keessatti gorsi obboleettii Dallee olaanaadha jedhama. Isheenis fardeen bifa garagaraa kallattii loltoonni Limmuu  dhufanirratti akka hidhamaniifi loltoonni Gumaa immoo kallattii kan biroon waraana akka banan gorsite. Haalumaa tooftaa qindeeffameen fardeen dhibba sadii  tabba duubatti hidhuun kallattii kan biroon nama kudhan ta’aniin waraanni baname.

Waraanichis irra caalaa naannoo amma Bassoo jedhamutti kan gaggeeffame yoo ta’u, ka’umsi maqichaa bara waraanichaa dubartoonni odaa jala taa’anii loltootaaf bassoo hurgufaa obaasaa turan. Iddoon sun har’allee Bassoo Hurgufaa yookaan Tabba Abbaa Hurgufaa jedhama. Yeroo muraasa booda gootummaa Abbaan Abaaloo (Dallee)fi baay’ina fardeen hidhamte  sodaachuun loltoonni Limmuu akka deebi’an  himama. 

Aangootti dhufuun  Dallee yaada gosti Badii kana dura gosoota kan biroo hir’udha jedhe sana cabseera. Mohammad Hassan qorannoo isaa keessatti wiirtuu mootummaa Gumaa Ciiraa jechuun eera. Garuu Ciiraan Teessoo Mootummaa Geeraati malee kan Gumaa miti. Gosti Adamii Gumaa keessatti aangoo qabate gosa Tummee keessaa tokko yoo ta’u, iddoon masaraa bulchiinsaa Dambii /Kooyyee/ti. Mootiin Gumaa inna dhumaa immoo dabalataan wiirtuu isaa  Geephaatti akka masaraa hundeesse himama.

Bara bulchiinsa Abbaa Joobir Guddaa masaraan Geephaa keessa jiru tajaajila kennaa turee yeroo booda Gojjamootaan akka gubate himama. Masaraan Kooyyee bara bulchiinsa Xaaliyaanis wiirtuu loltoota Xaaliyaanii akka tureefi booda akka jige maanguddoonni ni himu. Onni masaraa mootolee Gumaa walakkaan isaa bakka manni barumsaa olaana sadarkaa 2ffaa irratti ijaaramee ta’uusaa maanguddoonni dabalataan ragaa ba’u.

Mootolee Gumaa keessaa Dallee Abuunge seenaa keessatti kan beekamu jabinaafi nama cimaa annisa qabu ta’uu isaa yoo ta’u, kunis mammaaksa keessatti “kan tokkoof Dallaa buqqee tokkoof Dallee Abungee!” jedhama. Kana jechuun kan tokkoon tuffatamaa ta’e tokko biratti hagam jabaa akka ta’e  beekuun barbaachisaa ta’u isaa kan ibsudha. Innis maqaa masoo abbaa Abaaloo yookaan abbaa eeboon beekama. Mootummaan warra Gumay mallattoon isaa kan mootii dibaabaafi hamartii warqee kan quba moggee irratti godhatamu yoo ta’u, teessoon mootichaas barcuma muka jabaa tokkorraa akka jirutti tolfamudha.  Dibaabaa kan hidda qunceefi muka adda- addaa irraa hojjatamu aduuf roobarraa isaan eegu hojjatame iddoo gabaafi (dhaaba) ummataa mootiin itti mul’atanitti qabatamuu qaba. Mootoleen Guumaa mallattoo aangoo kan ta’e bokkuus akka qabatan himama.

Qaccee Mootummaa Gumay

  1. Dallee Abungee – Abbaa Abaaloo
  2.  Collee – Abbaa Reebuu
  3. Nageessoo – Abbaa Jilchaa
  4. Onchoo – Abbaa Duulaa Guddaa
  5. Abbaa Joobir Guddaa
  6. Abbaa Duulaa Xiqqaa
  7. Abbaa Joobir Xiqqaa
  8. Abbaa Foggii – (Abbaa Halimaa)
  9. Abbaa Duulaa Abbaa Garoo – Mootii isa dhumaa kan Abbaa Joobir Xiqqarraa fudhate.

Akkaataa itti Dallee Abungee aangootti Horaa Waarraa irraa fudhate armaan olitti ilaalleerra. Sanaan booda Gumaa mootolee saddeettu bulche. Mootiin Gumaa inni lammaffaa Collee ykn Abbaan Reebuu ilma Dallee Abuungee yoo ta’u, innis dhaalaan aangoo isaa akka fudhate himama. Mootiin sadaffaan Gumaa bulche Nageessoo ykn Abbaa Jiilchaati. Abbaan Jiilchaa hamaafi kan seera malee nama ajjeesu akka ture dubbatama. Abbaa Jiilchaa mootii Gumaa keessa gara Iluutti duuluun akka biyya saameefi namoota bayyee waraanaan ajjeese dubbatamaa. Hawaasa birattis akka mootolee kan biroo hinjaallatamu.

Faallaa Abbaa Jiilchaa barri bulchiinsa mootii Oonchoo bara tasgabbaa’aa ture. Oonchoon xiyyeeffannaa guddaa ummata ofii hacuucuu utuu hinta’iin daangaa babal’ifannaa ture. Kunis olloottan waliin waraana yeroo dheeraa akka gaggeessu taasiseera. Oonchoon nama cimaafi waraanaan beekamu yoo ta’u, duula gara Wallagaafi Buunootti taasiseen saamichaan boojuu guddaa argateera jedhama. Abbaan Joobir daangaa hanga Buunoo boodas hanga Leeqaa keessattuu waraana warra Tuuchoo Beeraa waliin walfalmaa turan.

Mootichi beekamaan Abbaan Halimaa yookaan Abbaa Foggii kan aangoorra ture baroota waraanni daangaa babal’ifannaa Gojjamiifi Shawaa Gibeerratti aggaamame sana. Halimaan intala Abbaa Foggii Abbaa Duulaati. Mootiin Gumaay inni dhumaa obboleessa Abbaa Joobir guddaa yoo ta’u, isaaniis Abbaa Duulaa Xiqqaa waliin guyyaa tokkotti duula Raas Adaal Tasammaa wajjiin gaggeeffamerratti akka du’an himama. Waraana daangaa babal’ifannaa mootolee Abisiiniyaa irraa itti aggaamame ofirraa ittisuuf duula taasifamee keessatti ajjeefaman.

Waraanni daangaa babal’ifannaa Nigus Taklaayimaanoot (Raas Adaal Tasammaan) hogganamu Horroofi Leeqaa irratti erga milkaa’ee gara Shanan Gibee keessattuu weeraraafi saamicha Limmuu, Gommaa, Geeraa gabbarsiisee booda mootiin Gumaa, Abbaan Joobir akka gabbaru akka itti erge himama.  Haa ta’u malee, Abbaan Joobir deebii  hingabbaru jedhu qofa utuu hinta’iin  “Adaal maqaa Adurree gabbaariin ishee hantuuta jedhee” hingabbaru waan jedheef Raas Adaal si’a lammaffaa jaarsummaa itti ergeera jedhama. Abbaan Joobir waraana cimaa obboleessa quxusuu Abbaa Foggii (Shuuramuun) hogganamu qabaachuun irraa kan ka’e ofitti amanamummaa argateera. Kanaaf harka kennuurra loltoota Gojjam waliin waraana filateera. Kanaafis waraana faccee irratti Abbaa Joobiriifi hogganaan waraana isaa Abbaa Foggii wareegamaniiru. Loltoonni Adaal Tasammaa kan milkaa’uu danda’an loltoota Limmuu fayyadamuun yoo ta’u, mootii Gumaa waraanicharratti kan ajjeeses Abbaa waraanaa Limmuu kan ture Firrisa Majaa kan jedhamuufi innis yeroo dheeraaf gabbaarii Abbaa Joobir ture jedhama. Du’a mootii Abbaa Joobiritti gaddee Adaal Tasammaa, Firrisaa ciibsee alangaan adabeera jedhama. Innis akkanatti geerare jedhama.   

                   Yaa haadha koo  

                    Yaa hadhattiikoo          

                   Duulii ajjeesiif na yaamanii

                   Ajjeesnan naa dhaananii …  jedhee akka geerare dubbatama. 

Boodas  Firrisaa Majaa gara Limmuutti yoo deebi’u gadda yookaan gaabbii du’a Abbaa Joobiriif qabu akka armaan gadiitti ibsateera jedhama. 

Ummaniis du’a Abbaa Joobirifi Abbaa Foggiif yoo boo’aniif akkana jecha turan jedhama.

          Abbaa Joobir Abbaa Duulaa

             Abbaa Foggi yaa jagna koo

          Ciisii kaa cookkoo kanaa

          Du’ii  kaa koontoo kanaa

          Bu’ii kaa goolloo kanaa

          Situu gabbara didee

          Situu nakkara fidee

          Akka dhiiratu akkanaa

          Hojii gootatu akkanaa…jechuun gaddaafi leelloo ibsate afoola keessatti yaadatama.

Ittifufa…

Obbo Alamaayyoo Haayilee
Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala
Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee
seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

5 Comments to “Mootummaa Gumaay (Gumaa)”

  1. Pingback: fake advertising
  2. Pingback: ผ้า

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *