Mataa Buufachuu: Sirna araaraafi kakuu

Sirna Gadaa keessatti aangoo ykn baalliin kan daddarbu karaa dimokraatawaafi ifa ta’eeni. Abbaan Gadaa, Gadaa fudhate tokko baallii abbaa Gadaa isa dura turerraa kan fudhatu yoo ta’u, kallacha garuu abbaa isaa irraa fudhata. Abbaan isaa immoo mataa buufatee /rifeensa haaddatee ilmasaaf kallacha dabarsa. Hanga sanatti abbaan gadaa baallii fudhatus kallacha hinhidhatu, harkatti hinqabatu, manasaas hinseenu.

Bu’uura kanaan Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo torban lamaan dura kallacha abbaasaaniirraa fudhataniiru. Abbaansaanis mataa buufataniiru. Sirna kanarratti Gaazeexaan Bariisaa  Hayyuu Seenaa, Jaatanii Diidaa kan dubbise yoo ta’u innis akka armaan gadiitti dhihaata.

Akka hayyuun kun jedhanitti, mataa buufachuu jechuun rifeensa gadoomaa buufachuu ykn haaddachuu jechuudha. Kana jechuun inni mataa buufate Gadaa keessaa ba’ee gara jaarsaa ykn gadamoojjiitti ce’e jechuudha. Haala kanaan kan tibbana mataa buufate abbaa Abbaa Gadaa Booranaa ammaa Kuraa Jaarsooti.

“Guyyichi guyyaa abbaan Gadaa sirna ilmatti dabarsuudha. Kana jechuun abbaan abbaa Gadaa waggoota 40 sirnichaa keessa darbuun gara ilmasaatti dabarsa. Kana booda abbaan jaarsa, ilmi Gadaa ta’u jechuudha. Asirratti Gadaa dabarsuu jechuun aangoo Gadaa dabarsuu akka hintaane hubatamuu qaba” jedhu.

Abbaa Gadaa Kuraa waggaa sadii dura Abbaa Gadaa Guyyoo Gobbaarraa baallii fuudhu kan yaadachiisan Obbo Jaataniin, yeroo sanatti afurtamni abbaa waan hingeenyeef waggaa sadii eeguusaanii ibsu. Karaa biraatiin abbaafi ilma gidduutti waggaa 40tu jira jechuu ta’uu eeru.

“Gaafa abbaan rifeensa haaddachuuf kallacha ofirraa hiiku, kallachi waan lafa hinteenyeef ilmatti hidhama. Kana jechuun kallachi abbaarraa ilmatti darbuu agarsiisa. Hamma gaafa abbaan abbaa Gadaa mataa buufatee ilmasaatiif kallacha hidhutti abbaan Gadaa kallacha hinhidhatu; manasaas kallachi hinseenu; harkaanis hinqabatu. Kallacha isa gaafa baallii fudhatu argatellee gargaaraasaa bira ykn ollaa ka’aata malee of bira hinkaa’u” jechuun ibsu.

“Guyyaan mataa buufannaa guyyaa araaraati. Kanaaf sirna araara kadhachuutu raawwata. Akkasumas, inni mataa buufatu kakuu galee nama qulqulluu ta’ee ba’a. isaa booda lammata waan cubbuu qabu kam keessayyuu hinseenu. Guyyicha abbaafi abbaa gadaatu nama qumbii gadamoojjii qaburraa qumbii fudhata. Warra waggoota saddeettan dhufan mataa buufatutu qumbii dabarsa” jedhu.

Akka ibsa Obbo Jaataniitti, sirna kanarratti hoolaan kan qalamu yoo ta’u, dhiiga hoolaatiin harka dhiqatanii yoo kan harki hatellee  ta’e, ajjeeselle ta’e, walumaagala yoo harkasaatiin waan hamaa kan hojjete ta’e cubbuusaa himatee dhiqatee qulqullaa’a. Kanaan booda akka harkasaatiin namatti hindabarre, afaansaatiin nama hincubbinee, miillisaa gara hamaatti hindeemneefi waan badaa kamuu akka hinhojjenne kakuu gala.

“Yoo dhimmi daangaa dhufe waraanatti hindeemu; yoo namni waldhabe ni araarsa malee gidduu seenee dubbii bitaafi mirga ilaalee “ati sirriidha, ati dhugaa qabda” jedhee murtoo hinkennu. Umuriisaa guutuu jireenya eebbaa, qulqulluufi namaan walitti hinbuusne jiraata jechuudha. Waantota kanaan dura ta’an hundaafuu araara kadhata, fuulduraaf immoo kakuu gala. Kanaaf mataa buufachuun sirna araaraafi kakuuti” jechuun addeessu.

“Kana malees, ilmansaa gorsee waan irraa barachuu qaban akka baratan godha. Kanaa booda hamaa hinhojjetu. Mana isaa sibilli hinseenu. Wanti qara qabu kanneen akka eeboofaa, akkasumas, qawween hinseenu; manasaattis hindhihaatu. Haala kanaan nama qulqulluu ta’ee jiraata. Gadamoojjii jechuun nama qulqulluu jechuu waan ta’eef” jedhu.

Akka hayyuun kun jedhanitti, jaarsi gadamoojjii du’ellee mooraa loonii ‘fulaannoo’ keessatti awwaalama. Sababnisaas mooraa ykn dallaan loonii qulqulluu waan ta’eef Waaqni keessa bula jedhamee amanama. Yommuu mataa irraa haadanillee kosii/dikee loonii keessa taa’anii haadu. Kunis qulqulluudha jedhamee waan amanamuufi.

Gadamoojjiin mataa buufatu kana dura marsaawwan Gadaa keessa darbeetti rifeensa haaddachuun rakkoo akka hinqabne eeranii, erga gadamoojjii ta’ee rifeensa buufate booda garuu “ni takkaallate” jedhamee waan fudhatamuuf waan dura raawwachaa ture hinraawwatu. Kanaaf rifeensasaa akka hintuqne kaasu.

“Sirni kun ardaa jilaa gadamoojjiin mataa itti buufatutti adeemsifama. Bara kanas sirnichi ho’aafi namoonni hedduu irratti hirmaachaa waan deemaniif bakkawwan garagaraatti raawwatameera. Boorana Oromiyaafi Keenyaa gidduutti ardaawwan jilaa 24tti sirni kun ta’e. Ardaawwan kunneenis, gama Liiban kan Godina Gujii keessa jiru fuula ykn ardaa sadii, Boorana keessa fuula 18, Keenyaa (Keeniyaa) keessa fuula sadii walumaagala fuula 24tti taa’ama jedhu.

Akka ibsa hayyuu seenaa kanaatti, wayita mataa buufachuu, ilmi abbaarraa mataa waan buusuuf lachuu achitti argamu. Intalti abbaa Gadaas dirqama loon kennitee loonirraa fudhatti. Haati warraa jaarsa mataa buufatuus argamuu qabdi. Isheenis loon kennitee loon irraa fudhatti.

Warri waggaa saddeettan dhufu sirna kanatti darbus irratti ni argamu. Namni waldhabdee qabus guyyaa itti araaramu waan ta’eef dhimmisaa achirratti ilaalama; kanaaf irratti argama. Kan komii qabu kamuu irratti argamuun komiisaa dhiheeffachuu danda’a. Walumaagalatti sirnicharratti wanti dhoksaan tokkoyyuu waan hinjirreef namni argamuu barbaadu kamuu argamuu danda’a.

“Sirni kun erga gadamoojjiin ardaa qubate ji’a tokkoof kan adeemsifamu yoo ta’u, bu’uura kanaan abbaan abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo torban lamaan dura (akka dhaha Booranaatti gaafa ayyaana 27) mataa buufataniiru. Ayyaanni kun ammoo guyyaa maganacha jaarraa jedhama. Guyyaa maganacha jaarraa mataa haaddata, guyyaa maganachi duritii immoo intalasaatiif horii kenna” jedhu.

Erga mataa buufateen booda ji’a tokko ardaa sana taa’ee tura kan jedhan Obbo Jaataniin, sababni isaas ardaan sun ardaa araarri itti galeefi itti kakatame waan ta’eef akka achii ba’e deebi’ee dogoggoora keessa hinseenneef achi turutu filatama. Erga sirni kun xumuramee booda godaananii ilmaansaanii dabballeef maqaa akka baasan ibsu.

“Adeemsa kana keessatti utuu abbaan abbaa gadaa mataa buufatee kallachasaa ilmasaatti hindabarsiin lubbuun yoo  dabartee, abbaan gadaa kallacha hinhidhatiin hafu jechuu miti.  Yoo namni lubbuun dabartee sirni yeroosaa eeggatee waan deemuu qabuuf jilasaatiin kan raawwatamu ta’a” jedhu.

Walumaagalatti, sirni mataa buufachuu sirna kabajaa guddaa qabu waan ta’eef wanti raawwatamu hundi ofeeggannaadhaan raawwatama. Sirni kun bifa aadummaasaa osoo hingadhiisiin hamma yoonaa bifa miidhagaadhaan adeemsiifamaa kan jiru yoo ta’u, aadaa hawwataa kana dhalootaaf darbees addunyaaf beeksisuuf keessumaa meediyaaleen bal’inaan hojjechuu qabuun ergaa keenya.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

3 Comments to “Mataa Buufachuu: Sirna araaraafi kakuu”

  1. Pingback: DayZ Hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *