Kaansarii ulaa gadameessa

Kaansariin ulaa gadameessaa Maalii? (‘cervical cancer’): Qaama kaansariin kun hubu kan sarviksii jedhamu irraa yoo jalqabnu, sarviksiin qaama gadameessaa keessaan isa gara qaama saalaatti gadi aanee, qaama saalaafi gadameessa gidduutti argamuudha.

Kaansariin ulaa gadameessaa ykn sarviksii akkuma kaansariiwwan qaamota biroo kan uumamu, baay’achuu (walhoruu) seelotaa to’annaa ala yoo ta’u, erga yeroo dheeraa turee booda gara qaamota biroottillee babal’achuu kan danda’uudha.

Kaansariin ulaa gadameessaa kun yeroo dheeraadhaaf biyyoota guddatanitti kaansarii lubbuu dubartootaa galaafachuudhaan sadarkaa 1fa irra ture yoo ta’u, sababa qorannaa (‘checkup’)fi maloonni ittisa garagaraa, akkasumas dhukkubicha dafanii adda baasanii yaaluun babal’achaa tureef kun isaaniif seenaa ta’ee hafeera.

Biyyoota qorannoon dhukkuba duraafi hubannoon hatattamaan gara mana yaalaa deemuu, akkasumas argamni yaala dhukkuba kanaa gadi bu’aa ta’e akka biyya keenya keessatti garuu, ammallee kaansariin kun lubbuu haadholiifi obboloota keenya dubaraa hedduu galaafachuu ittifufeera. Qorannaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhukkuba kanarratti geggeesse akka argisiisutti dubartoota kaansarii kanaan du’an keessaa %80 biyyoota guddataa jiran keessaati kan lubbuun darbudha. 

Kaansarii ulaa gadameessaa (‘cervical cancer’), maaltuu adda taasisaa?

  • Ka’umsisaa beekamaadha:

Waantoota kaansariiwwan hedduu namatti fidan adda baasanii beekuun hindanda’amu. Kaansariin ulaa gadameessaa garuu vaayirasii ‘Human Vapilloma Virus’ jedhamuun namatti dhufa. Vaayirasiin kun akaakuuwwan hedduu qabaatus, kanneen dhukkuba kana namatti fidu garuu akaakuuwwan lama, “HPV 16 fi HPV 18”, kan jedhamaniidha. Vaayirasiin kun kan namaa namatti daddarbu karaa walqunnamtii saalaati!

Vaayirasiin kun erga nama qabatee booda waggoota hedduu booda qaama ulaa gadameessaa gara kaansariitti jijjiira. Kanneen vaayirasii kanaan qabaman hundi kaansariidhaan hinhubaman, gariin akkasumaan vaayirasichi keessaa bada gariin ammoo turee gara dhukkuba kanaatti deema.

  • Ittisuun ni danda’ama:

Inni jalqabaa qunnaamtii saalaa namoota hedduu waliin raawwachuurraa of eeguudha. Yoo kan hindanda’amne immoo kondomii fayyadamuudha. Haata’u malee vaayirasiin ‘HPV’ jedhamu kun qunnaamtii saalaa of eeggannaa hinqabne raawwachuu baatanillee argami (‘prevalence’) isaa bay’ee olka’aa waan taheef dubartoota hedduu keessatti ni argama. Kanaafuu qunnaamtii saalaarraa of eeggachuu qofti gahaa miti.

Inni lammaffaan qorannoo dhukkuba duraa (‘screening’) isa jedhamuudha. Qorannoon kun dubartoonni wagga 25 haga 49 ta’aniif waggaa sadii sadi’iin qorannoo akka taasisan gorfama. Dubartoonni wagga 50 haga waggaa 64tti jiran ammoo waggaa shan shaniin kan qoratamuu qaban yoo ta’u, kanneen waggaa 65 olii ammoo yoo kan duraan akka tasaa hinqoratamne malee isaan hinbarbaachisu.

Biyyoota guddatanitti qorannaan kun dubartoota hundaaf (‘screening’) yeroo yeroodhaan kennama. Obboleettonniifi harmooliin keenya garuu carraa kana hinqaban. Kanaaf dhukkubni kaansarii ulaa gadameessaa akka kaansariiwwan biroo biyyoota guddatan osoo hintaane kan hubu biyyoota guddataa jiranidha.

Biyya keenyatti dubartootni tamboo xuuxuun baratamaa ta’uu baatus tamboo xuuxuun waantota dhukkuba kanaaf sababa dabalataa ta’an jedhamanii yaadaman keessaa tokko. Kanaaf tamboo xuuxuu irraas of qusachuun barbaachisaadha.

Karaan kan biroo ittiin ofirraa ittisan talaallii kaansarii kana ittisu fudhachuudhaani. Taalaalliin kaansarii hagam dhukkubicha ittisuu danda’a gaaffii jedhuuf, akka qorannoowwan tokko tokko ibsanitti talaalliin kun namoota talaallii kana fudhachuu isaaniin dura vaayiresii ‘HPV’ kanaan hinqabamiin yoo fudhatan kaansarii kana haga 100% ittisuu danda’a.

Ta’us qorichoonni talaalliif oolan akkuma adda adda ta’an dandeettiin dhukkuba ittisuusaanii illee walcaala. Umuriin itti dubartoonni talaallii kana fudhachuu qaban biyyootarraa biyyootatti xiqqoo adda adda ta’us, baay’inaan waggaa 12 fi 13 gidduutti kan kennamu yoo ta’u, dubartoota osoo hinfudhatiin isaan jala darbeef ammoo haga waggaa 18tti illee kennuun ni danda’ama.

Qorichoonni talaallii kanaaf oolan walumaagalatti, vaayirasii kaansarii kana nutti fidu ‘HPV’ akaakuuwwan garagaraa qaban ittisuudhaan dhukkuba kana irraa nama baraara.

Mallattoowwan kaansarii ulaa gadameessaa maal fa’i?

Dhukkubni kun mallattoowwan gara garaa akkuma jabaachaadeemeen ni argisiisa. Namni mallattoowwan kanneen qabudhukkuba kana qaba jechuu miti, dhukkuboonnisasalphoon mallattoo sana fidan hedduun waan jiraniif. Bu’aan yaalii dhukkuba kanaa sadarkaa dhukkubichi irra jirurratti waan hundaa’uuf kan dafee argame yaalame fayyadamaa ta’a. Mallattoowwan isaas:

  • Walqunnamtii saalaa booda qaamni saalaa dhiiguu, dhukkubbii yeroo qunnamtii saalaa duraan hinjirre namatti dhaga’amuu
  • Marsaan laguu osoo hindhufiin (yeroo malee) gidduutti dhiiguu, marsaan laguu sababa umuriin erga dhaabbatee booda qaamni saalaa deebi’ee dhiiguu,
  • Dhukkubbiiwwan gara garaa gadii mallattoowwan armaan olii wajjin walqabatanii dhufu.

Yaala kaansarii ulaa gadameessaa

Biyya keenyatti yeroo hedduu mana yaalaa kan deemamu erga mallattoon ba’ee irratti mul’atee booda. Kun ammoo yeroo baay’ee erga dhukkubni kun fagoo deemeefi yaaluunsaa rakkisaa ta’etti. Yeroo mallattoo argisiisees tahu gara mana yaalaa dhufan sadarkaa dhukkubichi irra jirurratti hundaa’ee yaaliiwwan gara garaa ni kennamu.

Qorichaan (‘chemotherapy’), xiyyaan (‘radiotherapy’), baqaqsanii muraniii baasuudhaan (‘surgery’), ykn ammoo walitti qabanii (yaaliiwwan kanneen) kennuudhaan wal’aanama. Sun ga’ee ogeessa fayyaa dhukkuba kana yaaluu yoo ta’u, dafnee deemuun immoo ga’ee keenya.

Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an,
Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Kiddus Phaawuloosiitti
baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

6 Comments to “Kaansarii ulaa gadameessa”

  1. Pingback: คอริ่ง

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *