Bar tokko jaarsatu ilmasaaniif intala ilaaluu gara naannawa tokkootti imalan. Akkuma qe’ee warra intalaa gahaniin ‘warri kun…warri kun…’ jechaa sagalee ol kaasanii waaman. Intalli warra manaas nooraa jettee gadi baate.
Jaarsis kuma horaa tikee wajjin jedhanii ulee harkasaanii lafa buusanii ol seenan. Intallis ulee jaarsaa irra tarkaanfattee gara manaatti ol seente. Maali warrikee mana hinjiranii jedhanii gaafatan. Intallis deebistee lakki warri keenya du’a gahii deemanii, xiqqoo eegaa dhufu jettee hojiishiitti fufte.
Akka tasaa intalli farsoo naquuf hunkuroo unkaraa jirti. Jaarsi inuma taa’u warri mucaa hindhufani, intallis unkurooshii unkuraa gidduu gidduuttis akka bilchaate ilaaluuf ammaartee siphachaa (afaaniin godhachaa) hojiitti qabamteetti.
Dabaltee daddabaltee unkuroo bilchaatee walqabate boohaa alanfachaa jaarsaan haasahaa jetti. Jaarsis hojiishii kana xiyyeeffannoon ilaalaa erga turanii mucaa koo ka’eetan deema warri keessanis galuu didanii jedhaniin. Intallis tole erga jettanii deemaa. Garuu eenyutu isin barbaaden jedhaan? jettee isaan gaafatte.
Jaarsis deebisanii yoo abbaankee nagaafate “Sochoosaa Siphat” isin gaafateera jedhii itti naaf dhaami jedhanii uleesaanii dugda dhumeen gadi jedhanii lafaa kaafatanii gara manasaaniitti deebi’[an.Turtii yeroo muraasaan booda warrishii bakka deemanirraa deebi’an.
Erga xiqqoo boqatanii booda abbaa jaarsi wayii dhufanii isin gaafatanii turan. Hedduu isin eeganii isin dhufuu dinnaan nan ariifadha jedhanii sokkan jettee abbaasheetti himte.
Abbaanshees eenyu jedhama, maqaansaanii? jedhanii gaafatan. Isheenis deebistee natti himaniiru, Sochoosaa Siphat naan jedhan jettee deebisteef. Abbaanshiis maqaan akkas jedhamu akka hinjirre erga baranii booda wayita jaarsichi dhufan maal dalagaa turte jedhanii gaafatan?
Intallis deebistee unkuroo farsoo unkuraan ture jetteen. Abbaanis deebisanii wayita unkuroo sana unkurtu nyaatteettaa jedhanii gaafatan. Isheenis ija saalfiin abbaashii ilaalaa, eeyyee jettee deebiste. ‘Mu, sin galchiin, badi siyaaballeessu’ jedhanii mataa qabatanii lafa ilaalan.
Abbaan intalaas intallisaanii ija dargaggeessaa buutee madaallii jaarsaan kufuushiitti gaddanii egereef gorsi akka isheef barbaachisu hubannoo kennaniif.
Akka aadaa Oromootti jaarsi guddaan durba madaaluuf yoo mana warra intalaa deemu balbala erga gahee ulee lafa buusa ykn balabala kaawwata. Intallis ulee jaarsaa lafaa fuutee ol galchitee hirkisuu dhiistee yoo irra tarkaanfatte guddis baddee jedhamti. Ulaagaa gaae’elaaf taa’us waan hinguunneef haftuu taati.
Kana malees gocha raawwattu mara keessatti naamusaafi of eeggannoo kan hingoone yoo taate dubartii jireenyaaf waa’ee hinbaasneedha jedhamtee waan jibbamtuuf aadaa, safuu, duudhaafi haala naannawaa beekuun dirqama.
Waasihun Takleetiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011
I came across your site wanting to learn more and you did not disappoint. Keep up the terrific work, and just so you know, I have bookmarked your page to stay in the loop of your future posts. Here is mine at 81N about Thai-Massage. Have a wonderful day!