Falaasama kaayizanii aadaa hojii fooyya’aaf

Falaasamni kaayizan waraana addunyaa booda lammii Jaappaan, Mistar Masaakii Immaayi jedhamuun kan bocame yoo ta’u, wayita ammaa guutummaa addunyaatti hojiirra oolaa jira. Itoophiyaanis falaasama kana sirnaan hojiirra oolchuuf bara 2002 Inistitiyuutii Qorannoo Kaayizanii hundeessiteetti. Maalummaafi faayidaa falaasama kaayizanirratti odeeffannoo inistitiyutichaa sanada “Itoophiyaatti Falaasama Kaayizan” jedhamurraa arganne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Jijjiiramni aadaa hojii barame tokko keessaa gara waan haaraatti osoo hince’iin dura isa moofaa gadi dhiisuufi muuxannoo haaraa fudhachuu gidduu kan jiruudha. Kunis namootni jiruufi jireenyasaanii keessatti haalota jijjiiramaa keessaafi alaan walsimatanii hojjechuuf adeemsa gargaaruudha.

Imalli jireenyaa bu’uurarraa sochiiwwan jijjiiramaatiin kan guutamteedha. Jijjiirama waliin adeemuudha malee karaa qaxxaamuraatiin bira darbuunis ta’e mormuun ofirra dabarsuun ykn ittisuun waan hindanda’amneedha. Kunis jijjiiramni uumama waan ta’eef adeemsa jijjiiramaa waliin walbaruun murteessaa ta’uu kan agarsiisuudha jechuudha.

Falaasamoota hojmaatanis ta’e bu’aa qabeessummaansaanii qabatamaatti mirkanaa’e keessaa falaasamni kaayizan kan hangafaati. Falaasamni kun ALA bara 1945 booda Jaappaanirraa kan argameedha. Hiiknisaas ‘kaayi’ jechuun jijjiirama ykn fooyya’insa jechuu yoo ta’u,  ‘zan’ jechuun ammoo waan gaarii ykn bu’aa qabeessa ta’e jechuudha.

Kaayizan jechuun egaa fooyya’insa gara jijjiiramaatti geessu jechuudha. Kaayizan tajaajilaafi qulqullina omishaalee dhaabbata tokkoo yeroo hundumaa fooyyessuun itti qufiinsa maamiltootaa guddisuuf falaasama hojii dandeessisuudha. Tokko tokkoon hojjettoota dhaabbatichaa ofiisaaniitiin dandeettiifi gahumsa qabanitti akka fayyadaman kaka’umsa kan uumuudha.

Falaasamni kun ammoo ummata Jaappaanirratti ilaalcha jijjiiramaa qabachuun akka guddataniif akka duudhaatti kan isaan gargaareedha. Jaappaanonni falaasamni kaayizan duudhaa jireenyaa akka ta’e fakkeenyaan yoo ibsan, “Namni tokko guyyoota walitti aanan sadiif osoo hiriyyootasaatti hinmul’atiin yoo hafe jijjiirama maalii akka fide beekuuf hiriyyootasaatiin barbaadamuu qaba” jedhu. Dubbiin Jaappaanotaa kunis namni dhokate kun jijjiirama fooyya’insa jireenyaa qabu fiduu akka qabu kan ibsuudha.

Akka falaasamichaatti, jijjiirami guyyaa guyyaatti galmaa’uu kan qabu yoo ta’u, namni martuu bakkaafi haala hojjetu hundumaa keessatti jijjiirama bu’a qabeessa ta’e galmeessuu qaba. Yaadiddamni isaas dhaabbanni mootummaas ta’e mitmootummaa guyyaa guyyaatti jijjiirama osoo hingalmeessiin oolee buluu hinqabu.

Jijjiirama itti fufiinsa qabu, hirmaachisaafi bu’aa waantota xixiqqoorraa argame, akkasumas baasii guddaa malee jijjiiramoonni maddaniifi hojiirra oolfaman ibsituuwwan falaasama kaayizaniiti. Kunis sirna hojmaataafi ilaalcha keenya jijjiiruun gara sadarkaa olaanaatti tooftaa nama geessu ta’uusaati.

Xiyyeeffannaan falaasama kaayizaniis haalota qabatamaatti mul’achaa jiran hubachuun sirna hojiifi naannawa ofii jijjiiruu danda’uudha. Jijjiirama keessatti gahee olaanaa taphachuu danda’a jechuun kan fudhate ammoo humna namaa keessumaa ammoo raawwachiistota. Hojjetaanis haala itti fufiinsa qabuun jijjiirama keessatti akka hirmaatuuf kan dammaqsuudha. Omishtummaan kaayizaniis qisaasama qabeeyaa hir’isuu danda’uudha.

Falaasamni kaayizan qulqullina hojiis kan mirkaneessuudha. Qulqullina yoo jedhamus omishaalee omishnu ykn ammoo tajaajila ummataa kenninu yoo ta’u, kunis baasii xiqqoodhaan humna tajaajila maamiltootni barbaadan dhiyeessuuf kan gargaaruudha.

Kunis adeemsa qulqullina hojii fooyyessuuf, dogoggoroota hojii keessatti uumaman dhorkuuf, omishaalee tajaajillisaanii irra darbe hir’isuufi qisaasama galteewwanii ittisuuf shoora olaanaa kan qabaatuudha. Qisaasama yeroo, qabeenyaafi humnaa hir’isuun ammoo galma falaasama kaayizan isa guddaadha.

Ittifayyadama yeroo fooyyessuun falaasama kaayizanii keessaa tokko ta’ee faayidaa olaanaa kan qabuudha. Kunis dhaabbileen kamuu dorgomaa akka ta’aniif kan gargaaru yoo ta’u, hojiilee barbaachisaa hintaane dhiisanii isa bu’aa qabeessa ta’e hojjechuu danda’uudha. Kana malees falaasamni kun dhimma nageenyaa iddoo hojiirratti nama mudataniifis xiyyeeffannaa guddaa kan kennuudha. Kunis nageenyi  iddoo hojii milkaa’ina karooraaf gahee olaanaa qabaachuusaa kan mul’isuudha.

Falaasamni kaayizanii yaadrimee hoggansa hojii waan ta’eef, akka  waan falaasama daandii jireenyaa ta’eetti fudhatama. Kunis imalli jireenyaa yeroo hunda guddina walirraa hincinne mul’isuu waan  qabuuf jiruufi jireenya dhala namaa waliin kallatumaan kan walqabatuudha. Falaasamni kaayizanii kan aadeffamuu danda’u yaadrimeesaa sirnaan hubachuufi teknolojiiwwan addaddaa hojiirra oolchuudhaani.

Yaadrimee kaayizanii hubachuun baay’ee kan rakkisuufi yeroo fudhatu miti. Teknolojiiwwan kaayizanis tooftaalee sasalphoofi  walxaxoo ta’an kan hammatuudha. Gabbachuus kan danda’u namootaafi dhaabbilee falaasama fudhatanii hojiirra oolchuuf qophii guddaa qabaniin qofa. Hoggansi dhaabbilee addaddaas falaasama kanarratti xiyyeeffachuunsaanii milkaa’ina kaayizanii isaan gonfachiisuu danda’a. Hirmaannaan hojjettootaa falaasama kanarratti qaban fiixa bahumsaaf gahee olaanaa qaba.

Falaasama kaayizanii kana keessatti jijjiiramoota itti fufiinsa qaban galmeessuuf tooftaalee shanan hojiirra oolchuun murteessaadha. Isaan kunneenis qulqulleessuu, gurmeessuu, sirreessuu, madaqsuufi fullaasisuudha. Kunis yaadrimee hoggansa hojii yoo ta’u, naannawa hojii ofii qindaawaafi hawwataa akka ta’u gochuuf tooftaalee gargaaran jechuudha.

Qulqulleessuun falaasama kaayizanii keessaa tokko yoo ta’u, wantoota barbaachisaniifi hinbarbaachisne adda baasuun warreen hinbarbaadamne sirnaan dhabamsiisuudha. Kunimmoo bakka hojii keenyatti wantoota hinbarbaachisne adda baasnee dhabamsiisuun iddoo hojii ofii hawwataa taasisuu danda’uudha.

Gurmeessuun ammoo meeshaalee hojii ofii haalaafi yeroo barbaachisaa ta’etti toora tooraan kaa’uun salphaatti faayidaarra akka oolan taasisuudha.

Sirreessuun naannawa hojii ofii, meeshaalee hojiifi maashinoota, akkasumas haala keessa jiran sakatta’uun kaawuudha.

Madaqsuunis naannawa hojii ofii gurmeessuufi hojmaata walfakkaataa ta’an diriirsuu jechuudha. Fullaasisuun ammoo tooftaa kaayizanii isa xumuraafi murteessaa yoo ta’u, sadarkaa iddoo hojii ofiifi qajeelfama hojii eeguutiin itti fufiinsa akka qabaatu gochuudha.

Dimshaashumatti, Itoophiyaatti falaasamni kaayizanii erga hojiirra oolfamee waggoota lakkoofisisuus sadarkaa barbaadamuun hojiirra oolfamaa hinjiru. Kanarraa kan ka’e qabeenyiifi bajatni murtaawaan biyyattiin qabdu sirnaan hojiirra oolaa hinjiru. Falaasama kana hojiirra oolchuun garuu murteessaa ta’uunsaa hubatamuu qaba.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

4 Comments to “Falaasama kaayizanii aadaa hojii fooyya’aaf”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *