“Oolee bulus Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa ta’uun dirqama” -Doktar Girmaa Mokonnon (Miseensa MMBBU)

Doktar Girmaa Mokonnon miseensa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa (MMBBU)ti.  Sadarkaa guddinni Afaan Oromoo irra jiru ilaachisuun gaaf deebii dhiyeenya kana gaazexaa Bariisaa waliin taasisan akka armaan gadiitti qindeessinee isiniif dhiheessineera.

Akkasaan jedhanitti, Afaan Oromoo waggoota 28 as erga afaan barnootaafi afaan hojii mootummaa naannoo Oromiyaa ta’ee as guddina gaariirra jiraatus sadarkaa barbaadamurra gaheera jechuun hindanda’amu. Waaltinni afaanichaas walfakkaatee deemaa hinjiru. Sabni Oromoo hundinuus bakka jirutti afaan isaa guddisuudhaaf gahee isa irraa eegamu  bahachaa hinjiru. Qorannoowwan afaan Oromoo irratti taasifamanis gahaa miti.  

Afaan Oromoo yuunivarsitiiwwan adda addaa keessatti hanga digirii sadaffaatti kennamaa kan jiru ta’us, gumii Afaan Oromoo yunivarsitiiwwan keessatti hundaa’aniif xiyyeeffannaa gahaan hinkennamne. Hojjettoonni waajjiraalee bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaas Afaan Oromoo caalaa Afaan Amaarifaatiin haasa’u. Afaan kamiyyuu dubbachuun gaariidha garuu afaan Oromoo abbummaadhaan guddisuun imaanaa ummata Oromoo hunda irraa eegamuudha jedhu Doktar Girmaan.

Afaan Oromootiin barachuufi hojjechuun bu’aa qabsoo wareegama lubbuufi dhiigaatiin argameedha. Bu’aa wareegamaan argame kana tikisuufi fuulduratti tarkaanfachiisuun ammoo gahee hunda keenyaa ta’uu qaba. Barsiisaan Afaan Oromoo barsiisu, barataan afaanicha baratuufi qorataan afaanicha irratti qorannoo adeemsisu guddinaafi misooma afaan Oromoo irratti sirriitti hojjechuun guddina afaanichaa sadarkaa barbaadamurraan ga’uuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjechuutu isaan irra eegama jedhu.  

Hundi keenya iyyuu guddina afaanichaa sadarkaa barbaadamurraan gahuuf gahee nurraa eegamu hinbaane kan jedhan Doktar Girmaan, Afaan Oromoo eenyummaafi mallattoo saba Oromoo waan ta’eef guddina afaanichaa irratti xiyyeeffannaan hojjechuu qabna. Afaanicha keessumaa magaalota naannichaa keessatti guddisuu, babal’isuufi dagaagsuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjetamuu qaba. Manneen barnootaa Afaan Oromoo kutaalee magaalaa Finfinnee keessatti jalqabamanis kutaalee magaalaa kurnan keessatti babal’isuun barbaachisaa ta’uu himu.

Manneen barnootaa Afaan Oromootiin magaalaa Finfinnee keessatti jalqabamanis ta’e kanneen gara fuulduraatti banaman keessatti barsiisota ciccimoo afaanicha barsiisuu, guddisuu, babal’isuufi dagaagsuuf xiiqiin hojjetan ramaduunis dhimma ijoo sirriitti irratti hojjetamuu qabuudha. Gamtaan maatii barattootaa cimaas ijaaramuu qaba.  Afaan kun Afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta’uuf hojiileen eegalaman cimanii itti fufuu qabu jedhu. Hindubbatu malee namni Afaan Oromoo hinbeekne hinjiru. Maaliif dubbachuu dide jennee yoo ilaalle ammoo ummatni Oromoo iyyuu Afaan isaa dhiisee Afaan biraa waan dubbatuufi. Afaan ibsituu aadaa, seenaafi eenyummaa saba tokkoo waan ta’eef keessumaa ummatni Oromoo afaan isaa guddisuu irratti xiyyeeffatee hojjechuun dhimma murteessaadha. Ummatni Oromoo afaan isaa akka guddatuufi dagaaguuf yoo irratti hojjeteedha sabni biraan ummata Oromoo waliin jiraatu afaanicha barachuuf fedhii horata jedhu.

Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa federaalaa yoo ta’e jijjiirama guddaa biyyattii keessatti ni fida. Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa taasisuun gaaffii ummata Oromoo waggoota dheeraaf ka’aa tureefi ka’aa jiruuf deebii kennuudha. Gaafiin kun deebii argate jechuun misoomni biyyattii itti fufsiisuudha. Afaan kana guddisuun ammoo tokkummaa, jaalala, guddina, misoomaafi qaroomina fida. Afaan Oromoo guddachuufi babal’achuun ummata Oromoo qofaaf utuu hintaane ummata biyyattiitiif iyyuu bu’aa guddaa qaba jedhu.

Hubannoo dhabuufi jibbiinsa afaanichaaf qabanirraa kan ka’e namoonni Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa federaalaa akka hintaane barbaadan jiru kan jedhan Doktar Girmaan, Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa taasisuun misooma mul’achaa jiru caalaatti ariifachiisuufi walitti dhufeenya ummatni Oromoo sabootaafi sablammoota biroo waliin qabus daran kan cimsu ta’uu himu. Guddinniifi babal’inni Afaan Oromoo waan nama sodaachisuufi shakkisiisu tokkollee hinqabu. Warri guddina afaanichaa jibbanis yaada isaanii jijjiirachuu qabu. Waljibbanii eessayyuu gahuun hindanda’amu; waljaallannaan garuu bakka barbaadan gahuun ni danda’ama.

Mootummaa federaalaan bulu keessatti afaan hojii ta’uu kan qabu afaan sabni bal’aan dubbachuu danda’uudha kan jedhan Doktar Girmaan, Afaan Oromoo ammoo afaan ummatni bal’aan dubbatudha. Oolee bulus Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa ta’uun dirqama jedhu.

Namni misooma dura gaaffii eenyummaa dursa. Qeerroon Oromoos eenyummaa isaanii irratti ejjennoo cimaa qabu. Afaan Oromoo handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti afaan hojii mootummaa federaalaa taasisuun lammiin Oromoo Afaan Amaarifaatiin hojjechuu hindandeenye Afaan Oromootiin waajjiraalee mootummaa federaalaa keessatti akka qacaraman taasisuudhaan rakkoon hojidhabdummaa furuu keessattis gahee guddaa qaba. Rakkoo ummatni Oromoo yeroo ammaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa keessatti qarshii kuma kudhanii ol kaffaluudhaan turjumaana dhaabbatee tajaajila argachaa jirus akka furu ibsu.

Mootummaa federaalaa keessatti afaan lamaa ol afaan hojii mootummaa ta’uu ni danda’a kan jedhan Doktar Girmaan,  Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa yoo ta’e, Afaan Amaariffaa waliin qixa tajaajila. Afaan biraan yoo dhufes walqixa tajaajilu jechuu ta’uu ibsu.

Barreffamoonni Afaan Oromoo hedduun dogoggora qubee qabu. Qulqullinni barnootaa akkuma biyyaattuu rakkoo guddaarra kan jiru ta’us qulqullina barreeffama Afaan Oromoo mirkaneessuu keessatti barsiisaa afaanicha barsiisuufi barataan afaanicha gumaacha olaanaa taasisuu qabu. Barsiisaafi barataan qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa kan qaban ta’uu addeessu.  

Waa’ee guddina afaan Oromoo irratti hanga tokko hojjechaa kan jiru Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromoyaati. Miidiyaaleen Afaan Oromootiin hojjetanis dhimma afaan Oromoo guddisuu irratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Gaazexoonniifi barruuleen adda addaa afaanichaan qophaa’anis guddina afaanichaatiif ga’ee guddaa waan qabaniif gaazexaa Bariisaa dabalatee barruuleen Afaan Oromootiin qophaa’an ummata bira gahanii akka ummatni dubbisee irraa baratu taasisuun barbaachisaadha jedhu.

Aartistoonnis guddina afaaniifi aadaa saba tokkootiif gumaacha olaanaa taasisu kan jedhan Doktar Girmaan, sirbi tokko ergaa barreeffamni fuulla tokko dabarsu caala ergaa dabarsa. Kanaafuu aartistoonni Oromoo gurmaa’anii afaaniifi aadaa Oromoo akka guddisaniifi dagaagsaniif haalli mijaa’uufii qaba. Ummatnis kitaabotaafi barreeffamoota afaan Oromootiin qophaa’an bitatee dubbisuu irratti fedhiifi kaka’umsa guddaa horachuu qaba. Fedhiin keessa keenya jiraannaan waan barbaannu hojjechuu akka dandeenyus ni kaasu.

Akka Doktar Girmaan jedhanitti, Aartistoonni Oromoo guddina afaanichaaf carraaqan hedduun ni jiru, ummatni Oromoos keessumaa waggoota lamaa as eenyummaa isaa hubatee hojjechaa socho’aa jira. Afaaniifi aadaa keenya guddisuufi dagaagsuuf yeroon itti muddinee hojjechuu qabnu amma.  Artistoonni Oromoo hedduun Afaan Amaariffaatiin hojjechaa jiran akka isaan afaan Oromootiin hojjetaniif haalli mijaa’uufii qaba; humnaanis ta’e maallaqaan deggeramuu qabu jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Oolee bulus Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa ta’uun dirqama” -Doktar Girmaa Mokonnon (Miseensa MMBBU)”

  1. Pingback: trustbet
  2. Pingback: ส่งsms

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *